“Nageenya waaressuuf ejjennoon mootummaa marii nageenyaa eegalame ittifufsiisuudha” -Obbo Addisuu Araggaa

Finfinnee: Nageenya waaressuuf ejjennoon mootummaa marii nageenyaa eegalame cimsee ittifufsiisuu akka ta’e Hogganaan Damee Subqunnamtiifi Qunnamtii Idil Addunyaa Paartii Badhaadhinaa Biyyaalessaa Obbo Addisuu Araggaa ibsan. Waadaa ummataaf seename dhugoomsuuf hariiroon hooggansaafi ummataa daran kan cimu ta’uus hubachiisaniiru.

Ministiroonni, komishinaroonniifi hoggansi federaalaa sadarkaan jiru hordoffiifi gamaggama raawwii hojii yeroo ammaa naannoleetti taasisaa jiran ilaalchisee Obbo Addisuun addatti Dhaabbata Pireesii Itoophiyaa waliin turtii taasisaniiru.

Akka isaan jedhanitti, koggansi kun Tigraayiin ala naannolee hundatti gabaasa dhiyaatuufi haala qabatamaa lafa jiru adda baasuu, raawwii karoora bara 2015, qaala’iinsa jireenyaa, rakkoo nageenyaafi sochii misoomaa  ilaalchisee to’annoofi hordoffii taasisaa jira.  Paartiin Badhaadhinaa wayita gara aangootti dhufe nageenya waaressuu dabalatee waadaa ummataaf seene dhugoomsuuf gad bu’anii ummata dhaggeeffachuun akkasii gumaata guddaa qaba.

Garaagarummaan ilaalchaa calaqqee sirna dimokiraasiiti kan jedhan Obbo Addisuun; garaagarummaa kana mariidhaan furuurra humnaafi afaan qawwee filachuun miidhaa malee waan bu’aa hinqabneef faalasama mootummaan mariifi marabbaaf kenne qaamotni kaanis hordofuu akka qaban yaadachiisaniiru.

Waraana Itoophiyaa kaabaafi bal’achuu dirree dimokraasiin walqabatee biyya ce’umsarra jirtu diiguuf sochii hamaan taasifamuus eeranii, balaa kana qolachuuf mootummaan ummata waliin bal’inaan mari’achuutti dabalee qaamolee nageenyaas bobbaasuu dubbatu.  Kana malees, qaamolee hidhatanii nagaa booressaa jiran  gara nagaatti deebisuuf hojii bal’aa hojjetaa jiras jedhan.

Rakkoo nageenyaa naannolee Tigraayi, Gaambeellaafi Beenishaangul Gumuz ture mariidhaan goolabuun injifannoo boonsaan galmaa’uu eeranii; qaamolee seeraan ala hidhachuun Oromiyaatti boora’uu nageenyaatiif sababa ta’anis mootummaan mariifi marabbaan gara nagaatti akka deebi’anniif kutannoon hojjetaa jiraachuu ibsaniiru.

Gama biraatiin inisheetiviin qaala’iinsa jireenyaa maqsuuf Ministira Muummeetiin boocamee gad bu’e sadarkaa akkamiirra akka jiruufi sochiin omishaafi omishtummaa guddisuu maal akka fakkaatu hubachuuf hoggansi qabxii gamaggamaa (check list)n deeggaramee hojjechaa jiraachuu ibsaniiru.

Rakkoolee ummatni kaasu kanneen achitti furaman achumatti furmaata kan kennan yommuu ta’u, kaan karoora ittaanu keessatti qabachuun kan  itti adeeman ta’uu Obbo Addisuun eeraniiru.

Haaluma walfakkaatuun pirojektonni akka maaddii guutuu, maaddii qooduu, maaddii biyyaafi misooma ashaaraa magariisaa dhimmoota hoggansichaan ilaalaman ta’uu himanii; duubdeebiin argames daran abdachiisaadha jedhan.

Raawwii hojii ilaalchisee garaagarummaan naannoofi naannoo akkasumas godinaafi godina gidduu jiru kutannoo hoggansaarratti kan hundaa’e ta’uu eeranii; haa ta’uutii, dhaabbii biqiltuu guyyaa tokkotti miliyoona 500 ol dhaabameefis ummatni roobaafi qorraan osoo hindaangeffamiin jaalalaafi aantummaa hoggansasaaf qabu kan itti mul’ise ta’uu ibsaniiru. Xiiqiifi kutannoo inni qabatamaan mul’iseefis ummata galateeffataniiru.

Gama biraatiin Gareen To’annaafi Hordoffii Mootummaa Federaalaa gabaasa supparviizhinii Naannoo Oromiyaa godinaalee afuritti gaggeessaa ture bakka hoggansi Naannoo Oromiyaafi Federaalaa argamanitti dheengadda dhiyeesseera.

Pirezidaantiin Mootummaa Naannoo Ormiyaa Obbo Shimallis Abdiisaa sagantaa kanarratti akkka dubbatanitti naannichatti dinagdee biyyaa kallattii hundaan jijjiiruuf xiyyeeffannoon hojjetamaa jiraachuu ibsaniiru.

Otoo injifannoo muraasa argametti hinquufiin cimanii jijjiirama olaanaa galmeessisuuf hojjechuun murteessaa ta’uus eeranii, dhimma barnootaarratti fuulleffachuun hojjechuu, dinagdeen biyyaa akka cimuufi sirna cimaa ijaaruu kallattii waloo taasifachuun hojjetamaa jiraachuu dubbataniiru.

Walittiqabaan garechaafi Ministirri Barnootaa Pirofesar Biraanuu Naggaa akka jedhanitti naannichatti hojiin misoomaa abdii biyya kanaa ta’uu danda’u hojjetamaa jira.

Sochii jijjiirama guddaa agarsiisaa jiru ittifufsiisuun muuxannoo Naannoo Oromiyaatti mul’achaa jiru gara naannolee birootti babal’isuun gudina waliinii galmeessuun barbaachisaa akka ta’e himameera.

Naannoo Oromiyaatti hojii damee barnootaa ammayyeessuufi qulqullina barnootaarratti hojjetamaa jiruun bu’aa gaariin mul’ateera. Hojii waliin gahiinsarratti hojjetamu ittifufsiisuun murteessaa ta’uu eeruusaanii BKOn gabaaseera.

Waaqshuum Fiqaaduutiin

BARIISAA SANBATAA Adoolessa 15 Bara 2015

Recommended For You

7 Comments to “ “Nageenya waaressuuf ejjennoon mootummaa marii nageenyaa eegalame ittifufsiisuudha” -Obbo Addisuu Araggaa”

  1. Pingback: post
  2. Pingback: 토토추천
  3. Pingback: 스포츠 분석

Comments are closed.