Finfinnee: Yuunivarsitiiwwan biyyaattii 16 sagantaalee barnootaa adda addaatiin barattoota kuma 32fi 849 eebbisiisan.
Haaluma kanaan Yuunivarsitiin Finfinnee barattoota digrii jalqabaa, 2ffaafi 3ffaan barsiise 8,868; Yuunivarsitiin Jimmaa digrii jalqabaatiin barattoota 1,835, digrii 2ffaa 282fi digrii 3ffaan torba walumaagalatti barattoota 2,124; Yuunivarsitiin Waldiyaa barattoota 1,359; Yuunivarsitiin Arbaa Minci barattoota 1,362; Yuunivarsitiin Walqixxee barattoota 1,195; Yuunivarsitiin Samaraa barattoota 1,309; Yuunivarsitiin Dirree Dhawaa barattoota 1,211fi Yuunivarsitiin Waachaamoo barattoota 2,276 eebbisiisaniiru.
Haaluma walfakkaatuun Yuunivarsitiin Amboo barattoota 3,753; Yuunivarsitiin Injibaaraa barattoota 754; Yuunivarsitiin Madda Walaabuu barattoota 4,017; Yuunivarsitiin Mattuu barattoota 647; Yuunivarsitiin Salaalee barattoota 855; Yuunivarsitiin Bulee Horaa barattoota 1,299 akkasumas Yuunivarsitiin Diillaa barattoota 1, 829 tibbana eebbisiisaniiru.
Sirna eebbaa kanarratti namoota guddina biyyattii keessatti gumaacha olaanaa qaban weellistuu Ijjigaayyoo Shibaabbaawuuf (JiJii) dabalatee badhaasni doktarummaan kabajaa kennameera.
Eebba barattootaa Yuunivarsitii Finfinneerratti kan argaman Pirezidaantiin Itoophiyaa Aadde Saahilewarqi Zawudee eebbifamtoonnis, muuxannoofi beekumsa argataniin kutannoon ummata tajaajiluu akka qaban dhaamaniiru.
Riippoortara Gaazexichaatiin
BARIISAA SANBATAA Adoolessa 15 Bara 2015
4 Comments to “Yuunivarsitiiwwan barattoota kumaatamaan lakkaa’aman eebbisiisan ”
Comments are closed.