Shaampiyoonaan guddattoota Oromiyaa olaantummaa Shaggariin goolabame

Shaampiyoonaa ispoortii Olompikii guddattoota Oromiyaa 8ffaa Magaalaa Adaamaafi Asallaatti gaggeeffamaa ture olaantummaa Bulchiinsa Magaalaa Shaggariin goolabamuu Biiroon Dargaggoofi Ispoortii Oromiyaa beeksise.

Dorgommii Shaampiyoonaa ispoortii guddattoota Oromiyaa 8ffaa magaalaa Adaamaafi Asallaatti guyyoota torbaaf gaggeeffame kun olaantummaa Bulchiinsa Magaalaa Shaggariin xumura argateera.

Dorgommii akaakuuwwan ispoortii gara garaa korniyaawwan lameeniin kan gaggeeffame shaampiyoonichi kanneen injifatan badhaasuufi beekamtii addaa kennuun xumurameera. Hogganaa Ittaanaan Biiroo Dargaggoofi Ispoortii Oromiyaa Obbo Dassaalanyi Xilaahun sirna cufinsa shaampiyoonichaarratti argamuun badhaasaafi beekamtii kennnaniiru.

Ispoortiin Olompikii bifa kanaan gaggeeffamuunsaa misooma ispoortii daran kan cimsu, hariiroo obboleeyyanii kan jabeessu kanamalees atileetiksii Oromiyaan maqaa Itoophiyaa ittiin waamsisaa jirtu jajjabeessuu keessatti bakka olaanaa akka qabu ibsaniiru.

Guddattoota injifannoo galmeessisaniif beekamtiifi waancaa kennuun waldorgommichi kan goolabame yoo ta’u, mudaa tokko malee xumuramuunsaa ispoortiin jaalala isa jedhu hojiitti kan hiikeedha jedhaniiru.

Haaluma kanaan Bulchiinsi Magaalaa Shaggar gama hundaan olaantummaadhaan dorgommicha kan xumure yoo ta’u, badhaasaafi beekamtii Obbo Dassaalany harkaa fudhataniiru.

Shaampiyoonaan alanaa akaakuuwwan ispoortii gara garaafi paaraa olompikii kan hammate yoo ta’u, misooma ispoortii Oromiya keessatti babal’isuuf hojjetamaa jiru akkasumas dargaggoonni qaamaafi sammuun akka ijaaraman shoora olaanaa waan taphatuuf cimee ittifufuu akka qabu ibsameera. Biiroo Dargaggoofi Ispoortii Oromiyaarraa odeeffanne.

Waasihun Takileetiin

BARIISAA SANBATAA Adoolessa 8 Bara 2015

Recommended For You

4 Comments to “Shaampiyoonaan guddattoota Oromiyaa olaantummaa Shaggariin goolabame”

Comments are closed.