Tibbi gannaa amma keessa jiru yeroo waa’een qabeenya uumamaa kunuunsuu, biqiltuu dhaabuufi kanaan walqabatan bal’inaan ka’aafi irratti hojjetamaa jiruudha.
Doktar Gammadoon hayyuu dhimmoota eegumsa naannawaa, lubbuqabeeyyii, biqiloota biyya keessaafi kkf irratti quuqama guddaadhaan hojjetaa jiraniifi turaniidha. Turtii tibbana Gaazexaa Bariisaa wajjin taasisaniin faayidaa qabeenya uumamaa eeguufi kunuunsuun qabuufi kkf irratti yaada ittaanu kennanii turan.
Qabeenya uumamaa eeguu
Oggaa waa’ee qabeenya uumamaa eeguu kaasnu dhimmi biqiltoota biyya keessaatu ka’a. Qabeenya uumamaa kan eegnu tajaajilli jireenya hawaasummaa, aadaa, dinagdeefi hafuuraa dhala namaa hundi waan isaan walqunnamaniifi. Namni fayyaqabeessa ta’u barbaade qabeenya uumamaa wajjin araaramuu qaba. Sammuun qabeenya uumamaatiin wal’aanama. Baasii keenya hunda yoo fudhanne ykn akaakuuwwan midhaanii erga dhalannee kaasnee nyaanne haa tarreessinuutii, maddi hundasaanii qabeenya uumamaati.
Fakkeenyaaf xaafii yoo fudhanne akaakuu qabeenya lubbuqabeeyyii Itoophiyaa keessaa isa tokko. Kanneen biroos tarreessuun ni danda’ama. Walumaagalatti qabeenyi uumamaa eegamuu qaba. Mirga eegamuus qabu. Garuu isaan eeguun kan nu dirqisiisu fayyina, qilleensa qulqulluufi kkf argachuufi.
Biqiltuulee biyya keessaa
Biqiltuuleen biyya keessaa haaluma uumamaasaanii keessatti tajaajila kennaa waan turaniif kan alaa fidneen bakka buusuurra yoo isaanuma fayyadamne hariiroon sun fayyaalessa ta’ee tajaajilaa irraa barbaadnu nuu kennuu danda’a. Kanaafi, qabeenyawwan uumamaa eeguu qabna kan jennuuf. Oggaa kana jennu garuu akeeka wayitiif, dhimma addaa tokkoof, fedhii addaa indastiriif kan alaa hinfayyadamnu jechuu miti.
Fakkeenyaaf muka baargamoo otoo dura bu’oonni duraanii Itoophiyaa alaa fidanii Inxooxoorra dhaabuu baatanii bakkichi golgolaa’ee magaalaan kun ni bada ture; faayidaa qoraaniif kennu dabalatee jechuudha. Baargamoodhaan walqabatee waantonni falmisiisoon jiraatanis yoo akeeka wayiitiif fidnee dhaabne homaa miti.
Kan biyya keessaa qofa otoo hintaane warri kaanis nu barbaachisu, qoraan fa’iif waan oolaniif. Ummanni biyya keenyaa baay’een nyaata kan bilcheeffatu qoraaniini. Qoraaniif ykn indastiriif yaadamee kan alaa galu yoo fayyadamne dhiibbaan qabeenya uumamaarra ga’u ni hir’ata. Iddoon biqiltuun biyya keessaa ittibarbaadamu waan jiruuf isa achumatti kunuunsuu barbaachisa. Kanneen omishafa’iif barbaadnu ammoo alaa fidnee fayyadamuun dirqama.
Bosona daldalaa
Keessumaa kanneen bosona dhimma daldalaatiif jedhaman babal’isanii ittifayyadamuun gaariidha. Sababiinsaas ummanni biyya keenyaa baay’een nyaata bilcheeffachuuf qoraan waan fayyadamuuf. Fedhii kana guuttachuuf gara qabeenya uumamaa deemuurra kanneen irranatti eerretti fayyadamuun gaariidha.
Waliigalaan qabeenya uumamaa kabajanii fayyadamuun, kunuunsuun, sirnaan qabuun, misooma waaraatiif oolchuun kana qofatu nu baasa jedhamee kan murtaa’u otoo hintaane akkuma haalasaatti kan ilaalamuudha.
Itoophiyaa…
Ani namoota sirriitti Itoophiyaafi waa’eeshii beekan keessaa tokko. Biyyoota addunyaa hedduus argeera. Garuu kan akka Itoophiyaatti haala qilleensaafi qabeenya uumamaatiin badhaadhe hinjiru. Qabeenya qabnu kunuunsuu dhabuun keenya aarsaa akkamii nu kanfalchiisaa akka jiru namoonni biyyaa bahanii ilaalanii deebi’an sirriitti ibsanii agarsiisuu waan hindandeenyeef yoo ta’e malee Itoophiyaatti waantonni hundi haala walsimataa ta’een jiru jechuun ni danda’ama; yoo jiraatellee muraasa. Fakkeenyaaf yeroo gannaa Itoophiyaatti uffannaa kettaa (shamizii) qofa uffachuun ni danda’ama. Kana kan fide sanyiiwwan qabeenya uumamaa biyya keessaati.
Itoophiyaan qabeenya uumamaatiin adduma. Biyyi adda taate tun qabeenya uumamaashii adda ishee taasise addaan baastee beekuu qabdi. Qabeenyashii uumamaa adda ishee taasise sirnaan qabachuun, misoomaaf oolchuun, haala dhaloota ittaanuun kunuunsuun, eeguufi hogganuun, sirna diriirsuun, sirnicha fayyaalessa gochuun murteessaadha. Dirqamni kana gochuu ammoo hoggantootaafi lammiileeshii harka jira.
Paarkii Michummaa
Paarkii Michummaa fakkeenyumaaf yoo fudhanne, bakka sana dur haalli fooyya’aan akka ture hubachuun nama hinrakkisu. Hanqinni dhiphina bakkaa otoo hintaane rakkoon yaadamaa akka jiruudha kan namatti agarsiisu. Raakkoon yaadamaa kun yoo baadiyyaa ta’e lafa hunda gara qonnaatti, magaalaatti lafa jiru ijaarsaaf oolchuurra misoomni uumama wajjin walsimatu karoorfamee hojjetamuu qaba. Kunis sirnaan hogganamuu qaba. Hojiin akkanaa yeroo murtaa’etti bifa duulaatiin kan adeemsifamu otoo hintaane sirnaan, hojmaata jaarmiyaatiin kan mil’atameefi utubame ta’uu qaba.
Charinnat Hundeessaatiin
BARIISAA SANBATAA Adoolessa 8 Bara 2015
5 Comments to “ Fayyummaaf qabeenya uumamaa wajjin araaramuu qaba”
Comments are closed.