Gareen kubbaa miilaa biyyaalessaa dubartoota Itoophiyaa Olompikii Paarisiitiif qophii xumuraa jira

Finfinnee: Bara 2024 qopheessummaa Faransaayiin Paarisitti kan gaggeeffamu taphoota Olompikii irratti kan hirmaatu gareen kubbaa miilaa biyyaalessaa dubartootaa Itoophiyaa qophii cimaa taasisaa jiraachuun himame.

Gareen Itoophiyaa bakka bu’uun olompikicharratti hirmaatu shaakala erga eegalee torban tokko caaluu kan himan Leenjisaan Garee Kubbaa Miilaa Biyyaalessaa Dubartootaa Firew Hayilagabreel, guyyoota kanneenittis shaakala gaarii marsaa duraatiin Chaad waliin morkachuuf isaan dandeessisu taasisaa turuu dubbatu.

Gareen kubbaa miilaa dubartoota Itoophiyaa bu’aa yeroo gabaabaa qofaaf osoo hintaane, milkii yeroo dheeraatiif jecha taphattoota guddattootaaf dursa kennuudhaan bifa haaraan ijaaramaa jiraachuu kan himan leenjisaan garichaa, gareen yeroo ammaa shaakallii irra jirus irra jireessaan taphattoota haaraafi guddattootaan kan guutame ta’uu ibsu.

Kana jechuun garuu taphattootni buleeyyiiniifi muuxannoo qaban hinjiran jechuu akka hintaane akeekkachiisanii, taphattootni muuxannoofi maqaa gaarii qabanis garicha keessatti hammatamanii shaakalaa jiraachuus kaasaniiru.

Qophii taphoota olompikii kanaaf guyyatti yeroo lama shaakaluudhaaf karoorfatanii kan turan ta’uu TOI tti kan himan leenjisaan garichaa, haa ta’uu malee sababa roobaatiin karoorichi akka barbaadametti raawwatamuu dhabus guyyoota roobni hinjirretti bakka buusanii shaakalaa jiraachuu ibsaniiru.

Akka ibsasaaniitti,taphattoota garichaaf filataman keessaa harki caalu taphattoota guddattootaa garee umurii 20 gadii keessatti maqaa gaariifi dandeettii addaa agarsiisaniidha. Tapha calallii olompiikii kanaaf yeroo ammaa garichi taphattoota 24 ta’an hammatee qophii taasisaa jira.

Taphoota olompikii Paariis 2024 irratti hirmaachuudhaaf Gareen Itoophiyaa Zoonii Afrikaa keessaa tapha jalqabaa Adooleessa 3 Chaad waliin kan morkattu ta’uunis barameera.

Bayyanaa Ibraahimiin

BARIISAA SANBATAA Adoolessa 1 Bara 2015

Recommended For You

4 Comments to “ Gareen kubbaa miilaa biyyaalessaa dubartoota Itoophiyaa Olompikii Paarisiitiif qophii xumuraa jira”

  1. Pingback: bos dultogel
  2. togel resmi terpercaya

    Coloringville: Үouг Premier Destination fоr Trusted Togel Gaming

    ᒪooking fⲟr dultogel? Visit Coloringville fоr tolto macau
    4ⅾ games that offer exciting play and secure betting options.

    Feel free tօ visit my page; toto togel

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *