Baay’een keenya sababa balaa tiraafikaatiin namoota aantee keenya yookiin dhihootti beeknu dhabnerra jedheen yaada. Yookiin ammoo balaawwan sukkanneessaatiin namoonni baay’ee bakka tokkotti yommuu dhuman dhageenyee gaddineerra ta’a. Baay’een manasaaniitii nagaadhaan ba’anii kan hindeebi’in hafan, karoora baay’ee qabatanii bira osoo hinga’iin kan hankaakan, waadaa maatiifi biyyaaf seenan bira utuu hinga’iin karaatti hafaniiru.
Sababa dogoggora konkolaachisaa, nageenya konkolaataa, hubannoo dhabuufi sababoota kaaniin lubbuun baay’otaa darbeera; qabeenyi hedduunis barbadaa’eera. Miidhaa kanaan nama dhuunfaarraa kaasee hanga biyyaatti kasaaraa olaanaan qaqqabeera. Daa’imman haadhaafi abbaa malee, maanguddoonni soortotasaanii malee hafaniiru. Namni baay’ee godaannisa balaa tiraafikiin qaqqabeen onneensaa cabee, ammallee bo’aa jiraata.
Kan nama gaddisiisu ammoo balaa kana guutummaan guutuutti dhabamsiisuun yoo dadhabamellee daran hir’isuun osoo danda’amuu sababoota to’annoo keenya ala hintaaneen miidhaan hammana hinjedhamne kun guyyuu qaqqabuusaati.
Dhimmi kun xiyyeeffannaa akka argatuuf mootummaan sadarkaa sadarkaatti qooda fudhattoota waliin hojiiwwan garagaraa hojjetaa jira. Akka Oromiyaattis Ejensiin Geejibaa Oromiyaa hojii mirkaneessa nageenya tiraafikii keessaa tokko kan ta’e balaa tiraafikii hir’isuuf kallattii addaan hojjetaa jiraachuu ragaaleen ejensichaa ni mul’isu.
Balaa tiraafikii hiri’suuf hubannoo nageenya tiraafikii irratti hawaasni qabu tooftaalee adda addaatti gargaaramuun akka cimu, balaan tiraafikii gama hundaan %5n akka hir’atu ciminaan hojjachuu, hawaasni sodaa balaa tiraafikiirraa bilisa ta’ee nagayaan bahee galuufi miidhaa lubbuufi qabeenyaa sababa balaa tiraafikiitiin gahaa jiru akka hir’atu taasisuufi kanneen biroorratti xiyyeeffannaadhaan hojjetaa jira.
Akkasumas, konkolaachistoota, to’attoota, barattootaafi qaamolee dhimmichi ilaallatuuf leenjii hubannoo kennuurratti kan hojjetu yoo ta’u, to’annoowwan nageenya tiraafikii idilee, daandii raadaariin, alkool teestarii, teeknikii konkolaataa tasa geggeesuunis hojiilee ejensichi ittiin hojjetaa jiru keessatti argamu. Koree nageenya tiraafikii sadarkaa adda addaatti dhaabuufi jajjabeessuu, gumii nageenya tiraafikii manneen barnootaa keessatti dhaabuu, mallattoolee nageenya tiraafikii dhaabuu, qaxxaamura lafoo deemtotaa /zebra/ dibuu, bakka balaan tiraafikii deddeebi’ee gahu adda baasuullee bal’inaan raawwataa tureera.
Keessumaa nageenya tiraafikaarratti ji’a ji’aan bifa idilaa’een hanga sadarkaa aanaaleetti sosochiin torbee nageenya tiraafikiitiin kennamaa kan jiru yoo ta’u, kunis mataduree “Balaa tiraafikii hir’isuuf anis gaheen qaba!” jedhuun hojjetamaa jira.
Akka waliigalaatti sababiin ka’umsa balaa tiraafikii Naannoo Oromiyaa of danda’ee qorannoo sayinsaawaa ta’een adda bahee akka dhiyaatu boordiin koree nageenya tiraafikii kallattii kan kaa’e yoo ta’u, haaluma kanaan gareen qo’annoofi qorannoo namoota afur qabu hundaa’uun qorannichi gaggeeffameera.
Dimshaashumatti balaan qomoo, sanyii, amantii, gootummaa, qabeenyaafi wantoota biroo osoo hinfilatiin mana nama hundaa rukutu kun tattaaffii mootummaan taasisuun qofa hir’achuu hindanda’u. kana keessatti gaheen hawaasaa olaanaadha. Hawaasni mirgaafi dirqamasaa beekee nageenya tiraafikii eegsisuu keessatti qoodasaa ba’achuu mala. Yommuu konkolaachisaan balleessee tiraafikiin adabu irra goree balleessaa dhoksuufiirra balleessaasaarraa akka baratuuf saaxiluu qaba. Gaafa namni akka meeshaatti walirratti fe’amu “hinta’u” jedhee dhaabsisuu qaba.
Miidiyaanis yommuu balaan qaqqabu miidhaa ga’e gabaasuu qofa osoo hintaane ummata barsiisuufi hubachiisuurratti hojjechuu qabu. Yoo kana ta’e balaan guyyuu dhaga’uuf namatti ulfaatu dhageenyu hir’achuun sadarkaa yaaddoorraa gadi bu’uu mala. Keessumaa tibba gannaa kanatti balaan tiraafikii sababoota adda addaatiin waan baay’atuuf yeroo kamuurra of eegannaa cimaa gochuun barbaachisaadha.
Saamraawiit Girmaatiin
BARIISAA SANBATAA Adoolessa 1 Bara 2015
11 Comments to “ “Balaa tiraafikaa hir’isuu keessatti anillee ga’ee qaba””