Qormaatni har’aa dhaloota barateen bor furmaata argata

Finfinnee: Kufaatiin sirna barnootaa mudate akka biyyaatti erga ajandaa ijoo ta’ee bubbuleera. Waggaa keessa jirru kanatti barattoota qormaata seensa dhaabbilee barnoota olaanaa qoraman keessaa %3 qofti darbuun dhimma rifaatuu guddaa uumeedha.

Rakkoo qulqullina barnootaa maqsuuf tarkaanfiiwwan garagaraa fudhatamaa jiraatanillee naannoleen hundi walfaana tarkaanfiitti seenaniiru jechuun nama rakkisa. Haa ta’uutii, Oromiyaan duula qulqullina barnootaa adeemsisaa jiruun naannolee biroofuu fakkeenya gaarii ta’uun dhugaadha.

Roobii darbe wayita feestivaaliin Manneen Barnootaa Bultii Addaa Ifa Boruu Sadarkaa 2ffaafi Manneen Barnootaa Addaa Adaamaatti eegalameera. Nutis yaada bal’aa Pirezidaantiin Mootummaa Naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaa kufaatii qulqullina barnootaa, qormaata biyya mudataa jiruufi carraaqqii akka naannichaatti jiru ilaalchisanii kaasanirratti fuulleffanneerra.

Akka isaan jedhanitti, cabiinsi qulqullina barnootaa uumame yeroo gabaabaatti kan keessaa ba’amu miti. Dhamaatii guddaafi hirmaannaa hundaa kan gaafatuudha. Kana kan hubate mootummaan naannichaa sammuu dhalootaa daa’imummaatti qaruuf manneen qulqullinaa Manneen Barnoota Bu’uura Boruurraa eegalee xiyyeeffannoo addaatiin hojjetaa jira.

Qormaatiwwan garagaraa biyyattii mudataa jiru dhaloota har’a barnoota qixa sirriin barateen waan furamuuf mootummaan naannichaa barnootaafi teknolojiirratti xiyyeeffannaan hojjetaa jira kan jedhan Obbo Shimallis; haaluma kanaan ummata daangaa hanga daangaatti sochoosuun manneen barnootaa ijaaruun ala barattoota qaxalee baay’inaan horachaa jiraachuus ibsaniiru.

Sochii hoggansa naannichaa, hoggansa manneen barnootaa, caasaalee sadarkaan jiraniifi hirmaannaa hawaasa bal’aatiin waggoota muraasa keessatti manneen barnootaa idilee duraa kan duraan naannicha keessatti hinbeekamne kuma 10fi 800 ol ijaaruun tajaajila kennisiisuun danda’ameera.

Baranas manneen barnootaa Bu’uura Boruu kuma shan dabalataan ijaaruun cabiinsa qulqullina barnootaa bu’uurarraa furuuf xiiqiin itti adeemamaa jira.

Barnootni akka qonnaa waggoota lama sadii keessatti firii kan kennu miti kan jedhan Obbo Shimallis; egereen biyyaa waan dhaloota har’aa keessatti ilaalamuuf egeree bareedaa naannichaafi biyyaatiif mootummaan naannichaa waan qabu hundaan damee barnootaa tumsaa jiraachuu eeraniiru.

Dhalootni har’a barnootarra jirus akka dhaloota darbee walhanqattee ta’uurra aadaa, duudhaafi safuu hawaasasaa guddisaafi mul’isaa barnoota ammayyaatiinis sammuu gabbifachuuf of qopheessuu akka qabus eeranii, kan of ta’etu biyyaaf barbaachisa waan ta’eef akkuma barnootni Gadaa kennamaa jiru bara barootaa 2016 eegalees barnootni Safuu kan jalqabamu ta’uu himaniru.

Waaqshuum Fiqaaduutiin

BARIISAA SANBATAA Adoolessa 1 Bara 2015

Recommended For You

5 Comments to “ Qormaatni har’aa dhaloota barateen bor furmaata argata”

  1. Pingback: auto swiper
  2. Pingback: hihuay

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *