Finfinnee: Boorana, aanaalee Mi’oofi Taltalleetti sassaabbiin omisha xaafiifi qamadii kombaayinaraan gaggeeffamaa jiraachuu Waajjirri Qonnaa Godinichaa beeksise. Duula mataduree, “Hongee darbe yaadachaa haahojjennu” jedhuun qonni gannaa gaggeeffamaa jiraachuun ibsameera.
Hogganaan waajjirichaa Obbo Mahaammad Abbaaqoodaa ibsa Dhaabbata Pireesii Itoophiyaaf kennaniin akka jedhanitti, yeroo ammaa sasaabbiin omisha xaafiifi qamadii aanaalee Mi’oofi Taltallee akkasumas Yaa’a Bal’ootti gaggeffamaa jira. Omishaaleen kunneen cimanii hojjennaan hongee dandamachuun akka danda’amu kan mul’isaniidha.
Duula eegalame kana milkeessuufis mootummaan naannichaa guddistuu callaa qarshii miliyoona 200tti shallagamu deeggarsa taasisuusaas yaadachiisaniiru. Hawaasni Booranaas dhuunfaanis ta’e gareedhaan waan qabu hundaan mala aadaa fayyadamee hojii qonnaarratti hirmaachuun lafa hektaara kuma 97fi129 sanyiidhaan uwwisuuf karoorfamee hanga ammaatti hektaarri kuma 96 sanyiidhaan uwwifameera jedhan.
Sanyiin faca’es harki caalaan midhaan biilaa ta’uu himanii, aanaa Yaa’a Bal’oofi Taltalleetti xaafiin bal’inaan qotame sassaabamaa jiraachuu kan eeran hoggantichi, qamadiin kilaastaraa Aanaa Miyootti inisheetiivii qamadiin sanyiidhaan uwwifame hektaarri kuma 11 sassaabamaa akka jiru ibsaniiru.
Akka ibsasaaniitti, aanaalee godinichaa hojiin qonnaa bal’inaan ittigaggeeffamutti bu’aan roobaan argame jajjabeessaadha. Aanaalee kanneenitti waanti oyiruu midhaan irraa sassaabamurratti hafu ammoo nyaata looniitiif akka ooluuf hojjetamaa jira. Hanga ammaatti roobni roobes beeyladoota lubbuun hafaniif margaafi bishaan akka mirgisu taasisuun omishi irraa argamu dhabamus qaamaan fooyya’aa jiru.
Hongeen taatee uumamaa ta’uusaatiin deebi’ee hindhufu hinjedhamu kan jedhan Obbo Mahaammad; hawaasa dandamachiisuuf bakki margi jiru lafa heektaara kuma 200 tuttuqaawwan adda addaarraa bilisa taasifamuu beeksisaniiru. Mataduree, “Torbee haamaa margaa” jedhuun maashinii marga haamee hidhu fayyadamuun marga haamuun kaa’amaa jiras jedhaniiru. Biiroon Qonna Oromiyaas Biiroo Misooma Jallisiifi Horsiisee Bulaa Oromiyaa wajjin ta’uun hojjechaa jiraachuu dubbataniiru.
Aadaa qusannaa midhaanii akka gabbatuuf hojjetamaa akka jiruufi ijaarsi pirojektota Finnaa xumuramee eebbiffamaa waan jiruuf egereen hawaasa Booranaa ifaa ta’uus ibsaniiru.
Gammachuu Kadiriin
BARIISAA SANBATAA Adoolessa 1 Bara 2015
2 Comments to “Godina Booranaatti omishni xaafiifi qamadii sassaabamaa jira”