Itoophiyaan gareeshii shaampiyoonaa addunyaa ibsite

Shaampiyoonaan atileetiksii addunyaa baatii Hagayyaa dhufu adeemsifama. Hangaariin magaalaashii guddoo, Budaapestitti shaampiyoonicha yeroo jalqabaatiif kan keessummeessitu yoo ta’u, atileetonni biyyoonni addunyaa 200 irraa babahan simachuuf qophiishii xumuraa jirti.

Waltajjii akaakuuwwan dorgommii adda addaatiin atileetota urjiiwwaniin miidhagu waan ta’eef maatii atileetiksiin tilmaama olaanaatu kennamaaf.

Biyyoonni addunyaas waltajjichaaf atileetotasaanii ciccimoo qopheessaa jiru. Biyyoota shaampiyoonicharratti bu’aaqabeeyyii ta’u jedhamanii eegaman keessaa tokko kan taate Itoophiyaanis garee maaraatooniishii torban lama dura ibsuunshii ni yaadatama. Dheengadda ammoo atileetotashii fageenya jiddugaleessaarratti hirmaatan ifa gooteetti.

Federeeshiniin Atileetiksii Itoophiyaa atileetota fageenyota meetira 800 hanga kuma 10tti hirmaatan eeggattoota wajjin ibseera. Bu’uuruma kanaan fiigicha meetira 800 dubartootaatiin atileetonni ulaagaa guutan Habtaam Alamuu, Darribee Waltajjiifi Warqinash Mallasaa ni hirmaatu.

Fageenyuma kanaan dorgommii ji’oota lama dura Faransaayitti adeemsifamerratti hirmaatee kan ture Efreem Makonnin atileetii qofagaleessa kootaadhaan shaampiyoonicharratti hirmaachuu mirkaneeffateedha.

Akaakuu fiigichaa Itoophiyaan firii gaarii irraa eegdu, dorgommii meetira kuma shanii dubartootaa Firewayinii Hayiluu filatamtuu jalqabaa taateetti. Atileetiin tun dorgommii Yuujinitti adeemsifameen shaampiyoonaa addunyaa ta’uun dippiloomaa kan fudhatteedha.

Birqee Hayyaloomis atileetii cimsuu abdatamtuudha. Birqeen shaampiyoonaa dargaggoota addunyaa Kolombiyaa, Kaaliitti waggaa tokko dura adeemsifamerratti haadha meedaaliyaa warqiifi gahumsa dorgommiiwwan liigii diyaamandiirratti agarsiisteen abdatamtuufi filatamtuu taateetti.

Fageenya walfakkaataa dhiirotaatiin Taaddasaa Lammii, Abdulkariim Takkeefi Ermiyaas Girmaa kaadhimamtoota ta’uunsaanii beekameera.

Dorgommii gufachiisaa meetira kuma sadii Itoophiyaan bu’aa itti argachaa jirturrattis Itoophiyaanonni bakka buufamu. Gama dhiirotaatiin shaampiyoonii Doohaattifi dargaggootaa Yuujiinitti abbaa meedaaliyaa meetii kan ta’e akkasumas abbaan riikardii addunyaa Lammeechaa Girmaa garicha keessatti hammatameera. Geetinnat Waaleefi Abrahaam Simees atileetota ciccimoo filatamaniidha.

Haaluma walfakkaatuun fageenyuma walfakakatuun shaampiyoonii Yuujiyaanitti haadha meedaaliyaa meetii kan taate Atleet Yawarqiwuhaa Geetaachoo baranas ga’umsashii cimaa agarsiisuuf carraa argatteetti. Atileet Simboo Alamaayyoo, Zarfee Wandimmaaganyiifi Maqdas Abbabaas fageenyichaaf kaadhimamaniiru.

Fageenya meetira kuma shanii Itoophiyaan ittiin beekamtuunis dhiirotaan atileet Yoomiif Qajeelchaafi Xilaahun Hayilee kaadhimamummaan yoo dhiyaatan, Atileet Saamu’eel Tafarraa eeggataa ta’ee filatameera. Dubartootaan Gudaaf Tsaggaayee kallattumaan akka hirmaattu mirkaneeffatteetti. Atileet Yaalamgeex Yaaragaal ammoo eeggattuu taateetti.

Charinnat Hundeessaatiin

BARIISAA SANBATAA Waxabajjii 24 Bara 2015

Recommended For You

3 Comments to “ Itoophiyaan gareeshii shaampiyoonaa addunyaa ibsite”

  1. Pingback: fuck boy
  2. Pingback: juvelook
  3. Pingback: cock

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *