Jilli Obbo Qajeelaa Mardaasaatiin durfamu Maqalee gale

Finfinnee: Jilli Ministira Aadaafi Ispoortii Obbo Qajeelaa Mardaasaan durfamu magaalaa Maqalee galeera.

Jilli kun daawwannaa hojiif gara naannoo Tigraay magaalaa Maqaleetti imaluun ibsameera.

Jilichi hoggantoota Federeeshinii Kubbaa Miilaa, Federeeshinii Bishaan Daakaafi Federeeshinii Daartii Itoophiyaa kan of keessatti hammate ta’uun ibsameera.

Jilichi wayita Buufata Xiyyaaraa Aluulaa Abbaa Naggaa gahu Qindeessaan Kilaastera Hawaasummaa Bulchiinsa Yeroo naannoo Tigraayi Piroofeesar Kindiyaa Gabra Hiwootiin simatamuu ragaan Ministeera Aadaafi Ispoortiirraa argame nimul’isa.

Miidhaa wayita waraanaa Istaadiyeemii Maqaleerra qaqqabe gamaaggamuun suphaa barbaachisaa ta’e raawwachuun rakkoo Istaadiyeemii akka biyyaatti jiru furuuf mariin taasifamuu ibseera.

BARIISAA SANBATAA Waxabajjii 24 Bara 2015

Recommended For You

4 Comments to “ Jilli Obbo Qajeelaa Mardaasaatiin durfamu Maqalee gale”

  1. Pingback: Trigger Tech
  2. Pingback: 검증사이트

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *