Pirojektota kallattii misoomaa naannichaa agarsiisan

Mootummaan Naannoo Oromiyaa keessumaa waggoota shanii as waggaa waggaadhaan pirojektota hedduu barootaaf gaaffii ummataa turan hojjechuun deebii kennurratti xiyyeeffatee hojjetaa jira. Pirojektonni xumuramaa jiranis erga hojjetamuu eegalanii kanneen waggoota dheeraa lakkoofsisaniifi sababoota addaddaatiin xumuramuu dhabanii komii kaasaa turaniidha.

Kallattiin xiyyeeffannaa mootummaa naannichaas pirojektota haaraa akka barbaachisummaasaaniitti eegaluu yoo ta’u, irra caalaa garuu kanneen bubbulan xumuruun tajaajilaaf oolchuudha.

Kanaanis, mootummaan gaaffii bu’uuraalee misoomaa ummanni qabu deebisuun dinagdee naannichaa cimsuuf ijaarsa bu’uuralee misoomaa addaaddaa baay’ina, qulqullinaafi si’aayinaan xumuruu ilaalchisee milkaa’inoonni guguddoon galmaa’aniiru. Tarkaanfii haaraa fudhatameenis pirojektonni waggoota hedduuf harkifachuun ummata mufachiisaafi qabeenya mootummaafi ummataa qisaasamaaf saaxilaa turan xumuruun tajaajilaaf geessisuun danda’ameera.

Naannichatti bara 2012 hanga bara 2014tti pirojektonni buleeyyiifi haaraan kuma 35fi655 xumuramuun tajaajilaaf kan oolan yoo ta’u, baranas pirojektonni kuma 19fi 912 bajata mootummaa, dhaabbilee deggartootaafi tajaajila lammummaatiin waliigala qarshii biliyoona 54.2 oliin ijaaraman xumursiisuun eebbaaf qaqqabaniiru.

Pirojektonni kunneen humni raawwachiisuu mootummaa kan itti ilaalame, fedhiifi deggarsi ummanni misoomaaf qabu itti mul’ateefi aantummaan dhaabbilee garagaraa kan itti mirkanaa’e ta’uurra darbee kallattiin misoomaa naannichaa gara fuulduraa kan itti akeekamedha.

Yoo qindooman, yoo waliigalan waanti bira ga’amu akkasumas xumuramuu hindanda’amne akka hinjirre kan agarsiise ta’uusaatiinis cimee itti fufuu kan qabuudha. Barsiifanni dhagaa bu’uuraa ‘gatanii’ biraa deebi’uus kan itti jijjiirameef hojjechuun akka danda’amu kan itti agarsiifame waan ta’eef cimee itti fufuu kan qabuudha.

Pirojektota Finna Oromiyaa 72 ijaaramaa jiran keessaa 12 xumuramuun bishaan cim’ifamee tajaajilaaf qophaa’aa jiraachuun milkaa’ina biraati.

Pirojektonni qarshii biiliyoona 2.98n ijaaraman kunniin lafa heektaara kuma 42fi 819 misoomsuun horsiisee bultoota abbaa warraa kuma 88fi 246 fayyadamoo kan taasisaniidha.

Pirojektonni Finna Oromiyaa inisheetiivii rakkoolee sababa jijjiirama qilleensaatiin dhufan qolachuun gammoojjiilee Oromiyaa hunda jiddugala misoomaa taasisuuf kan qophaa’eedha. Pirojektonni kunneen hidha bishaan cim’isu yoo ta’u, naannawa gammoojjii misoomsuun wabii nyaataa mirkaneessuu bira darbee jijjiirama qilleensaa mudatu furuu kan dandeessisaniidha.

Pirojektoonni kunniin rooba yeroo ammaa roobaa jiru fayyadamuun bishaan m3 miiliyoona 30 kan qabatan yoo ta’u, namoota kuma 14 oliifis carraan hojii uumaniiru. Pirojektonni hafanis ijaaramaa kan jiran yoo ta’u, yeroo qabameef keessatti xumuramuun tajaajilaaf kan oolan ta’u.

Egaa, ummannis pirojektota naannawaasaatti ijaaramaa jiran kanneen akka agartuusaatti kunuunfachuufi eeguun irra jiraata. Umuriin pirojektota kanneenii dheerachuun gaaffii ummata biraa ka’u deebisuuf carraa waan uumuuf miira ittigaafatamummaatiin itti fayyadamuun irra jiraata.

BARIISAA SANBATAA Waxabajjii 24 Bara 2015

Recommended For You

6 Comments to “ Pirojektota kallattii misoomaa naannichaa agarsiisan”

  1. Pingback: hihuay
  2. Pingback: best free cams

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *