Nageenya waaraaf waldhaga’uufi tokkummaan jabaachuu qaba

Nageenya waaraaf waldhaga’uufi tokkummaan jabaachuu akka qabu Pirofeesar Tasammaa Ta’aa ibsan.

Hayyichi turtii tibbana dhimma nageenyaarratti Dhaabbata Pireesii Itoophiyaa wajjin taasisaniin akka jedhanitti, aadaan waldhaga’uu waan laafeef akka biyyaatti gatii hinmalletu kaffalamaa jira. Kun bakkatti deebi’ee jabaachuu qaba.

Akka sirna Gadaatti daa’imummaa hanga ga’eessummaatti dhalootni gulantaa Gadaatiin qaramee guddata. Har’a garuu dhaloota dafee waa mufatuufi tarkaanfiitti ariifatutu heddummate jedhan.

Abbootiin Gadaafi jaarsoliin biyyaas dhaloota dafee waa mufatu kana miira abbummaan itti dhiyaatanii gorsuurratti qaawwi guddaan jiraachuus eeranii, keessattuu rakkoo dinagdee dargaggootaa furuu baannaan geengoo jeequmsaa keessaa ba’uun haalaan rakkisaa ta’uu dubbataniiru.

Osoo ta’ee dhalootni har’aa silaa seenaa kaleessaarraa barata ture kan jedhan Pirofeesar Tasammaan; dargaggootni bosona seenuun egeree Oromoofi Oromiyaaf balaa waan ta’eef bakka dubbiin jallatetti deebi’anii duudhaa Oromootiin mari’achuun furmaata ta’uu himaniiru.

Ittiquufiinsaafi mufannaan maatii keessatti eegala. Maatiin sodaa uumaafi uumamaa, safuufi namummaatiin daa’immansaa qaruu qabu. Waan daa’immansaatiif waadaa gales yoo qabatamaan gochatti jijjiiruu dadhaban ammoo sababa amansiisaa dhiyeessuufii qabu. Kun duudhaa Oromdurii waan ta’eef sadarkaalee hundatti hojiitti hiikuun barbaachisaadha jedhu.

Akka biyyaatti rakkoolee seenaa keessatti mudataniif isa miidheefi miidhame erga adda baasanii booda dhiifama walii gochuun tokkummaa jabeessuun egeree biyyaatiif murteessaa ta’uus dubbataniiru.

Waaqshuum Fiqaaduutiin

BARIISAA SANBATAA Waxabajjii 24 Bara 2015

Recommended For You

9 Comments to “ Nageenya waaraaf waldhaga’uufi tokkummaan jabaachuu qaba”

  1. Pingback: แผ่น HPMC
  2. Pingback: namo333
  3. Pingback: tải sunwin

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *