Finfinnee: Godinaaleen Wallagga Bahaafi Wallagga Lixaa sochii misooma qonnaa abdachiisaarra jiraachuu hoggantoonni hojii godinaalee kanneenii Dhaabbata Pireesii Itoophiyaatiif ibsaniiru.
Hoggantoonni kunneen akka jedhanitti, dhiyeessii xaa’oorratti hanqinni jiraatus hojiin qonnaa haala gaariidhaan adeemsifamaa jira.
Ittigaafatamaan Waajjirra Qonnaa Godina Wallagga Bahaa Obbo Asfaawuu Hambisaa akka jedhanitti, godinichatti lafa hektaara kuma 518fi 172.7 karoorfamee hanga ammaatti hektaarri kuma 511fi 359 qotameera. Kana keessaas lafti hektaarri kuma 300 ol sanyiidhaan uwwifameera. Lafa hektaara kuma 400 ol kilaastaraan qotuuf yaadame keessaa hektaarri kuma 200 ol qotameera.
Godinichatti qamadii gannaa lafa hektaara kuma 25fi 848 qotuuf karoorfame keessaa hektaarri kuma 25fi 374 qotamee hanga ammaatti hektaarri 1.6 sanyiidhaan uwwifameera.
Ruuzii lafa hektaara kuma 112fi 535 qotuuf karoorfame keessaa hanga ammaatti lafti hektaarri kuma 18fi 642 sanyiidhaan uwwifamee haala bareedaarratti argama. Haaluma walfakkaatuun, lafti hektaarri kuma 100 ol sanyiidhaan uwwifameera.
Mootummaan rakkoo jiru furuuf tattaaffii olaanaa taasisaa jiraatus hanqinni sanyii filatamaafi dhiyeessii xaa’oo fedhiidhaan kan walsimu akka hintaane kan ibsan Obbo Asfaawu; kanaan dura sanyii filatamaa boqqolloo qonnaan bulaan barbaadu naannawa gammoojjiiwwanitti baay’isaa turanis amma garuu sababa rakkoo nageenyaaf itti adeemuun rakkisaa ta’uu dubbatu. Ta’us sanyii boqqolloo yoo xaa’oon haalaan itti dabalame omishtummaasaanii dabalu akka filannootti fayyadamaa jiru jedhan.
Omishni boqqolloo sadarkaa xaa’oo yuuriyaa jedhamu haalaan barbaadurratti waan argamuuf dhiyeessiisaatiif xiyyeeffannoo akka barbaadu eeranii, raammoon boqqolloo marmaartuu jedhamu kan ammaaf humna godinichaa hin taane lafa hektaara kuma 24 aanaalee shan keessatti mudachuus himaniiru.
Dhimmi qonnaa dhimma jiraachuufi jiraachuu dhabuuti waan ta’eef rakkoo kamuu keessatti sochiin qonnaa addaan citee hinbeeku kan jedhan ammoo Ittigaafatamtuu Waajjira Kominikeeshinii Godina Wallagga Lixaa Aadde Lalisee Shibbiruuti.
Akka isaan jedhanitti, ummatni godinichaa haala kamuu keessatti sochii qonnaa dhaabee hinbeeku. Ganna baranaattis godinichatti lafa hektaara kuma 312 ol qotuuf karoorfamee karooraa ol, lafti hektaarri kuma 314 qotameera. Omisha ruuziif lafti hektaarri kuma 88 karoofame keessaas lafti hektaarri kuma 79 ol qotameera.
Haa ta’u malee, mootummaan deeggarsa barbaachisu taasisaa jiraatus hanqinni xaa’oofi sanyii filatamaa mudateera kan jedhan Aadde Laliseen; rakkoo xaa’oodhuma dhiyaate ugguruufi sochii qonnaa gufachiisuu akka jiruufi ummatnifi qaamni nageenyaa walta’uun qaamolee gocha badii raawwatan kunneen qolachaa akka jiran ibsaniiru.
Waaqshuum Fiqaaduutiin
BARIISAA SANBATAA Waxabajjii 24 Bara 2015
5 Comments to “Hojiilee misoomaa godinaalee Wallagga Bahaafi Wallagga Lixaatti”