Finfinnee: Sosochii fooyyessa manneen barnootaa biyyaalessaatiin guutuu biyyattiitti sadarkaa manneen barnootaa kuma 50 ol fooyyessuuf kan hojjetamu ta’uu Ministeerri Barnootaa ibse. Sosochichis akka biyyaatti boruu eegalama.
Ministeerri Barnootaa sagantaa sosochii guutuu biyyaatti sadarkaa manneen barnootaa fooyyessuuf taasisu boru jalqabamu ilaalchisuun ibsa kenneera.
Ministirri Barnootaa Pirofeesar Biraanuu Naggaa akka jedhanitti, sirna barnootaa fooyyessuuf hojiileen hedduun hojjetamaa jiru. Haala kanaan sosochii guutuu biyyaa fooyyessa manneen barnootaatiin sadarkaa manneen barnootaa kuma 50 ol fooyyessuuf ni hojjetama. Hojiin fooyyessa qulqullina barnootaa hojiilee hedduu kan ofkeessatti qabate waan ta’eef hojiileen sosochii kanaan hojjetaman bu’uura ta’u.
Waltajjii sagantaa jalqabsiisa sosochii boru eegalamurratti hoggantoonni mootummaa olaanaan kan argaman ta’uu eeranii, bu’uuraalee misoomaa manneen barnootaa fooyyessuun qulqullina barnootaa bu’uurarraa kan murteessu waan ta’eef milkaa’ina sosochii kanaaf lammiin Itoophiyaa hundi waan irraa eegamu akka bahu ministeerichi waamicha dhiheessuusaa TOI’irraa odeeffanne.
Rippoortara Gaazexaatiin
BARIISAA SANBATAA Waxabajjii 24 Bara 2015
4 Comments to “Sosochiin fooyyessa manneen barnootaa guutuu biyyaatti boru eegala”