Sabbata: Godina Shawaa Kibba Lixaatti gaaffiin misoomaa yoo xiqqaate dhaloota lama lakkoofsise waggoota muraasa keessatti deebii argachuusaaf jiraattonni Aanaa Sabbataa Hawaas Dhaabbata Pireesii Itoophiyaaf yaada kennaniin mootummaa galateeffatan.
Aanichatti tibba kana riqichaafi pirojektiin bishaan dhugaatii qarshii miliyoona 105.7 hojjetamee eebbifamee tajaajila kennuu eegaleera. Lagni ‘Axee Ballaa’ jedhamu kan aanichatti argamu aanaalee ja’a godinichaa magaalaa Sabbataa akkasumas magaalaa Shaggariin walquunnamsiisa. Moggaasni maqaan laga kanaa mootii Itoophiyaa duraanii Aaxee Minilikii waliin hidhata akka qabus maanguddoon aanichaa nutti himan.
Kunis waqtii gannaa mootiin Minilik Shawaa Kibba Lixaa daawwachaa osoo jiruu laga kana fardaan ce’uu yaalee fardisaa bishaan kanaan waan fudhatameef jecha Afaan Amaaraan “Atsee Bella” bishaanichi mootii nyaate akka jechuutti moggaafamee hanga har’aattuu tajaajilaa jira.
Obbo Taaboraa Anbassaa jiraataa aanaa Sabbataa Hawaasi. Lagni Axee ballaa kun keessattuu wayita gannaa akka malee waan guutuuf baroota dheeraaf yeroo garagaraa beeyladoota hawaasa aanichaa fudhachuun hawaasa hiraarsaa akka ture dubbatu. Sababa laga kanaa maatiin, firriifi hawaasni addaan cite walarguuf waqtii birraa eeguuf akka dirqamuufi omisha gabaaf dhiyeessuu yookiin gabaadhaa waa bitachuunis kan yaadamu akka hinturre kaasu.
“Amma garuu waan umurii dargaggummaa keessatti hawwaa turre bara maanguddummaa kana keessatti ijaan arguu keenyaaf mootummaa galateeffachuu barbaadna,” jedhu. Lagni Axee Ballaa kun beeyladoota qofa osoo hintaane oladeemaa hedduu nu harkaa fudhate kan jedhan ammoo jiraatuma aanichaa Obbo Leellisaa Bajigaati. Akka isaan jedhanitti, laga kanarratti riqichi akka ijaaramuuf abbootiinsaanii mootii Minilikirraa kaasee gaaffachuurraa boodatti jedhanii hinbeekan.
Gaaffiin waggoota 150 lakkkoofsise kun har’a deebii argachuusaatti daran gammaduun, mootummaas ni galateeffatu. Jiraachuuf jecha midhaan harreetti fe’anii Sabbata dhaquuf aanaalee hedduu waan qaxxamuraniif ba’aan namaafi beeyladarratti miidhaa hedduu dhaqqabsiisaa akka tures Obbo Leellisaan ni yaadachiisu. Rakkoon bishaan dhugaatii addattuu
dubbartootaafi shamarraniif eelaa guddaadha kan jette ammoo jiraattuu aanichaa barattuu Alaminash Kabbadaati. Akka isheen jettutti, bishaan malee jiraachuun waan hindanda’amneef barumsa hafanii bishaan barbaacha kiilomeetira fagoo imaluuf dirqamu.
Amma garuu barbaachi bishaanii sun seenaa ta’ee bishaan balbala ofii duraa waraabbachuu danda’uun keessattuu warra dubaraaf boqonnaa guddaa ta’uu ibsiteetti.
Waaqshuum Fiqaaduutiin
BARIISAA SANBATAA Waxabajjii 24 Bara 2015
3 Comments to “ “Gaaffii barootaaf deebii atattamaa argachuu keenyaaf galata qabna” – Jiraattota Aanaa Sabbataa Hawaas”