Dorgommii marsaa 39ffaan maaraatoonii Irreessaa Abbabaa Biqilaa boru adeemsifama

Charinnat Hundeessaatiin

Finfinnee: Dorgommii marsaa 39ffaan maaraatoonii Irreessaa Abbabaa Biqilaa boru Waxabajjii 18, bara 2015 ganama sa’aatii 12:00 irraa eegalee akka adeemsifamu bsa dheengadda Federeeshinii Atileetiksii Itoophiyaatti kennamerraa beekuun danda’ameera.  

Dorgommii atileetota bakka bu’oo horachuu; naannolee, bulchiinsa magaalaafi kilaboota jidduutti carraa walmorkii uumuufaa kaayyefate kanarratti kilaboonni 12, naannoleen lamaafi bulchiinsi magaalaa tokko akkasumas atileetonni angafoonni ni hirmaatu. Baay’inni dorgomtootaas dubartii 92fi dhiira 262 ta’uun ibsameera.

Ibsicharratti bakka bu’aan  Waajjira Federeeshinii Atileetiksii Itoophiyaa Obbo Yohaannis Ingidaawu, daarektarri hirmaannaafi dorgommii federeeshinichaa Obbo Asfaawu Daanyee, ogeettiin wal’aansaa federeeshinichaa Aadde Qiddisti Taaddasaafi bakka bu’aan ispoonsara dorgommichaa (Baankii Oormiyaa) Obbo Girmaa Gobboofi ittigaafatamtoonni hojii olaanaan argamaniiru

BARIISAA SANBATAA Waxabajjii 17 Bara 2015

Recommended For You

3 Comments to “Dorgommii marsaa 39ffaan maaraatoonii Irreessaa Abbabaa Biqilaa boru adeemsifama”

  1. Pingback: sex loan luan
  2. Pingback: Dan Helmer

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *