Arsii: Uwwisni bosonaa Oromiyaa dhibbantaa 17 irraa gara 26tti guddachuu Biiroon Qonna Oromiyaa beeksise.
Hogganaa Ittanaan biirichaafi Ittigaafatamaan Damee Qabeenya Uumamaafi Wabii Midhaan Nyaataa Obbo Eeliyaas Kadir sagantaa dawwannaa qophii biqiltuu godina Arsiitti tibbana taasifamerratti ibsa addatti Dhaabbata Pireesii Itoophiyaaf kennaniin akka dubbatanitti, naannichatti inisheetiviin ashaaraa magariisaa daraan lafa qabachaa jira jedhaniiru.
Waggoottan afran darban keessatti sagantaa ashaaraa magariisaatiin akka biyyaatti biqiltoota biliyoona 20 dhaabbatan keessaa biliyoonni 13 kan dhaabbatan naannoo Oromiyaa keessa ta’uu eeranii, adeemsa biqiltuu dhaabuu kana keessattis uwwisa bosonaa dabaluu qofa osoo hintaane biqiltoota yeroo gabaabaa keessatti qonnaan bulaaf faayidaa adda addaa kennaniifi faayidaa garaagaraaf oolan dhaabuuf xiyyeeffannoodhaan hojjetamaa jiraachuu ibsu. Qonnaan bulaanis bakkeewwan biqiltootni kunneen dhaabbaman keessatti kanniisa horsiisuun, kaarboonii gurguruun, loon furdisuun, kompostii uumamaa omishuun carraa hojii garaagaraa achi keessatti argachuun fayyadamaa ta’aa jiraachuu kaasu.
Biqiltootni kanaan dura tasuma naannicha keessa hinjirre kanneen akka Teemiriifi Diistaa inisheetivii kanaan biqilanii omishamaa jiraachuu himanii, akkuma baroota kanaan duraa sagantaa ashaaraa magariisaa kana galmaan gahuuf hirmaannaan ummataa dabalaa jiraachu dubbatu. Bara kana baay’inni ummata ashaaraa magariisaarratti hirmaatu kanneen eegumsa biyyoofi bishaaniii dabalatee miliyoona 10.6 akka ta’aniifi kunis gara qarshiitti yommuu jijjiiramu biliyoona 11.6 olitti akka tilmaamamu ibsu.
Daarektarri Olaanaa Inistitiyuutii Qorannoo Qonna Oromiyaa Obbo Tashoomaa Boggaalaa gamasaaniin, milkaa’ina inisheetivichaatiif inistitiyuutiin isaanii deeggarsa saayinsiin deeggarame taasisaa jiraachuu himanii, kanaan dura teknolojiiwwan giddugalawwan qo’annoofi qorannoo qonnaa keessatti qofa mul’atan amma qe’ee qonnaan bulaafi giddugala biqiltuu garaagaraa keessatti hojiirra oolaa jiraachuu kaasu.
Biqiltoota qopheessuu qofti galma akka hintaaneefi kanneen qophaa’an erga dhaabbatanii booda latuu waan qabaniif agro ikolojii biqiltootaa eeganii dhaabuun barbaachisaa ta’uu hubachiisu. Xaa’oon uumamaa kan raammoodhaan omishamus ashaaraa magariisaatiin walqabsiisuun hojjetamaa kan jiru faayidaan inni biyyoof qabu olaanaa waan ta’eef ta’uu ibsu.
Biyyoon naannoo Oromiyaa asiidummaafi sogiddummaadhaan miidhamaa jiraachuu kaasanii, kana hambisuufis qonnaan bulaan hundi raammoo xaa’oo uumamaa omishuuf gargaaru mana manasaatti fudhatee bal’inaan omishuu akka qabu waamichasaanii dhiheessu.
Taammiruu Raggaasaatiin
BARIISAA SANBATAA Waxabajjii 10 Bara 2015
6 Comments to “ Uwwisni bosonaa Oromiyaa dhibbantaa 17 irraa 26tti guddachuun ibsame”