Finfinnee: Hudhaalen Paarkii Indaastirii Qonna Qindaa’aa Bulbulaa furamaa jiraachuu Korporeeshiniin Misooma Paarkiiwwan Industirii Oromiyaa beeksise.
Ittigaafatamaan Qunnamtii Ummataa Korporeeshinichaa Obbo Geetaahun Addunyaa ibsa addatti Dhaabbata Pireesii Itoophiyaaf kennaniin, korporeeshinichi erga eebbifamee kan bubbule ta’us abbootii qabeenyaa saffisaan hojiitti galchuurratti harkifannaan mul’achaa turuu kaasanii, amma garuu hudhaalee harkifannaaf sababa ta’an tokko tokkoon furuudhaan abbootiin qabeenyaa gara paarkichaatti galanii akka omishan taasifamaa jiraachuu dubbatu.
Akka isaan jedhanitti, paarkichi omisha nyaatawwan garagaraarratti kan bobbo’e yommuu ta’u, bishaan naannawichaa omisha nyaataatiif mijaawaa ta’uu dhabuun qormaata ture. Kunis bishaan naannawaa paarkichaatti argamu Filooraayidii waan qabuuf tasuma nyaata omishuuf kan fayyaduu miti. Kanaafuu, rakkoo kana furuuf fageenya kiiloomeetira 50 sarara bishaanii diriirsuun aanaa Xiyyoorraa bishaan harkisuuf dirqameera. Adeemsi fageenya dheeraarraa bishaan harkisuu kun abbootiin qabeenyaa yeroo karoorfatanitti akka hojiitti hingalleef sababa ta’aa tureera.
Tajaajila ibsaatiin walqabatee kanaan dura invastaroonni achi keessa jiran humnuma ibsaa kanaan dura tureen akka hojii jalqaban taasifamuu himanii, dabalataanis humni ibsaa maashinoota gara paarkichaatti galan hunda sochoosuu danda’u deeggarsa mootummaa federaalatiin diriirsuuf hojjetamaa jiraachuu ibsu.
Bu’uurri misoomaa telekominikeeshinis paarkicha keessatti kan mijatee jiru akka ta’e Obbo Geetaahun ibsanii, paarkichi abbootii qabeenyaa biyya keessaafi biyya alaa hedduu simachuuf hanga ammaatti lafa paarkichaa hektaara 135 keessaa lafti hektaara 40 abbootii qabeenyaaf dabarfamuu himu.
Dhiyeenyi paarkichi Magaalaa Finfinneefi Buufata Gogaafi Tarminaala Mojoof qabu carraa gaarii paarkicha keessatti omishaafi omishtummaa dabaluuf gargaaru ta’uu eeranii, dabalataanis godinoota akka Arsii, Baaleefi Shawaa Bahaa godinoota akka biyyaatti omishaafi omishtummaa qonnaatiin sadarkaa tokkoffaarratti argamanitti dhiyaachuunsaas carraa gaarii ta’uu ibsu.
Raawwachiiftuu Hojii Olaantuun Korporeeshinichaa Aadde Sannaayiit Mabree gamasaaniitiin torbee darbe wayita abbootii qabeenyaa wajjin waliigaltee mallatteessan akka dubbatanitti, paarkichi abbootiin qabeenyaa qarshii biliyoona 19.2 oliin lafa hektaara 40.9 ol fudhachuun pirojektota 12 irratti misoomsaa jira.
Abbootiin qabeenyaa paarkicha keessatti misoomsan bu’aawwan qonnaarratti sona dabaluun gabaa biyya keessaafi alaaf dhiyeessuun omisha alaa galu bakka buusuun akkasumas, gara biyya alaatti erguun dinagdee biyyaa utubuu keessatti shoora olaanaa taphachaa jiraachuus ni dubbatu. Abbootiin qabeenyaa wayita guutummaatti gara hojiitti galanis carraa hojii nama kuma 10tti siqu kan uuman ta’uu ibsu.
Hogganaan Biiroo Invastimantiifi Indaastirii Oromiyaa Obbo Ahimad Idiriis gamasaaniin, Mootummaan Naannoo Oromiyaa abbootii qabeenyaa paarkicha keessatti misoomsaniif deeggarsa barbaachisu hunda akka taasisu ibsanii, paarkichi qonna naannichaa ammayyeessuuf gahee olaanaa waan qabuuf abbootiin qabeenyaa misoomsan liqii argatanii maashinii akka galchaniifi humna namaa barate akka argatan mootummaan haala kan mijeessuf ta’uu dubbatu.
Taammiruu Raggaasaatiin
BARIISAA SANBATAA Waxabajjii 10 Bara 2015
4 Comments to “ Hudhaaleen Paarkii Indaastirii Bulbulaa furamaa jiru”