Haqa ce’umsaa; araaraafi nageenya waaraaf

Finfinnee: Biyyi keenya akkuma sirna haqaa qabdu haqa haqaaqame hedduunis komatamti. Duubatti deebinee yoo ilaalle waa baay’ee kaasuun ni danda’ama. Haa ta’uutii jijjiiramaa as qofa yoo ilaalle biyyattiitti gaariifi aarii hedduun dalagameera.

Diinummaan Eertiraa waliin waggoota 20 oliif ture karaa nagaa goolabameera, hidhamtoonni siyaasaa hedduun gad lakkifamaniiru, kanneen biyyaa ba’anis biyyatti deebi’aniiru, dimokraasiin luugama dhabee namni waan fedhe gad dhiisiin dalaguu danda’ameera, manneen amantaa addaan ba’an walitti deebi’aniiru.

Haa ta’u malee, walwaraansi keessoo TPLF waliin taasifame badii lubbuufi mancaatii qabeenyaa biliyoonaan lakkaa’amuuf sababa ta’e mudachuun, Oromiyaa keessatti ajjeechaafi dararri sukanneessaan hanga morma namaa muruutti lammiilee nagaarratti raawwatamuun, da’oo amantaafi sanyummaatiin ibiddi yeroo garagaraa mudate ummata warra gumaa walitti gochuu yaaluun, qondaaltotaafi artistoota qaqqaalii biyyattiirratti ajjeechaan gara jabinaa raawwatamuun taateewwan godaannisa seenaadhaan ilaalamaniidha.

Yakkootaafi badiiwwan guguddoo akkasii seera idilee qofaan haqa mirkaneessuun waan hindanda’amneef mootummaan jijjiiramaa akkuma riifoormiiwwan adda addaa hojiitti hiikaa jiru sirna haqaa imimmaan hundaa haquu danda’u imaammata haqa ce’umsaa hojiirra oolchuuf kutannoon hojjetaa jira.

Dhaabbatni Pireesii Itoophiyaas yaadrimee ce’umsi haqaafi sadarkaa amma irra jiru ilaalchisee Ministeera haqaatti Daarektara Qunnamtii Ummataafi Kominikeeshinii Obbo Awwal Sulxaan waliin turtii taasiseera.

Nagaa waaraa fiduuf yakkootniifi rakkooleen garagaraa kanneen akka dhiittaa mirga namaa biyyattii keessatti raawwataman seera idileetiin furuun waan hindanda’amneef sirna ittigaafatamummaa diriirsuuf hojiirra oolmaan haqa ce’umsaa daran barbaachisaa ta’uu Obbo Awwal ni dubbatu.

Waldhabdee bal’aan sababoota garagaraatiin ummattoota biyyattii gidduutti mudate sirna ittigaafatamummaa diriirsuufis ta’e dhiifamaan bira taruuf imaamatni haqa yeroo ce’umsa murteessaa akka ta’es ni kaasu.

Akka ibsasaaniitti; imaammatni kun kan miidhe akka ittigaafatamu, kan miidhame ammoo beenyaa argatee haqni dhokate abbaaf akka galu kan taasisuudha. Kaayyoon imaammatichaa dhugaa adda baasuun sirna haqaa diriirsuufi hawaasa gidduutti araara buusuudha.

Imaammatichi godaannisa uumame haquun ala ummatni duudhaalee obbolummaa, walqixxummaa, haqaafi jaalalaan akka waliin jiraatuuf kan gargaaru ta’uus ibsaniiru.

Akka isaan jedhanitti, imaammata haqa ce’umsaa qopheessuuf qorannoon yaada ka’umsaa ogeessotaan qoratamerratti mariin hayyootaafi kutaalee hawaasa garagaraa taasifameera. Mariin galtee walittiqabuu kunis hanga baatii Adoolessaatti ittifufa. Baatii Fulbaanaatti sanadni xumuramee ummataaf dhiyaata.

Marii hanga ammaatiin sanadni imaammataa kun hawaasa hedduu biratti fudhatama argachuu eeranii; Oromiyaatti qofa marii magaalota 53 keessatti taasifameen kutaaleen hawaasaa garagaraa hirmaachuu yaadachiisaniiru.

Waaqshuum Fiqaaduutiim

BARIISAA SANBATAA Waxabajjii 10 Bara 2015

Recommended For You

4 Comments to “ Haqa ce’umsaa; araaraafi nageenya waaraaf”

  1. Pingback: 놀이터추천
  2. Pingback: wa dultogel
  3. Pingback: omg

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *