Biiroon Carraa Hojii Uumuufi Ogummaa Oromiyaa torban lama dura sagantaa agarsiisaafi dorgommii ogummaa, kalaqa teknolojii, qorannoofi qo’annoo akkasumas intarpiranarshiippii mataduree, “Dambalii Ogummaa, Badhaadhina Oromiyaaf” jedhuun marsaa 4ffaaf magaalaa Adaamaatti adeemsifamerratti dorgomtoota 159f badhaasaafi beekamtii kenneera. Saganticharratti dorgomtoonni tokkoffaa ba’an qarshii kuma 15, lammaffaan qarshii kuma 13fi sadaffaan qarshii kuma 10 badhaafamaniiru.
Baazaariifi agarsiisa kalaqawwan teknolojii bu’aalee industirii godoo sadarkaa naannoo Oromiyaatti Caamsaa 3-6 bara 2015tti Magaalaa Adaamaatti adeemsifamerratti leenjistoonni, leenjifamtoonni, sochooftonni IMX, namoonni kalaqa addaa qabaniifi intarpirinaroonni 571 kan argaman yoo ta’u, dorgomtoonni akaakuuwwan ogummaa 18n calalaman keessaa 159 injifachuun badhaasaafi beekamtii argataniiru.
Yunivarsitii Dambi Dolloofi Kolleejii BLTO Doonaa Barbar bakka bu’uun agarsiisicharratti kan hirmaateefi dorgommii kalaqaa mo’achuun tokkoffaa ba’ee kan badhaafame Barsiisaa Amaanu’eel Baalchaa Gaazexaa Bariisaatti akka himetti, adeemsa waggaa lamaa keessatti yaaliidhaaf diroonota ‘Multicopte’fi ‘Fixed Wing Drone’ jedhaman 22 ol hojjetaniiru.
“Diroononni kunneen hojii gara garaa ittiin raawwachuuf gargaaru. Fakkeenyaaf diroonii keemikaalota gara garaa omisha qonnaarratti biifuuf gargaaran hojjenneerea. Diroonota guddistuu sagaleerratti hiinee sagalee waraabnee beeksisawwan adda addaa ittiin himuuf gargaaranis dalagneerra.
“Diroonota waraqaawwan ergaawwan gara garaa qaban raabsuuf gargaaran, alaabaawwan adda adda fuudhee ol ba’ee agarsiisuufi meeshaalee cabuu danda’an ‘Parachute’n buusu hojjenneerra. Diroonii nuti hojjenne inni guddaan ulfaatina kiiloogiraama 1.2fi isaa gad kan jiru hunda baatee deemuu danda’a” kan jedhu Amaanu’eel, teknolojiin diroonii hojjechuu kun biyya keenyatti baramaa waan hintaaneef diroonota kunneen hojjechuuf jalqabaa hanga xumuraatti haalli mijataan kan hinturre ta’uu eera.
“Mul’ata qabaannaan haala mijataa hintaane keessattiyyuu hojjetanii milkaa’uun akka danda’amu hojiin agarsiifneerra. Meeshaaleen diroonii hojjechuuf gargaaran biyya keessa waan hinjirreef salphaatti argachuun rakkisaadha; yoo argamanis gatiinsaanii qaaliidha. Kanaafuu hojii keenyarratti mootummaan akka deeggarsa nuu taasisu barbaanna” jedha.
Gara fuulduraatti diroonota guguddoo dhangala’aa liitira 10 baachuu danda’aniifi keemikaalota adda addaa omisha qonnaarratti biifuuf gargaaran hojjennee gabaaf ykn waajjiraalee qonnaatiif raabsuu barbaanna kan jedhu dargaggoon kun, ogeessota diroonota kunneen sochoosanis leenjifnee meeshaan kun faayidaarra akka oolu gochuu akka barbaadu eera.
“Teknolojii kana guddisuuf sadarkaa tokkoffaarratti kan barbaachisu mul’ata qabaachuudha. Namoonni tokko tokko teknolojii gara garaa hojjetanii gaafa qarshii gahaa argatan bizinasii kan biraa keessa seenuu utuu hintaane hojii kalaqaafi teknolojii eegalan fooyyeffachaa deemuu qabu.
Mootummaanis damee hojii kalaqaafi teknolojiif xiyyeeffannaa addaa kennee hojjechaa waan jiruuf namoonni damee hojii kalaqaafi teknolojiirratti himaataa jiran damee hojichaa fooyyessuu, guddisuufi baay’isuu danda’anirratti xiyyeeffatanii hojjechuu qabu jechuun hubachiisa.
Yunivarsitiin Dambi Dolloofi Kollejii BLTO Doonaa Barbar, Waajjira Qonnaa, Waajjira Carraa Hojii Uumuufi Ogummaafi kalaqxoota godinaa waliin ta’uun gara fuulduraattis wantoota adda addaa hojjechuuf karoorfanneera kan jedhu Amaanu’eel, keessumaa diroonii, teknolojiifi maashinarii qonnaarratti hojjechuuf murteessineera. Kalaqxoonnis wantoota hojjechuuf karoorfatan galmaan ga’uuf carraaqqii guddaa taasisuu qabu. Mul’ata ofii galmaan ga’uun kan danda’amu qarshii guddaa argachuudhaan utuu hintaane cimanii hojjechuudhaan akka ta’e dubbata.
Biyya keenyatti meeshaalee alaa galan sirnaan ittifayyadamuunuu ni cima kan jedhu barsiisaan kun, hojiin meeshaalee alaa galan kan biyya keessaatiin bakka bu’an hojjechuun ammoo baay’ee cimaadha. Biyya keenyatti maashinii ga’aafi dijitaalawaa tokko hojjechuun hanga waggaa afurii nutti fudhachuu akka danda’u dubbata.
Maashinii tokko ofii keenyaa gaafa hojjennu muuxannoo horachaafi namoota biroos barsiisaa akka deemnu taasisuurra darbee meeshaalee alaa galan kan biyya keessaatiin bakka buusuun doolaara biyyattiin meeshaalee gara garaa biyya alaarraa bittee galchuuf baaftu hambisuun dinagdee biyyaa utubuu keessattis gahee guddaa kan qabu ta’uu dubbata.
Sagantaan dorgommii ogummaa biyyaalessaa marsaa 3ffaa mataduree, “Ogummaan Dorgomtummaaf,” jedhuun Ministeera Hojiifi Ogummaatiin qophaa’eefi Caamsaa 14-18 bara 2015tti Finfinneetti adeemsifameefi Ministira Muummee Doktar Abiyyi Ahimadiin banamee daawwatamaa turerrattis Oromiyaan teknoloojiiwwan sadarkaa naannootti dorgomuun filataman 37fi bu’aalee industirii godoo naannichaa agarsiisaaf dhiyeessuun daawwachiisaa tureera.
Barsiisaa Amaanu’eel sagantaa dorgommii ogummaa biyyaalessaa marsaa 3ffaa kanarrattis hirmaachuun kalaqasaa agarsiisaaf dhiyeessuunsaa ni yaadatama.
Barataa Kolleejii BLTO Godina Jimmaa kan ta’e, agarsiisicharratti kan argameefi dorgomii kalaqaa mo’achuun sadaffaa ba’ee kan badhaafame dargaggoo Najjaash Abbaa Biyyaa Abbaa Garoo akka jedhutti, dorgommii ogummaa sadarkaa naannoo Oromiyaatti adeemsifamerratti mo’achuun badhaafame. Gara fuulduraatti teknolojii kalaquu akka barbaaduufi badhaasichis miira hojii kalaqaa cimaa isa keessatti uume ta’uufi bara dhufu ykn achaanu hojii kalaqaa qabatee dorgommiirratti hirmaachuuf kaka’umsa guddaan kan hojjetu ta’uus ni dubbata.
Waan tokko kalaquufis ta’e hojjechuuf beekumsi humniifi qarshiin wantoota bu’uuraa barbaachisoodha kan jedhu dargaggoon kun, Kan beekumsa qabu beekumsasaa gurguratee qarshii argachuu danda’a. Inni qarshii qabu ammoo beekumsa bitee hojjeteetu qarshii argata. Inni beekumsaafi qarshii dhabe ammoo humnasaatiin hojjetee qarshii argatee of jiraachisa. Keessumaa nuti, dargaggoonni ofii jijiiramuun maatiifi biyya keenya jijjiiruuf beekumsa, qarshiifi humna qabnu qindeessinee hojjechuu qabna jedha.
Kolleejii Poolii Teknikii Daabanaa Magaalaa Baddalleetti argamurraa kan dhufe Leenjisaan Manifaakchariingi Teknolojii Shawaangizaawu Araarsoo akka jedhutti, waggoota sadan darbanitti dorgommii marsaawwan sadaniirratti ‘Welding’ irratti dorgomuun tokkoffaa kan ba’e yoo ta’u, dorgommii marsaa 4ffaa baranaarratti ogummaan dorgomee sadarkaa lammaffaa argachuun badhaafameera. Gara fuulduraatti ammoo dorgommii teknolojii ‘Welding’fi qorannoorratti hirmaachuu akka barbaadu dubbata.
Barana carraa leenjii biyya keessaafi alaa akka argannuuf waadaan nuu seenameera kan jedhu leenjisichi, kunis ogummaa keenya akka gabbifannu taasisuun hojii caalu akka hojjennuuf kan nu kakaasuudha jechuun ibsa. Hanqina maashinoota gara garaa Kolleejjii Leenjii BLTO keessatti mul’atan furuunis dhimma xiyyeeffannaa barbaadu ta’uu eera.
Ministir De’eetaan Teknolojiifi Innoveeshinii Doktar Baay’isaa Badhaadhaa akka jedhanitti, hojii kalaqaa guddisuun jiruufi jireenya hawaasaa jijjiiruu keessatti gahee olaanaa qaba. Qabeenyi qabeenya caalu humna namaati; humna namaa keessaa ammoo kalaqni qabeenya qabeenyaan oliiti. Guddinni biyya tokkoo dorgommii keessa galuu kan danda’us teknolojiidhaani waan ta’eef mootummaan federaalaafi ministeerichi sektara teknolojiifi inoveshinii guddisuurratti xiyyeeffatee hojjechaa jira.
Dargaggoonni kennaa kalaqa adda addaa qaban Mana Barumsaa Gabbisa Kalaqaa ‘Talent Development’ kan magaalaa Buraayyuutti ijaaramee eebbifamuun barattoota simachuuf qophiirra jirutti dorgomanii leenji’uun kennaa kalaqasaanii guddifachuun sadarkaa ittaanutti akka ce’aniifis waamicha dhiyeessaniiru.
Dhumarrattis dhimma kalaqaa kana ilaalchisuun Ministirri Muummee Abiyyi Ahmad (PhD) dhaamsa ittaanu dabarsanii turan, “Itoophiyaa jijjiiruuf furmaatarratti xiyyeeffachuutu dirqama. Dorgommiin ogummaa sadarkaa biyyaatti adeemsifamu kan dargaggoonni gahumsaafi dandeettii garagaraa qaban hojiilee kalaqaasaaniirratti dhiyeessaniidha. Haa jabaannu; haa kalaqnu; qorumsa injifachuuf furmaatarratti haa xiyyeeffannu”.
Natsaannat Taaddasaatiin
BARIISAA SANBATAA Waxabajjii 3 Bara 2015
9 Comments to “ “Mul’ata qabaannaan haala mijataa hintaane keessattiyyuu hojjetanii milkaa’uun ni danda’ama” – Barsiisaa Amaanu’eel Baalchaa”