“Namni huccuu aadaa uffatee tajaajila kennu, hinhatu, hinsobu, hinloogu, haqa hinjallisu” – Aadde Rahimaa Jawaar

Aadaan ummataa karaawwan addaddaatiin ibsama. Uffannaa, nyaata, sirba, kabaja ayyaanaafi sirnoota garagaraatiin jechuudha. Oromoonis saba guddaa ibsamawwan aadaa kanneeniin daran badhaadhedha. Oromoon aadaasaatiif bakka guddaa waan kennuuf kabaja olaanaa kennaaf. Nama jaallatuuf, keessumaa fagoodhaa dhufuuf, cidharratti, sagantaawwan garagaraarratti wantoota aadaasaa ibsaniin jaalalaafi kabajasaa ibsa.

Ibsamawwan aadaa keessaa uffannaan isa tokko. Uffannaan aadaa Oromoo kan godinaalee addaddaa miidhagina calaqqisiisan jiraatanis maddiifi hiikaansaanii tokko. Duudhaa Sirna Gadaa jalatti hammatamanii eenyummaa sabichaa waltajjii addunyaarratti beeksisu.

Abbootiin Gadaa, haadholiin Siinqeefi jaarsoliin biyyaa yeroo mara haala jechuun danda’amuun sirna kamirrattiyyuu uffannaa aadaatiin miidhaganii kan argamaniif hiikkaansaa miidhaginarra darbee eenyummaa waliin waan walqabatuufi. Namni uffata aadaa uffatu kabajaafi naatoo waliin ija namaa kan guutuufis kanaafi.

Aadaan uffannaa Oromoo kun jaarraa baay’eef ibsama sabichaa ta’ee tajaajilaa kan ture yoo ta’u, wayita ammaas dhaloonni jiru haala addaddaan ammayyeessuun uffachuun aadaasaa beeksifachaa jira. (Asirratti ammayyeessuun haala duudhaafi aadaa sabichaa hinibsineen akka hintaaneef ofeeggannoon taasifamuu qabu akkuma jirutti ta’e).

Nama dhuunfaarra darbees dhaabbileen addaddaa yommuu sagantaa qabaatan uffata aadaatiin faayeffamanii kabajuun baramaa dhufeera. Darbees waajjiraaleen kanneen akka Komishinii Turizimii Oromiyaa ammoo guyyaa Jimaataa, guyyaa aadaa godhachuun hojjettoonni guyyicha uffata aadaa uffatanii hojiirra oolu.

Torban kanas magaalaan dhihoo akka haaraatti hundeeffamteefi xiiqii eenyummaa Oromoo deebisuuf xiiqeeffatte, Shaggar guyyaa Wiixataa hojjetoonni uffata aadaa uffatanii akka tajaajila kennan labsitteetti. Sagantichis Wiixata darbe galma Bulchiinsa Magaalaa Shaggaritti kan adeemsifame yoo ta’u, hojjettoonnis uffannaa aadaasaaniitiin galmicharra darbee mooricha miidhagsanii oolaniiru.

Saganticharratti haasawa kan taasisan Ittigaafatamtuun Waajjira Aadaafi Turizimii magaalichaa Aadde Rahimaa Jawaar akka jedhanitti, aadaan hiikaafi yaada bal’aa kan of keessaa qabu yoo ta’u, jiruu namaa, maalummaa, duudhaa, seenaa, amantii, aartii, miidhagina, nyaataafi kanneen biroo ibsuun mallattoo saba tokkoo ta’ee tajaajila.

Kanneen keessaa uffanni aadaa ammoo saba tokko isa tokkorraa adda baasanii ittiin beekuufillee akka fayyadu eeranii, Oromoon ammoo saboota aadaadhaan badhaadhan keessaa tokko ta’uu dubbatu. Qabeenya kanas waggoota darbanitti qorachuufi misoomsuuf tattaaffii taasifameen bu’aa olaanaan argameera.

Magaalaan Shaggar Magaalaa xiiqiidhaan hundoofteefi mallattoo ummata Oromoo ta’uu himanii, kaayyoo hundeeffama magaalichaa keessaa tokko magaalaa aadaa, duudhaa, seenaafi eenyummaa ummata Oromoo cabee ture bakkatti deebisuufi magaalaa hawwata turizimii taate uumuu ta’uu dubbatu. Kana malees magaalaa kenni tajaajilaa si’ataa, qulqulluu, haqaqabeessaafi duudhaa Oromoorratti hundaa’e kennuun, ummata dhabiinsa bulchiinsa gaariitiin dararamaa ture hundeerraa sirreessuu kan kaayyeffate ta’uu himu.

“Magaalaa xiiqiidhaan hundeeffamte tana keessatti, kaayyoon qabame akka dhugoomuuf hoggansiifi hojjettoonni magaalattii ofirraa ka’uun aadaa ofii kabajanii kabachiisuu, duudhaa Sirna Gadaarraa dhaalleen tajaajila si’ataa, qulqulluu, haqaqabeessaafi loogiirraa bilisa ta’e kennuuf kuutannee ka’uu qabna. Akka Waajjira Aadaafi Turizimiittis karaa hambaa seenaa hunda calaqqisiisuun hojjechuun Oromoo mataa ol qabsiisuuf ergama seenaqabeessa qabna” jedhu.

Bulchiinsa magaalichaatti Guyyaa Wiixataa uffata aadaatiin tajaajilli akka kennamuuf yommuu yaadni kennamu, hoggansi magaalichaa yaadicha guutuummaatti fudhachuufi gabbisuun yaada murtoorra ga’uu kan himan Aadde Rahimaan, uffata aadaa uffatanii tajaajila kennuun kan barbaachise akka duudhaa Sirna Gadaatti namni uffata aadaa uffatee teessoo murteessummaarra taa’e, hinsobu, hinhatu, hinloogu akkasumas haqa hinjallisuu waan ta’eef duudhaa sana deebisuuf ta’uu kaasu.

Akkasumas hundeeffamni magaalichaa aadaa Oromoo cabe deebisuuf waan ta’eef dhimma kana hojiirra oolchuuf hojii hojjetamu keessaa tokko aadaafi duudhaa ummatichaa beeksisuu ta’uusaatiin murtoon kun barbaachisaa ta’uu himu.

Kanaaf hojjetaan hundi uffata aadaa uffatee yommuu teessoo murtee kennuurra taa’u, murtoo haqaqabeessa kennuun akka irraa eegamu kaasanii, kun aadeeffamuu akka qabus hubachiisu. Labsiin kun akka milkaa’uufis hoggansiifi hojjetaan dirqama akka ba’atu waamicha dhiheessu.

Kantiibaa Ittaanaan Bulchiinsa Magaalaa Shaggar Obbo Guyyoo Waariyoo gamasaaniin, ummanni Oromoo ummata Sirna Gadaa keessatti dhalatee sirnicha keessatti guddate ta’uusaatiin waan aadaa ofii bareechee akka beekuufi har’arra qaqqabuufis aarsaa guddaa kanfaluu himu. Wareegamni lubbuu, cabuu lafee, darbuun lubbuufi miidhaa olaanaa qaqqabeen akka sadarkaa kanarra ga’amuus ibsu.

“Qabsoon jaarraa 16ffaa keessa taasifame ummata Oromoo biratti yoomiyyuu kan dagatamu miti. Qabsoo sanaan aangoo qabachuu baatus bu’uura kaa’eera. Qabsoo yeroosiitiin har’a Oromoon kallattiilee hundaan sadarkaa kana akka qaqqabuuf gumaacheera. Kanaaf ammoo urgeessituu qabsoo Oromoo kan ta’e Sirni Gadaa gahee olaanaa qaba. Sirni Gadaa gaaddisa guddaa ummata Oromoo walitti qabudha. Qabsoo Oromoon yeroo sana eegalee har’a aangoo siyaasaa akka qabatullee taasiseera” jedhu.

Yeroo sana Oromoon aangoo siyaasaa akka hinqabanne kan taasise tokkummaa dhabuufi lagaan walqooduu ta’uu eeranii, kunis ta’e jedhamee irratti hojjetamaa akka ture himu. Sabni tokkummaa hinqabnemmoo yoomiyyuu injifataa waan hintaasisneef gaaffiin ummataa deebii argachuu akka dhabe kaasu. Kana malees paartii Oromoo walitti qabu dhabuun bu’aan barbaadame akka hinargamne taasisuu eeru.

Akka isaan jedhanitti, injifannoo Oromoon har’a argatetti samii gadiitti lafaa olitti wanti mootummaa qoraa jiru hinjiru. Ta’us kana dandamachuun biyya diigamuuf fiixee geesse utubee dhaabuun seenaa biyya kanaa keessatti yeroo jalqabaatiif biyya kan asiin ga’e ilma saba Oromoo keessaa ba’eedha.

Bu’aa injifannoo Oromoo keessaa tokko kan ta’e hundeeffamni Magaalaa Shaggaris hiika guddaa waan qabuuf magaalaa eenyummaa, aadaa, afaaniifi duudhaan Oromoo cabee ture keessatti dagaagu akka ta’uuf hojii bal’aan hojjetamaa jiraachuu himanii, guyyaan Wiixataa akka uffata aadaatiin tajaajilli kennamu taasisuunis qaama hojii hojjetamaa jiruu ta’uusaatiin haaluma walfakkaatuun deemuu qaba. Hojiileen biroo Oromoofi Oromummaa ibsanis cimanii kan hojjetaman ta’uu kaasu.

Hojjettoonni magaalichaa tokko tokkos yaada kennaniin, murtoo murtaa’etti gammaduufi bu’uuruma duudhaa Oromummaatiin aadaasaanii ibsachaa tajaajila sirrii kennuuf qophii ta’uusaanii ibsu.

Saamraawiit Girmaatiin

BARIISAA SANBATAA Waxabajjii 3 Bara 2015

Recommended For You

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *