Kilaastarri qamadii jallisii Godina Shawaa Kaabaa, Aanaa Abbichuufi Nya’aa, Ganda Dirmaatti lafa heektaara kuma shanii olirratti omishame torban darbe Garee Pirezdaantii Bulchiinsa Mootummaa Naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaatiin durfamuun daawwatameera.
Qonnaan bulaan gandichaa Obbo Xilaahun Birruu yaada Gaazexaa Bariisaaf kennaniin akka jedhanitti, kilaastaraan qotuun faayidaa guddaa qaba; qonnaan bulaan lafti isaa walitti aanee jiru lafa yeroo walfakkaatu akka qotu, facaasu, sassaabuufi lafa heektaara tokkorraa callaa fooyya’aa akka argatuuf gargaara. Sanyii filatamaan karaa mootummaa kan isaaniif dhiyaate ta’uufi utuu lagni isaan itti fayyadamanii qamadii omishan hidhamee kaanaaliidhaan maasaa keessa akka ga’u taasifamee waggaa guutuu hojjechuuf fedhii guddaa qabu.
Rakkoo daandii konkolaataa waan qabaniif omishasaanii gara gabaatti geessuuf rakkachuu himanii, gandi isaan keessa jiraatan ibsaa waan hinqabneef midhaan kiiloo tokko baabura naafxaatti daaksifachuuf qarshii shan kaffaluufi daandii dheeraa lukaan deemuuf kan dirqaman ta’uu dubbatu.
Qonnaan Bulaan gandichaa biroon Dargaggoo Mulugeetaa Dastaa akka jedhutti, omisha qamadii kana bishaan laga keessaa humna namaatiin waraabanii obaasaa turan. Beenziilli liitiriin tokko qarshii 80 waan ta’eef paampii fayyadamanii kilaastara qamadii sana bishaan obaasuuf ulfaataadha. Osoo bokkaan arfaasaa dafee roobuu baatee humna namaatiin omisha qamadii sana bishaan obaasuun baay’ee rakkisaadha ture. Kilaastara qamadii kana humna namaatiin sassaabuun ulfaataa waan ta’uuf kombaayinarri utuu isaaniif dhiyaatee gaariidha.
Misooma jallisii baranaatiin qamadii lafa heektaara lamarratti omishuu kan dubbatu dargaggoon kun, omisha kana sanyii filatamaa, xaa’oo Paalaas ’45 Od’, farra aramaa, waagiifi ilbiisaa fayyadamuun waan facaaseef callaa fooyya’aa kan eeggatu ta’uu dubbata.
Omisha jallisii kana laga Arraagessaafi Cangii jedhamu fayyadamuun kan qotan ta’uu eeree, utuu mootummaan lagawwan lamaan kaanaaliidhaan maasaasaaniirra akka ga’uuf haala isaanii mijeessee ykn boolla bishaanii misooma jallisiif gargaaru isaaniif qotee jallisiifi rooba fayyadamuun waggaa guutuu hojjechuuf fedhii guddaa kan qaban ta’uu hima.
Ittigaafatamaan Waajjira Qonnaa Aanaa Abbichuufi Nya’aa Obbo Yirgaalam Biraanuu akka jedhanitti, barana akka aanichaatti lafti heektaara kuma 15 ol misooma jallisiitiin uwwifameera. Hojichi baranaa xiyyeeffannaa addaatiin hojjetamaa waan tureef bu’aan harka sadiin dabaleera. Qophii lafaarraa eegalee hanga ammaatti ogeessota qonnaatiin to’annoofi hordoffiin barbaachisu taasifamaafii jira. Hojiin baranaa gara fuulduraaf ka’umsa guddaa kan uumudha.
Yunivarsiitiin Dabira Birihaan omisha jallisii baranaaf sanyii qamadii filatamaa kuntaala 300 kan isaaniif kenne ta’uu himanii, omisha qamadii jallisii baranaa kilaastaraan qotuun xaa’oo, farra aramaafi waagii karaa guutuu waan fayyadamaniif akka aanichaatti callaa kuntaala kuma 900 ol argachuuf karoorfatanii hojjechaa jiraachuu ibsu.
Rakkoon daandii qonnaan bultoonni kaasan sirrii ta’uus kaasanii, kanas qaama dhimmisaa ilaallatuuf dhiyeessaa turuufi bakki kun daandii konkolaataarraa baay’ee fagoofi lafti isaa bishaan baay’ee waan qabatuuf konkolaataa ofsiisuuf rakkisaa ta’uu dubbatu.
Paampiin bishaanii qonnaan bultoonni omisha jallisiif fayyadaman boba’aa beenziilaatiin waan hojjetuuf lafa jallisiin misoome hunda bishaan obaasuun rakkisaa turuu himanii, utuu barana bokkaan arfaasaa dafee roobuu baatee qonnaan bulaan rakkoo hamaa keessa kan galu ta’uu kan himan ittigaafatamaan kun, misooma jallisii kana karaa itti fufiinsa qabuun hojjechuuf rakkoo bishaanii furuurratti xiyyeeffatamee hojjetamuu akka qabu dubbataniiru.
Ittigaafatamaan Waajjira Qonnaa Godina Shawaa Kaabaa Obbo Masaay Warquu akka jedhanitti, godinnichi kanaan dura kan beekamu horsiisa beelladaatiin malee omisha qonnaatiin miti. Hojiin misooma jallisii ammoo gonkumaa godinichatti hinbeekamu ture. Waggoota lamaa as garuu hojiin misooma jallisii godinichatti adeemsifamaa jira. Barana aanaalee godinichaa 16n keessatti hojiin jallisii xiyyeeffannaa addaatiin hojjetamaa kan ture yoo ta’u, lafti diriiraafi caffee beelladoonni irra dheedaa turan yeroo ammaa jallisiin misoomee qamadiin irra facaafamee mul’ata.
Barana akka godinichaatti lafa heektaara kuma 65 ol jallisiin misoomsuuf hojjetamaa turuu himanii, hanqina bishaaniif malee kana caalaa hojjechuun akka danda’amu kaasanii, arfaasaan yeroon waan roobeef rakkoon bishaanii misooma jallisiirratti isaan mudatee ture dafee furamuu ibsu. Misooma jallisii kana caalaatti babal’isuuf laga misooma jallisiif oolu kaanaaliidhaan maasaa qonnaan bulaa bira akka ga’u taasisuufi bishaan boollaa baasuun fedhii misooma jallisii qonnaan bulaa guutuuf qaama dhimmi ilaallatu waliin hojjechaa jiraachuu dubbatu. Mootummaan naannichaas lageen gurguddoo hidhuudhaan qonnaan bulaa biraan ga’uun misooma jallisii babal’isuurratti xiyyeeffatee hojjechaa jiraachuus eeraniiru.
Lagi Arraagessaafi Cangii utuu ammayyaa’ee hidhamee lafa bal’aa jallisiin misoomsuu danda’a kan jedhan Obbo Masaay, boolla gadi fagoo misooma jallisiif tajaajilu naannawichatti qotuuf karoora qabaachuufi kanas mootummaa naannoo Oromiyaa waliin dubbachaa jiraachuu dubbatu. Rakkoo bishaanii kana battalummatti aanaalee godinichaa hunda keessatti furuun rakkisaa ta’uufi rakkoo daandii qonnaan bultoota naannawichaa mudatee jiru furuunis dhimma mootummaan naannichaa xiyyeeffannoo addaatiin irratti hojjechuu qabu ta’uus ibsu.
Hogganaan Biiroo Qonna Oromiyaa Obbo Geetuu Gammachuu gamasaaniin, hojiin misooma jallisii bona baranaa milkaa’ina guddaan xumuramuufi misooma jallisii baranaatiin qamadii lafa heektaara miliyoona 1.1 irra facaasuun callaa kuntaala miliyoona 38.5 argachuuf karoofamee hojjetamaa kan ture yoo ta’u, hanga torban darbeetti lafa heektaara kuma 980 irraa qamadiin sassaabuun callaan kuntaala miliyoona 33 argamuu himu. Qamadiin sababa haala qilleensaatiin duubatti harkifate yeroo sassaabamu karoorichi guutummaatti kan milkaa’u ta’uus eeraniiru.
Rakkoo bishaanii furuuf bishaan lagaa paampiidhaan ykn kaanaaliidhaan gara maasaatti baasuun, bishaan cimmisuufi bishaan lafa jalaa fageenya dhiyoorratti argamu baasuun fayyadamuu akka danda’amu himanii, mootummaan naannichaas misooma jallisii babal’isuuf waggaa waggaan paampii bishaanii qonnaan bultootaaf dhiyeessaa jiraachuu dubbatu. Waggoota lama dura paampiiwwan bishaanii Oromiyaa keessa turan kuma tokko hinguunne waggoota lamaan darban keessa qofa paampiiwwan kuma 45 ta’u qonnaan bultootaaf dhiyaachuufi fedhiin qonnaan bultootaa baay’ee dabalaa waan jiruuf paampiiwwan dhiyaatan ammayyuu gahaa waan hintaaneef bara dhufu paampiiwwan kuma 51 dabalataan dhiyeessuuf karoorfamuu himu. Omishni qamadii jallisii baranaa %58 ta’u paampii bishaanii fayyadamuudhaan kan omishame ta’uus eeru.
Qonnaan bulaan naannichaa yeroo ammaa misooma jallisiifi rooba fayyadamuun waggaa guutuu omishaa jira kan jedhan Obbo Geetuun, qonnaan bulaan teknolojii qonnaa, sanyii filatamaafi galteewwan qonnaa fayyadamuun kilaastaraan qotaa waan jiruuf omisha fooyya’aa argachaa jiraachuus dubbatu.
“Omisha qamadii bona baranaarratti sanyii filatamaafi xaa’oon hanqina tokko malee waan dhiyaateef karoora callaa qamadii argachuuf qabame milkeessuun danda’ameera. Barana dhiyeessa sanyii filatamaa boqqolloo dhiyeessuurratti hanqinni guddaan mudateera. Dhiyeessa sanyii filatamaafi xaa’oo qonna arfaasaafi ganna baranaarratti garuu hanqinni mudateera .Hanqina sanyii falatamaa boqqolloo mudate furuuf qonnaan bultoonni sanyii boqqolloo Wiirtuu Qorannoo Qonnaatiin baay’ifame fudhatanii akka facaasan ta’eera. Dhaabbanni Sanyii Filatamaa Oromiyaa maasaa bal’aarratti sanyii waan baay’isaniif hanqina dhiyeessa sanyii filatamaarratti mudateef firmaata ta’aniiru” jedhu.
Barana xaa’oo kuntaala miliyoona sagal qonnaan bultoota naannichaaf dhiyeessuuf karoorfatanii hojjechaa jiraachuu kan himan hogganaan kun, kana keessaa hanga ammaatti xaa’oo kuntaalli miliyoona afur qofti qonnaan bultootaaf dhiyaachuufi xaa’oon dhiyaate fedhii qonnaan bultootaa guutuu akka hindandeenye dursanii waan hubataniif qonnaan bulaan kompoostii qopheeffatee akka itti fayyadamu ta’uu himu. Kompoostii meetirik kuubii miliyoona 100 qopheessuuf karoorfame keessaa meetirik kuubii miliyoona 92 ganda gandatti qopheessuun gara maasaa qonnaan bulaatti akka galu taasifamaa jiraachuufi naannichatti hanqina dhiyeessii xaa’oo keemikaalaa olaanaa mul’achuu himanii, hanqina xaa’oo mudate kana yeroo gabaabaa keessatti furuuf Ministeera Qonnaa waliin hojjechaa jiraachuu himaniiru.
Obbo Shimallis Abdiisaa sagantaa daawwannichaarratti argamuun haasaa taasisaniin, omishaafi omishtummaa misooma jallisiirraa argamu caalaatti guddisuuf, hojiin bishaan sadarkaa maatiitti cimmisuu, lageen hidhanii kuusuun itti fayyadamuufi pirojektoota hidhawwan jallisii bal’inaan adeemsifamaa jiraachuu himanii, hidhawwan hojjetamaa jiran 233 keessaa 81 tajaajila kennaa jiraachuufi hojiin kun gara fuulduraattis cimee kan itti fufu ta’uu himaniiru.
“Hiyyummaadhaaf yeroo kennuu hinqabnu. Hiyyummaa seenaa gochuuf ammoo lafaafi bishaan gabbataa rabbi eebbisee nuu kenneefi humna namaa gahaa qabnu walitti qindeessinee hojjechuun Oromiyaa keessatti raajii hojjechuu dandeenya. Misooma jallisii bara 2016 dachaan guddisuuf tokkoon tokkoon keenya jabaannee hojjechuu qabna. Qonnaan bultoonni keenya waan ganna kanaafi bona dhufu hojjetan, galii argachuu akka danda’aniifi galii argatanirraa ammoo hangam qusachuu akka qaban karoorfachuu qabu” jedhu.
Natsaannat Taaddasaatiin
BARIISAA SANBATAA Waxabajjii 3 Bara 2015
6 Comments to “ Qonni jallisii hanqina bishaaniitiin akka hingufanneef xiyyeeffannaan irratti hojjechuu barbaada”