Humni omishuu industiriiwwanii dhibbantaa 46 irraa gara 53tti guddate

Finfinnee: Humni omishuu industiriiwwan Itoophiyaa dhibbantaa 46 irraa gara 53tti guddachuu Ministeerri Industirii beeksise. Inisheetiiviin “Itoophiyaan haa omishtuu” ija godhachaa jira jedhame.

Ministeerichatti Qindeessaan Pirojektii ‘Itoophiyaan haa omishtuu’ Obbo Asfaawuu Abbabaa ibsa addatti Dhaabbata Pireesii Itoophiyaaf kennaniin akka jedhanitti, waggaa tokko dura biyyattiin rakkoolee omishtummaa industiriin walqabatee jiru furuun karoora qonnarraa gara industiriitti ce’uuf qabdu dhugoomsuf inisheetiivii ‘Itoophiyaan haa omishtuu’ bocuudhaan hojii jalqabdeerti.

Jalqabuu inisheetiivii kanaan walqabatee babal’inaafi guddina industiriiwwaniif mootummaan haalota mijatoo hedduu uumeera. Kunneenis rakkinootni omishaafi omishtummaa industiriiwwan mudachuu danda’an furuuf daran kan gargaaraniidha.

Milkaa’ina inisheetiivichaatiif dhaabbileen mootummaafi mitmootummaa xiyyeeffannoo addaa kennuun hojjechaa jiraachuus kaasanii, inisheetiiviidhuma kana akka deeggaruuf ministeerichi pirojektii of danda’e ‘Itoophiyaan haa omishtu’ jedhamu bocee hojjechaa jiraachuu ibsu.

Rakkoolee industiriiwwan biyyattii qaban furuun bu’aqabeessummaa industriiwwanii dabaluuf ministeerichi sadarkaa biyyalessatti roga hundaan deeggarsa barbaachisaa taasisuuf akka mijatuuf koree garaagaraa shan kanneen akka koree gumruukii, qorannoofi qo’annoo, galteefi bu’uuraalee misoomaa, teknikiifi ijaarsa dandeettii hundeessuun hojjechaa jiraachuu dubbatu.

Bu’uuruma kanaan industiriiwwan inisheetivichi osoo hinjalqabiin dura sababoota akka kovid-19, walittibu’iinsa biyyattiitti uumamee tureefi sababoota birootiin cufaman 352 banamanii hojii eegaluu himu. Inisheetiivicha dura Oromiyaa qofatti industiriiwwan 121 cufamanii turan amma banamuusaanii yaadachiisaniiru.

Akka Obbo Asfaawuu jedhanitti, seenaa biyyattii keessatti omishawwan kanaan dura tasuma omishamanii hinbeekne kanneen akka uffata militariifi akaakuuwwan qorichoota garagaraa omishuun danda’ameera. Galteewwan industirii biyyattiin sharafa alaa hedduu baasuun alaa galchaa turte biyya keessatti omishuunis jalqabameera. Kunis sababa hudhaa sharafa biyya alaatiin industiriwwan akka hinrakkanne gochuuf daran kan gargaaruudha.

Taammiruu Raggaasaatiin

BARIISAA SANBATAA Waxabajjii 3 Bara 2015

Recommended For You

4 Comments to “ Humni omishuu industiriiwwanii dhibbantaa 46 irraa gara 53tti guddate”

  1. Pingback: ทัวร์

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *