Naannoleen balaa lolaaf saaxilamoo ta’an ofeeggannoo taasisuu qabu

Finfinnee: Naannoleen biyyattii tibba gannaa kanatti lolaaf saaxilamoo ta’an ofeeggannoo taasisuu akka qaban Komishiniin Hoggansa Sodaa Balaa Federaalaa hubachiise.

Komishinichatti, Daarektarri Akeekkachiisa Duraafi Deebii Obbo Taayyee Geetaachoo ibsa dheengadda addatti Dhaabbata Pireesii Itoophiyaaf kennaniin akka jedhanitti, ragaa tilmaama duraa Inistiitiyuutii Meetiworoloojii Itoophiyaarraa argame irratti hundaa’uun miidhaa lolaa barana mudachuu danda’u hir’isuuf akeekkachiisa garagaraa qopheessuun naannolee biyyattii balaa lolaaf saaxilamoo ta’aniif ergameera.

Baatiiwwan Adoolessaafi Hagayyaa keessa roobni cimaan darbee darbee mudachuu akkasumas sigigni lafaa uumamuu akka danda’u raagni meetiworoloojii argame akka mul’isu ibsu. Rakkoolee uumamuu danda’an ittisuufis odeeffannoon kun dhaabbileefi caasaalee naannoo irraa gara godinaatti dabarfamuusaas beeksisaniiru.

Miidhaa balaa lolaa hir’isuuf iddoowwan balaan itti uumamuu malu sirreessuu, daagaa qopheessuu, miidhaa osoo hingeessisin kallattiin gara lagaatti akka deemu gochuu, akkasumas ummanni tulluu jalaafi bakka balaaf saaxilu jiraatu iddoo olka’aatti akka ba’an taasifamaa turuus Obbo Taayyeen ibsaniiru.

Bakkeewwaniifi magaalonni akka Afdeeraa, Liiban, Daawwaa, Oomoo Kibbaa, Goofaa, Gaamoo, Shabalee, Godee, Dubtii, Asaayittaa, Millee, Cifiraa, Gawwaanee, Booree, Humaraa, Xagadee, Alamaaxaa, Raayyaa Azaboo, Mahoonii, Maacoo, Asoosaa, Harargee Lixaa, Arsii Lixaa, Shawaa Bahaa, Shawaa Kaabaa, Limokamkam, Foogaraa, Darraa, Dambiyaa, Jiillee Dhummuugaafi Anyuuwaak balaa lolaatif saaxilamuu akka danda’anis komishinichi ifoomseera.

Komishinichi hojii qindoominaa hojjetuun torban torbaniin naannoolee hunda irraa odeeffannoo haaraa kan balaa dhufuu danda’u ittisuuf gargaaru akka funaanu eeranii, bakkeewwan balaaf saaxilaman baraaruuf karaa lolaan ba’ee balaa uumuu malu akka cufamu taasisuus himaniiru.

Qophiilee taasifamaniin ol ta’ee namootni yoo lolaan marfaman, bidiruufi ogeeyyii erguun akka isaan deeggaran gochuuf komishinichi qophiisaa hunda xumuruu himanii, balaa lolaa uumamuu danda’u kana ittisuufi hir’isuuf bajatni ofeeggannoo gama mootummaafi miti mootummaatiin kan qophaa’u ta’uu ibsu.

Taammiruu Raggaasaatiin

BARIISAA SANBATAA Waxabajjii 3 Bara 2015

Recommended For You

12 Comments to “ Naannoleen balaa lolaaf saaxilamoo ta’an ofeeggannoo taasisuu qabu”

  1. Pingback: โคเวย์
  2. prednisone without prescription 10mg [url=http://prednisoneraypharm.com/#]buy prednisone[/url] prednisone rx coupon

  3. dapoxetine online [url=https://priligymaxpharm.com/#]priligy maxpharm[/url] buy priligy max pharm

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *