Erga hundooftee umrii waggaa 112 lakkoofsisaa kan jirtu Magaalaan Shaashamannee harka dhalattoota ishii keessa jiraataniin, ummata naannawaafi imaltoota keessa darbaniin akkasumas kanneen hojiilee daladalaarratti bobba’aniin ijaaramtee irreefi humna har’a qabdu horatuu dandeesseeti.
Bara 1903 kan hundoofte Shaashamanneen magaalaa guddittii Godina Arsii Lixaati. Magaalattiin maqaa kana kan gonfatte seendubeewwan garagaraatiin ta’uu jaarsoliin Sikkoo Mandoofi hayyoonni ni ibsu.
Magaalattiin durumaa qabee wiirtuu sochii daldalaa Itoophiyaa kibbaa, kibba bahaafi kibba dhihaa taatee tajaajilaa akka turte seenaatu hima. Kunis magaalattiin giddugala guddinaafi siyaasaa akka taatuuf daandii saaqeera.
Shaashamannee giddugala daandiiwwan daldalaa itti walqunnaman gidduutti argamuunshee hundeeffamuu qofa osoo hintaane guddina si’aayaa akka galmeessiftuuf sababa ta’eera.
Keessattuu daandiiwwan biyyattii gara kibbaafi giddugaleessaa geessan jiraachuun magaalattiin giddugala raabsaa omishaalee qonnaafi galteewwan industirii akka taatuuf gumaacheera.
Dur daldaltoonni daandii dheeraa imalanii Shaashamanneerraa irraa kiiloo meetira 13 imaluun gabaa Aleeluu ykn Korree Rogichaa jedhamtutti aaragalfataa turan.
Giddugalli gabaa Aleeluu kun daldaltootni akkaataa barbaadaniin akka keessa hinqubanneef haalonni mijatooo hintaane akka turantu himama. Gabaan Aleeluu yeroo sanaa giddugala gabaa qofa osoo hintaane qubbannaa humna waraanaafi waajjira bulchiinsaa ta’uuf dirqamtee turte.
Rakkoowwan adda addaa giddugalicha mudataa turerraa kan ka’e daldaltootni biyyattii gara kibbaarraa dhufan iddoo Haruufaa jedhamaa tureefi yeroo ammaa kutaa magaalaa ta’ee moggaafame qubachuunsaanii sochii daldala Aleeluu akkaan qorrisiisuu hayyoonni ragaa bahu.
Daldaltootni gabaa Aleeluu lagachuun gara Haruufaatti fuulasaanii deeffachuun bulchiinsa Aleeluu yeroo sanaa waan hinaafsiseef Aleeluu haaraa hundeessuun sochii daldalaasaanii iddootti deebifachuuf yaalaniiru jedhama. Fedhiifi hinaaffaan imaltootni/daldaltoonni akka isaan bira qubataniif gabaa Aleeluufi Gabaa Haruufaa gidduutti taasifamaa tureen, Shaashamanneen har’aa hundaa’uutu dubbatama.
Akka jaarsoliifi abbootii Gadaa Sikkoo Mandoorraa odeeffannetti dubartiin Shaashee jedhamtu manasheetti farsoofi booka naquun bakka qubannaafi aaragalfii daldaltootaa ta’aa turte. Farsoofi booka qofa osoo hintaane nyaatas qopheessaa turuun ni himama.
Daldaltoonni yeroo sanaa, oggaa Shaashamannee har’aa gahan iddoon bookaafi farsoo itti unatan qabiyyeefi akaakuudhaan kan yeroo sanaatiin garagara ta’us, akka har’aa kana iddoowwan hunda waan hinturreef mana shaashee deemna jedhamaa ture.
Kanaaf moggaasni maqaa Shaashamannee jedhamu jechoota lama manaafi dubartii Shaashee jedhamturraa akka dhufetu dubbatama.
Magaalaan Shaashamannee of dandeessee mana qopheessaatiin buluu kan eegalte bara 1936 yoo ta’u, kan pilaanii qabaatte immoo bara 1996 lafa heektaara kuma 17fi 119 irratti.
Kaabaa kibbaa, bahaa dhihaa maamila horachuufi daldalanii buufachuun hojii idilee jiraattotashii magaalattii hedduuti.
Shaashamanneen, Magaalaa karrawwan seensaafi bahiinsaa shan qabdu, karra 6ffaa ishees yeroo dhiyootti imaltootaaf banaa gochuuf carraaqaa jirti. Kunis sochii daldala magaalattii akkaan jabeesseera.
Baay’ina ummataa kuma 407 olitti tilmaamamu kan qabduufi magaalaa sabootaafi sablammoonni 27 oliifi lammiileen biyya alaas aadaa, duudhaafi amantii ofii karaa nagayaafi tasgabbii qabuun geggeeffataa keessa jiraataniidha Shaasheen.
Magaalaa guddittii Itoophiyaafi Oromiyaa, Finfinneerraa kiiloo meetira 250fi Magaalaa guddoo Naannoo Sidaamaa, Hawaasaarraa immoo fageenya kiiloo meetira 25 irratti argamti.
Akkuma mala dubartii siif haa kennu jedhamu, qe’een Aadde Shaashee rakkoolee mudatanis, malaafi obsaan injifachuu itti beekti.
Badii qaqqabe, akka duudhaa hawaasichaatti furaa, kan sanaa ol ta’e seera jiruun barsiisaa, qabeenya harka hammeenyaatiin manca’e, irree gamtoomeen deebisanii ijaaruun jiraattonni magaalattii seenaa yoomuu hindagatamne hojjetaniiru, hojjechaas jiru.
Rakkoo nageenyaa waggoota muraasa dura du’a Artisti Haacaaluu Hundeessaa sababeefachuun namoota gadda ibsachuuf bahaniin cinaatti humnoonni Fixaaleyyiin mancaatii qabeenyaa irraan gahaniifi sochii daldala qorrisiisuuf yaalaniif kan hinjilbeeffanne, ummanni Shaashamannee yeroo ammaa nageenya amansiisaafi waaraa fiduun sochiin daldalaa akkaan ho’aa ta’e adeemsisuurratti argamti.
Qaamoleen gochicha raawwatanii turanis humnoota faallaa jijjiiramaa malee ummata Oromoofi sabootaafi sablammoota biroo jidduu rakkoon akka hinjirre, birmannaa ummatichi waliif taasiseen Shaashamanneen yeroo ammaa iddooshii kaleessaatti deebitee sochii daldalaafi maqaa gaarii kaleessa wiirtuu daldalaafi aduun itti hindhiine gonfachuushee sochiin daldalaa yeroo ammaa geggeessaa jirtuufi namootni qabeenyi jalaa manca’ee ture kan yeroo ammaa hojii idileesaani kan duraa caalaa dinagdeensaanii fooyya’e ragaadha.
Magaalattiitti sabaafi sablammoonni amantaa ummata Siikkoo Mandoofi Mootummaa Paartii Badhaadhinnaatiin hogganamurraa qabaniin qabeenyaasaanii manca’ee ture deeggarsa jiraattonni taasisaniif dabalatee kan kanaan dura qusataniin sochii daldalaafi bareedinaaf bu’uura ta’aniiru. Kanaafis hoteelotaafi kaaffeewwan adda addaa akka fakkeenyaatti eeruun ni danda’ama.
Daldala karrawwan shaniin hojjechaa, dinagdee kan gabbifatte Shaashamanneen, duudhaa warra Siikkoo Mandootiin faayamtee, dhaloota safuu barsiisaa jirti.
Duudhaan hammattummaa Shaashamanneen qabdu, guddina dinagdee magaalattii saffisiiseera. Magaalattiin akkuma daldaltootaaf giddugala taate, imaltootaafis iddoo aaragalfiiti.
Kana qofaa miti, Shaashamanneen guyyaatti magaalaa sabdaneessummaa jaalalaan keessummeesitu, Magaalaa tokkummaati. Lammiileen Jaamayikaafi Arabaa kanaaf ragaadha.
Guyyaafi halkanillee sochiin daldalaa waan jiruuf abbootiin qabeenya investimentiif magaalatti ni filatu.
Magaalattiitti abbootiin qabeenyaa pirojektota investimentii 434 irratti bobba’uun qarshii kaappitaala biiliyoona 5.1 horachuufi namoota kuma 46 oliif carraa hojii uumaniiru.
Bara 2015ttis dureeyyonni 82 kaappitaala qarshii biliyoona 1.8 sochoosuu danda’an hojii jalqabuuf haaldureewwan xumuramaafii jiraachuufi kanneen hojii qabatamaatti seenanis jiru.
Qaamolee hojii investimentiirratti bobba’uu barbaadaniif, haala mijeessuun anaa dhufu jettee simachuuf eegaa jirti, Shaashamanneen.
Haroon Habaas Kutaa Magaalaa Bishaan Gurraachaatti argamus hawwattummaa turistii dabaluu bira darbee dargaggoonni hedduun madda galii taasifataniiru.
Holqi jannata Simbirrootaa jedhamuun beekamu, Paarkiin Abijaataa-Shaallaa, Paarkiin Biyyaalessaa Qorkee, Harri Laangaanoo, Paarkiin Gaarreen Baalee dhiyeenya Shashamanneetti argamuun carraa investimentiishii ni dabalu.
Shaashamanneen yeroo ammaa gaaffii bu’uuraalee misoomaa ummatashee deebisuuf misoomaarratti argamti.
Magaalattiin miidhagduufi jireenya jiraattootashiitiif mijattuu taate uumuuf hojii misooma magariisaa sadarkaa biyyaatti fakkeenya ta’u, carraa hojiifi aaragalfii ta’aa jirti.
Qe`ee Aadde Shaasheen daldalaan hundeessite, magaalaa jaalalaa, wiirtuu daldalaa, duudhaa ummata Siikkoo Mandootiin faayamte, lammiilee biyya alaa dabalatee sabaafi sablammoonni 27 ol bakka aaragalfii taasifataniiru.
BARIISAA SANBATAA Waxabajjii 3 Bara 2015
6 Comments to “ Qe’een Aadde Shaashee kaleessaa Shaashamannee har’aa oggaa mil’atamu”