Matadureen kun yaada ijoo sagantaa Ashaaraa Magariisaa boqonnaa lammaffaa dheengadda jalqabameeti. Boqonnaan jalqabaa biqiltuuwwan biliyoona 25 ittiin dhaabamanii milkaa’eera. Marsaa lammaffaatiinis Itoophiyaan biqiltuuwwan biliyoona 25 ni dhaabdi.
Ashaaraan magariisaa hambaa dhalootatti darbuudha. Jijjiirama haala qilleensaafi golgolaa’uu naannawaa ittiin dandamachuuf karoora biyyaa madde taasifamee kan kaayyeffameedha. Hojichi carraa hojii uumuufis mala tokko. Akkasumas biqiltuuwwan nyaataaf oolan dhaabuudhaan karaa wabii nyaataa ittiin mirkaneeffamu keessaa isa tokko.
Durumaa qabee keessumaa ummanni Oromoo uumaafi uumama wajjin hariiroo cimaa waan qabuuf dhaabiinsaafi kunuunsa biqiltootaa akkasumas eegumsa naannawaatiif iddoo guddaa kenna.
Ummatichi qabeenya uumamaafi bosonaa waan beekuufis uumama qabatee uumaaf galata galcha. Kabaja uumaaf qabu uumama kunuunsuunis agarsiisa. Ilaalama guutuudhaan addunyaa hubata, madaala eegee rakkoo waliigalaatiif mala dhaha.
Akka falaasamaafi ilaalcha Oromootti yoo madaalliin uumaafi uumamaa dabe rakkootu dhalata. Rakkoon uumamaafi namtolchee madaala eeguu dhabuurraa madda. Kanaafis, “Akka raachi hinduune, haroonis hinguune” jedhee mammaakaa duudhaasaa addaa kana dhaloota barsiisa.
Aadaa Oromoo keessatti bosona kunuunsuun, biqiltuu dhaabuun, daagaa hidhuun dhiqama biyyee ittisa, gabbina biyyee eega. Walumaagalatti sirna ikkoo eeguun lubbuqabeeyyii lafaafi bishaan keessa jiraatan irraa faayidaa argata.
Yaadamniifi falaasamni Oromoon durumaa qabee uumaaf qabu mootummaa Ministira Muummee Abiyyi Ahmadiin (PhD) durfamuun dhaalameefi utubamee dhaabiinsiifi kunuunsi biqiltuu boqonnaa jalqabaa waggoota afran darbaniif moggaasa Ashaaraa Magariisaa jedhamuun akkuma irranatti eerre biqiltuuwwan biliyoona 20 dhaabuuf karoorfamee biliyoonni 25 ummata miliyoona 20 hirmaachisee dhaabamuun akkasumas harki 80 latuun hojii guddaan addunyaa ajaa’ibsiise raawwatameera.
Sagantaa ashaaraa magariisaa boqonnaa lammaffaa waggoota afran ittaananitti hojiirra oolu kanaanis biqiltuuwwan biiliyoonni 25 kan dhaabaman yoo ta’u, kan baranaatiif biqiltuuwwan biiliyoona 7.4 qophaa’aniiru.
Biiliyoona 25 keessaa biqiltuuwwan qonnaa bosona wajjin walitti hidhatan dhibbantaa 60, dhibbantaan 35 ammoo biqiltuuwwan bosonaa yoo ta’an, dhibbantaan shan kanneen miidhagina magaalaatiif oolaniidha. Adeemsa kanaan barana biliyoona 31 ni qaqqabama, waggoota torba keessatti ammoo Itoophiyaan uffata magariisaa biliyoona 50 ni uffatti jechuudha.
Sagantichi qaama tattaaffii Itoophiyaan nyaataan ofdanda’uuf taasiftuu ta’uunis hubannoo argatee dhaabamee hanga bosonaa’utti xiyyeeffannaadhaan irratti hojjetamuu qaba.
Egaa, hojiin dhaabiinsa biqiltuu mataduree, “Egeree keenya har’a haadhaabnu” jedhuun Naannoo Affaaritti Ministira Muummeetiin eegalame hanga baatii Fulbaanaa bara 2016tti ittifufu milkeessuuf hunduu kan kanaan duraarra qoodasaa bahachuu qaba.
BARIISAA SANBATAA Waxabajjii 3 Bara 2015
6 Comments to “ Egeree keenya har’a haa dhaabnu”