Adaamaa: Diinagdee biyyattii bu’uurarraa jijjiiruufi qonna biyyattii gara makaanaayzeeshiniitti jijjiiruudhaan omishaafi omishtummaan akka dabaluuf hojiiwwan waggoota shanan darban keessatti hojjetamaniin Itoophiyaan yeroo jalqabaatiif omisha qamadii alatti erguu dandeesseerti.
Kun immoo qonna ammayyeessuu biratti qonnaan bulaan galteewwan qonnaa kanneen akka; xaa’oofi keemikaalota gara garaa akka fayyadamuuf hojii hubannoo uumameefi qonnaan bulaa birattis fudhatama argateen akka ta’etu himama.
Haa ta’uu malee yeroo fedhiin qonnaan bultootni galteewwan qonnaa fayyadamuuf qaban dabalaa jiru kanatti hanniifi alseerummaan daldala galteewwan qonnaa keessatti mul’achaa jiru yaaddoo uumaa jiraachuu Abbaan Taayitaa To’annoo Galteewwaniifi Omisha Qonnaa Oromiyaa beeksise.
Haala alseerummaa daldala galteewwan qonnaa keessatti mul’achaa jirurratti qooda fudhattoota waliin dheengadda Adaamaatti marii kan gaggeesse abbaan taayitichaa, jalqabarratti wanti hubatamuu qabu yeroo ammaatti haallitti daldalli galteewwan qonnaa adeemsifamaa jiru rakkoo guddaa akka qabu eerameera. Hudhaa damee kana qoraa jiru furuuf hubannoofi ejjennoo tokko qabaachuun murteessaa ta’uus Hogganaa Olaanaan Abbaa Taayitichaa Obbo Ahmad Sa’id ni dubbatu.
Hattoota qofa osoo hintaane qajeelfamni daldalaafi raabsa galteewwan qonnaa kanaan dura ture mataansaatuu rakkoo kanaaf kan karaa saaqe ta’uu qorannoodhaan kan adda bahe ta’uus himanii, yeroo ammaatti qajeelfama sana jijjiiruufi haaraadhaan bakka buusuuf haaldureewwan hundi xumuramanii galtee qooda fudhattootaa funaanaa jiraachuu dubbatu.
Rakkoo hammaachaa dhufe kana to’achuuf immoo qindoominni qooda fudhattoota jidduu jiru cimuu akka qabus ibsaniiru.
Hanqinni raabsa xaa’oo yeroo ammaa mul’achaa jiru sababa xaa’oon alaa galu hir’ateef qofa akka hintaane kan himan immoo hogganaa Biiroo Qonna Oromiyaa Obbo Geetuu Gammachuuti. Isaanis hanniifi alseerummaan daldala xaa’oo keessatti mul’achaa jiru hanqinicha hammeessaa jiraachuu dubbatu.
Sababa rakkoo sharafa alaatiin xaa’oon alaa galu hir’achuun akkuma jirutti ta’ee, hanniifi alseerummaan daldala xaa’oo namoota humnaafi maallaqa guddaa qabaniin adeemsifamaa jiru kun dafee dhaabachuu baannaan omishaafi omishtummaarratti rakkoo uumuu akka danda’us ibsaniiru.
Hanna kana keessatti immoo gubbaa irraa eegalee hoggansi mootummaa gara garaas kan keessatti hirmaatu waan ta’eef, hirmaannaa qooda fudhattootaan harka hoggansa hanna babal’isuun hawaasa qonnaan bulaa rakkisan ittigaafatamummaa seeraa qabaachuu akka qaban taasisaa deemuun murteessaa ta’uu himaniiru.
Dhimmi haattoota kana dhabamsiisuu gahee abbaa taayitichaa ykn seektara tokkoo qofa miti kan jedhan Obbo Geetuun, qindoominaan hojjechuun qonnaan bulaa fayyadamaa taasisuuf tumsi barbaachisaa ta’uu dhaamaniiru.
Bayyanaa Ibraahimiin
BARIISAA SANBATAA Waxabajjii 3 Bara 2015
3 Comments to “ Alseerummaan daldala galteewwan qonnaa, yaaddoo uumaa jira”