Finfinnee: Magaalaan Shaggar faayidaawwan hedduu yaada keessa galchuun akka haaraatti magaalota Buraayyuu, Sabbataa, Sulultaa, Laga Xaafoofi Galaan bakka tokkotti fiduun kan hundeeffame yoo ta’u, hundeeffama Mootummaa Naannoo Oromiyaatti aansees kan adda isa taasisuufi hiikaa guddaa qabuudha.
Magaalichis erga hundeeffamee ji’oota ja’a lakkoofsiseera. Yeroo kana keessatti gaaffilee barootaa ummata Oromoofi kan magaalichaa deebisuuf hojii bal’aan hojjetamaa jiraachuudha Kantiibaa Ittaanaafi Qindeessaan Kilaastara Dinagdee Magaalaa Shaggar Obbo Guyyoo Galgaloo gaafdeebii Gaazexaa Bariisaa waliin taasisaniin kan ibsan.
Kaayyoon ijoo hundeeffama magaalaa kanaas magaalonni bittinnaa’anii turan walitti dhufuun gaaffii hawaas dinagdeefi hawaasummaa ummataan ka’aa ture deebisuuf ta’uufi kanarratti qorannoon bal’aan gaggeeffamuu himanii, keessumaa gaaffii bal’aa ummataa kan taru dhimmi bulchiinsa daangaa deebii kan itti argate ta’uu ibsu.
Kanaanis hojiin bulchiinsa daangaa kan hojjetame yoo ta’u, kunis bulchiinsi daangaa sirnaan akka hogganamuuf malee ummata addaan baasuuf akka hintaane himu. Erga bulchiinsi daangaa dhumees magaalaa akkamii qabaachuu barbaachisa inni jedhu muuxannoowwan idiladdunyaa bu’uura godhachuun qorannoowwan garagaraa taasifamuun hojiitti seenamuu dubbatu.
Akka ibsa Obbo Guyyootti, qabeenyi guddaan magaalota kanneen keessa jiru lafa waan ta’eef lafti ammoo qabeenya dhumataa ta’uusaatiin sirnaan hogganamee dhalootatti akka darbuuf qisaasamarraa hambisuuf magaalonni kunneen walitti dhufaniiru.
Erga Magaalaan Shaggar hundeeffamees hojiileen bu’uraalee misoomaa guutuu karooraan itti deemamaa jiraachuu kaasanii, magaalonni bittinaa’anii Finfinnee marsanii turan bu’uraalee misoomaa sadarkaasaa eeggatellee kan hinqabne ta’uu ibsu. Jiraattonni tajaajiloota kanneen argachuu yoo barbaadan dirqama gara Finfinnee dhufaa turuu eeru.
“Magaalichi kan gaaffiin eenyummaallee keessa jiruudha. Shaggar magaalaa qonnaan bulaati. Bakka eenyummaa, aadaa, duudhaafi Afaan Oromoo itti dhiibamaa tureefi wiirtuu qabsoo waan tureefis isa kana sirreessuun ummatichi eenyummaasaatti boonee saboota biroo waliin hojii misoomaa eegalee akka ittifufuuf hojjetamaa jira” jedhu.
Keessumaa pilaaniin magaalichaa bu’uurarraa rakkoo waan qabuuf ijaarsa seeraan alaatiif saaxilamaa ta’uu kan himan Kantiibaa Ittaanaan kun, kanaaf hojiin jalqabaa kana sirreessuufi maastar pilaanii qajeelchuu waan tureef ijaarsawwan seeraan alaa diiguun hojiin bal’aan hojjetamuu himu.
Hanqina mana barnootaa, daandii, bishaan, elektirikiifi kanneen biroo hiikuuf karoorri qabamee hojiitti seenuuf qophiin xumuramuu himanii, kanneen keessaa ijaarsi daandii geengoo (ring road) Shaggar kutaalee magaalaasaa hunda walqunnamsiisu kan eegalamu ta’uufi akkasumas, qonnaan bulaan Shaggar haalaan kan omishu ta’us bakka omishasaa gabaaf itti dhiheessu waan hinqabneef karra shanan Finfinneerratti wiirtuulee gabaa gurguddoo ijaaruuf diizaayiniinsaa xumuramee kaabineef dhihaachuuf ta’uu dubbatu. Akka waliigalaatti magaalichatti pirojektonni 403 qabamanii hojjetamaa kan jiran yoo ta’u, kanneen keessaa 295 xumuramanii eebbaaf qophaa’uu eeru.
“Gama carraa hojii uumuutiinis xiyyeeffannaa olaanaadhaan hojjetamaa jira. Kanaanis barana dargaggoota kuma 97f carraan hojii ni uumama jedhamee kan qabame yoo ta’u, karooraa ol dargaggoota kuma 103f uumuun danda’ameera. Kunis cimee kan ittifufu ta’a. Keessumaa dargaggoonni keenya gurmaa’anii hojjechuurratti of qopheessuu qabu” jedhu.
Guutuu gaafdeebii Obbo Guyyoo waliin taasifame fuula Keessummaa Bariisaarraa argattu.
Saamraawiit Girmaatiin
BARIISAA SANBATAA Waxabajjii 3 Bara 2015
2 Comments to “ Magaalaan Shaggar erga hundeeffamee gaaffii ummataa barootaaf ture deebisuuf hojjetaa jira”