Finfinnee: Itoophiyaan sagantaa ashaaraa magariisaa boqonnaa jalqabaa bara 2011 hanga bara 2014tti ture ummata miliyoona 20 hirmaachisuun dhaabbii biqiltuu miliyoona 25 gaggeessiteetti. Marsaa lammaffaa hanga bara 2018 turuun ammoo uffata magariisaa biliyoona 50 uffachuuf dheengadda mataduree, “Egeree keenya har’a haadhaabnu” jedhuun labsattee hojiitti seenteerti.
Gaazexaan Bariisaas kanuma ka’umsa gochachuun haala raawwii boqonnaa jalqabaafi waan boqonnaa lammaffaa keessatti xiyyeeffannoo argachuu qaburratti Qindeessaa Qabiinsa Bosonaafi Qabeenya Uumamaa Riijinii Afrikaa ta’anii hojjetaa kan jiran Doktar Gammadoo Daalee dubbiseera.
Hojiin sagantaa ashaaraa magariisaa boqonnaa tokkoffaa keessatti raawwatame keessumaa gama sosochii ummataa uumuutiin milkaa’inni guddaan galmaa’uu eeranii, kaka’umsi akkanaa biyya isaan hojiif deeman, Zaambiyaafi Ugaandaatti wanti akkanaa kan isaan hiqunnamne ta’uu ibsaniiru.
“Saganticharratti wanti achi jiruufi as jiru tokko miti. Kan nu biraa wanti adda taasisu sosochiin hawaasaa uumame olaanaadha. Haalli inni keenyaa ittihogganame daran gaarii waan ta’eef kun cimee ittifufuu qaba. Lammaffaa hoggansi hundi akka kan ofiisaa godhatu taasifamuufi sadaffaa biqiltuulee hedduun dhaabamuun boqonnaa jalqabaa keessatti akka ciminaatti kan ilaalamaniidha” jedhan.
Akka hanqinaatti ammoo biqiltuu kamtu akeeka kamiif eessa dhaabate, haala akkamiirra jira kan jedhu qulqulleessuuf sirni odeeffannoo amanamaan dhabamuun, naannawaarratti hundaa’uun qophaa’uu dhabuun, ogeessaafi caasaa ofdanda’een hogganamuu dhabuufi kkf ta’uu eeraniiru.
Hanqinoonni kunniin boqonnaa lammaffaa keessatti ni sirratu jedheen yaada kan jedhan Doktar Gammadoon, boolli dhaabbii biqiltuuf oolu dursee Eblaafi Caamsaafaa keessa qophaa’uu akka qabus ibsaniiru.
Oggaa geejibsiifamus biqiltuu kichuu hudhanii qabuun, haala of eeggannaa hinqabneen asii achi sochoosuun sirrii akka hintaanes beeksisanii, filannaa sanyiirrattis of eeggannaa cimaa gochuun akka barbaachisu eeraniiru.
Hojichi karooraan hojjetamuu qaba kan jedhan Doktar Gammadoon, “Yoo karoofannee hinhojjenne akka Faranjoonni jedhan kufaatiif hojjenna jechuudha jechuun ibsaniiru. Akeekni dhaabbii biqiltuu lakkoofsa dhaabameen qofa kan ibsamu otoo hintaane hamma dhaabamee bosonaa’eefi ummanni irraa fayyadameen miil’atamuu qaba jedhan.
Kanaafis ragaan ka’umsaa keenya sirnaan kan gurmaa’e, maniin sagantichaas sirriitti beekame ta’uu qaba jedhanii, waliigalaan hanqinoonni boqonnaa jalqabaa keessatti akeekaafi jaarmiyaan hogganamuu dhabuurratti mul’atan kan ammaa kanaan sirrachuu akka qaban yaadachiisaniiru. Hamma ammaatti kanirratti xiyyeeffatamee hojjetamaa jiru eegumsa qabeenya uumamaarratti ta’uus eeraniru.
Utuma dhimma dhaabiinsa biqiltuurratti xiyyeeffannaan hojjetamaa jiruu gama kaaniin bosonni uumamaa haala yaachisaadhaan barbadaa’aa waan jiruuf kunis xiyyeeffannaa olaanaa akka barbaadu dubbatanii, isa jiru sirnaan qabaa, isa bade deebisaa lamaanuu qindeessaa misoomaaf oolchaa deemuu qabna jedhan.
“Bosonni maqaa invastimantiitiin ciramaa jirus xiyyeeffannaa barbaada. Paarkiwwan illee gara oyiruutti jijjiiramaa jiru. Bakki qonnaa dabalamus kan qonnaa, kan bosonaa jedhamee addaan baafamuu qaba. Imaammanni ittifayyadama lafaas jiraachuu qaba. Ogeessatti fayyadamaa yoo deemame bu’aa guddaan ni argama” jedhan Doktar Gammadoon.
Charinnat Hundeessaatiin
BARIISAA SANBATAA Waxabajjii 3 Bara 2015
4 Comments to “ Hanqinoota hojii ashaaraa magariisaa boqonnaa jalqabaa keessatti mul’atan guutaa deemuu milkaa’ina caaluuf”