Finfinnee: Ji’oota kurnan darbanitti dargaggootni miliyoona 8.6 tajaajila lammummaarratti hirmaachuusaanii Biiroon Dargaggoofi Ispoortii Oromiyaa ibse.
Biirichatti daarektarri Sosochiifi Hirmaannaa Dargaggootaa Obbo Ingaasaa Hayiluu ibsa addatti Dhaabbata Pireesii Itoophiyaaf kennaniin akka dubbatanitti, tajaajila lammummaarratti dargaggoota miliyoona 8.4 hirmaachisuuf karoorfamee hanga karoorfameen ol dargaggoota miliyoona 8.6 hirmaachisuun danda’ameera.
Tajaajila kanaanis lammiileen naannichaa miliyoona 21 ol fayyadamaa ta’uu eeranii, tajaajilli kennames yommuu gara maallaqaatti jijjiiramu qarshii biliyoona 2.6tti tilmaamamu akka ta’u himaniiru.
Tajaajilichaan hojiileen akka mana haadha hiyyeessaa suphuufi ijaaruu, arjooma dhiigaa, kunuunsaafi qulqullina naannawaa, biqiltuu dhaabuu, barnoota dabalataa kennuu, karaa bilisa ta’een dhimmoota akka ‘HIV’fi balaa tiraafikaarratti hubannoo ummataa cimsuu bal’inaan hojjetamuu eeraniiru.
Naannoo Oromiyaatti tajaajilli lammummaa aadeffatamaa jira kan jedhan Obbo Ingaasaan; yeroo ammaa tajaajilicha qabeenyasaaniitiin deeggaruuf hirmaannaan abbootii qabeenyaa, dargaggootaafi dhaabbilee mitmootummaa daran dabalaa jiraachuu ibsu.
Hudhaalee tajaajila lammummaa gufachiisaa jiraniin walqabatee akka eeranitti, sosochii dargaggootaa cimsuun tajaajila lammummaa finiinsuuf kan hundaa’e giddu galli badhaadhina namoomaa dargaggootaa sadarkaa godinaalee hanga aanaaleetti jiru rakkoo loojistiksiifi bajataa qaba.
Hojiin tajaajila lammummaa kan tolaan hojjetamu ta’us deeggarsaafi hordoffii gochuuf dhaabbileen aboofi taayitaa qaban bajata barbaadu. Kanaaf toora kanatti mootummaan xiyyeeffannoo akka kennu gaafataniiru.
Taammiruu Raggaasaatiin
BARIISAA SANBATAA Caamsaa 26 Bara 2015
2 Comments to “ Ji’oota kurnan darbanitti dargaggootni miliyoona 8.6 tajaajila lammummaarratti hirmaatan”