Omishaafi omishtummaa beeyiladaa guddisuun maaddii guutuu dhugoomsuuf ni gargaara

Finfinnee: Omishaafi omishtumመaa qabeenya beeyiladaa biyyaattii guddisuun maaddii guutuu dhugoomsuuf shoora olaanaa akka qabu Doktar Yohaannis Girmaaa beeksisan.

Ministeera qonnaatti gorsaa ministir de’eetaa damee qabeenya beeyladaafi qurxummii kan ta’an Doktar Yohaannis Girmaa ibsa Roobii darbe Dhaabbata Pireesii Itoophiyaaf kennaniin akka jedhanitti, maaddii guutuu dhugoomsuuf omishaafi omishtummaa qabeenya beeyiladaa biyyattiin qabdu guddisuun barbaachisaadha. Bu’uura ragaan bara 2020n, Itoophiyaan loon gaanfaa miliyoona 77, re’ee miliyoona 52, hoolaa miliyoona 42fi lukkuu miliyoona 56 ol akka qabdu ibsaniiru. Ta’us qabeenya kanatti fayyadamuun lammiileen byyattii maaddii guutuu argachaa hinjiran.

Rakkoo kana maqsuufis qajeelfama maaddii guutuu Ministirri Muummee Abiyyi Ahmad (PhD) jalqabsiisaniin hojiirra oolaa jira. Kanaaf hunduu bakka jirutti nyaata madaalawaa sooratasaa guyyuu keessatti akka argatuuf ministeerichi omishaafi omishtummaan beeyiladaa akka dabaluuf xiyyeeffannaadhaan hojjechaa jiraachuu ibsaniiru.

Akka ibsasaanitti, omishaafi omishtummaa qabeenya beeyiladaa guddisuuf sanyii loon filatamaafi nyaata loonii ga’aa akka argatan taasisuurratti hojjetamaa jira. Kana qofaas utuu hintaane dubartoonnifi dargaaggoonni waldaalee gurmaa’uun akkasumas abbootiin qabeenyaa seekiterichatti akka hirmaatan taasisuun milkaa’ina maaddii guutuurra darbee carraa hojii uumuufillee shoora olaanaa qaba.

Omishaafi omishtummaa guddisuun baasii bu’aa beeyiladaa biyya alaa galu hir’isa kan jedha doktar Yohaannis, maaddiin biyya keessa sirna nayaataa madaalawaan erga guutameen booda alergiif oole sharafa biyyaa argamsiisuuf omishaafi omishitummaa loon, lukkuu, qurxummii, horsiisa kanniisaarraatti xiyyeeffatamee hojjetamaa jira jedhaniiru.

Akka ragaan fayyaa iddiladdunyaa ibsutti namni tokko waggaatti aannan liitira 200 dhuguu qaba jedha. Haata’u garuu yeroo ammaa sadarkaa biyyaattii omishni aannanii liitira biliyooan 7.5 waan ta’eef waggaatti aannan liitira 100 illee akka argatuuf hojjetamaa jira.

Kana milkessuufis leenjiiwwan adda addaa kennuu, bu’uuraalee misoomaa diriirsuu, galteewwan adda addaa fayyadamuu, sanyii looniifi lukkuu filatamaa raabsuudhaan dhugoomsuuf hojjetamaa jira jedhan.

Kanaanis abbaan warraa tokko sanyii lukkuu fooyya’aa 25, kan biyya keessaa torba qabaachuun akka maniitti kaa’ame biraan ga’uuf hojjetamaa jira jedhanii, horsiisa kanniisaa gaagura ammayyaafi ce’umsaa bal’inaan faayidaarra oolchuufis hojjetamaa akka jiru beeksisaniiru.

Teknolojiifi galteen barbaachisu guutuun omishaafi omishtummaa beeyiladaa guddisuun maaddii guutuu dhugoomsuuf xiyyeeffannaan hojjetamaa jira jedhaniiru. Omishi qurxummiis haaluma walfakkaatuun akka dabalamuuf hojjetamaa jira jedhaniiru.

Gammachuu Kadiriin

BARIISAA SANBATAA Caamsaa 26 Bara 2015

Recommended For You

8 Comments to “ Omishaafi omishtummaa beeyiladaa guddisuun maaddii guutuu dhugoomsuuf ni gargaara”

  1. Pingback: live videos

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *