Waan facaasan hammachuuf dhiyeessii xaa’ootiif xiyyeeffannaa

Godina Shawaa Kaabaa, Aanaa Abbichuufi Nya’aatti, Qonnaan Bulaa Ganda Dirmaa yaada tibbana Gaazexaa Bariisaatiif kennaniin barana dhiyeessiin xaa’oo boodatti harkifachuufi hanqachuun yaaddoo guddaa keessa isaan galchuu eeru.

“Bardheengaddaa yeroo akkanaatti xaa’oofi sanyii filatamaan nuu dhiyaatee harka keenya gaheera. Barana garuu hanga ammaatti xaa’oofi sanyii filatamaan nu qaqqabe hinjiru. Gatiin xaa’oo dabaluunis yaaddoo keessa nu galcheera” jedhu.

Xaa’oon hanga torbee jalqabaa Waxabbajjiitti qaqqabuufii baannaan qonna gannaarratti dhiibbaa guddaa kan isaanitti uumuu ta’uus eeran.

Yaaddoo dhiyeessii xaa’oo kanarratti kan qonnaan bultoota Shawaa Kaabaa agarsiisumaaf kaafne malee dhimmichi akkuma biyyaattuu ajandaa marii tibbanaa ta’eera. Qaamoleen dhimmichi ilaallatus hanqina dhiyeessii xaa’oo kana furuuf tattaafachaa akka jiran ibsaa jiru.

Dhimma kanarratti yaada kan kennan Hogganaan Biiroo Qonnaa Oromiyaa Obbo Geetuu Gammachuus xaa’oon omishaafi omishtummaa qonnaa guddisuu keessatti shoora olaanaa qabaatus barana dhiyeessiisaarratti hanqinni guddaa akka mul’ateedha kan himan.

Xaa’oo kuntaala miliyoona sagal akka Oromiyaatti barana dhiyeessuuf karoorfame keessaa hanga ammaatti kuntaala miliyoona afur qofatu qonnaan bultootaa bira gahe. Xaa’oo kuntaala miliyoona 12.8 barana bituuf karoorfame keessaa kuntaalli miliyoona 5.6 qofa kan gara biyyaatti gale.

Akka odeeffannoo tibbanaa Ministeera Qonnaattis kan bule kuntaala miliyoona 2.2 dabalatee xa’oon kuntaalli miliyoona 7.8tu dhiyaate; kuntaalli miliyoona sadii Oromiyaaf, miliyoona 1.7 Amaaraaf jechuudha.

Kanneen keessaa xaa’oo kuntaalli miliyoona 3.7 qofti qonnaan bulaaf kan raabsame yoo ta’u, miliyoona 4.1 ammoo mankuusawwan giddugaleessaafi Waldaalee Hojii Gamtaa Bu’uuraa keessa jira.

Egaa oyiruunis waan xaa’oo bareef, akkasumas waan facaasan sirnaan haammachuuf dhiyeessii xaa’oorratti to’annoofi hordoffii barbaachisaan taasifamuu qaba. Hojiin adeemsicha qulqulleessuus xiyyeeffannaa cimaa argachuu qaba.

Yeroo mootummaafi ummanni walta’anii damee qonnaatiif xiyyeeffannaa addaa kennanii gannaa bona hojjetaa jiranitti dhimmi xaa’oo kun tasumaa ajandaa ta’uu hinqabuuyyu; kunuu yeroo qonnaan bulaan oyiruusaa bilcheessee qophaa’aa jiru kanatti.

Biyya haala baratamee hinbeekneen bona jallisiidhaan qamadii omishuudhaan alatti erguu eegaltetti dhimmoonni xixiqqoon akka dhiyeessii xaa’oo omishaafi omshtummaarratti gufuu ta’an tasumaa uumamuu hinqabaniiyyu.

Ammas taanaan akka mammaaksa ganna darbeef mana hin ijaarratanii akka hintaaneef ykn dhiyeessiifi yeroon akka walhindabarreef akkasumas yeroon dhaabatee waan nama hineegneef otoo yeroon facaasaa hindarbiin xaa’oo qonnaan bulaan akka hanqinaatti kaasaa jiru otoo roobni kana caalaa jabaatee daandiin dhoqqaa’ee karaa darbaa hindhorkiin dhiyeessuun dhimma boruuf jedhamu ta’uu hinqabu.

BARIISAA SANBATAA Caamsaa 26 Bara 2015

Recommended For You

4 Comments to “ Waan facaasan hammachuuf dhiyeessii xaa’ootiif xiyyeeffannaa

  1. Pingback: page
  2. Pingback: Kubet Thailand
  3. Pingback: cams free tokens

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *