Daa’imman kadhaa osoo hintaane aadaa hojii gaarii dhaalchisuu

Charinnat Hundeessaatiin

Godina Arsii Lixaa, Aanaa Nageellee Arsiitti tumaan seera Aadaa “daa’imman aadaa hojii gaarii malee kadhaa hindhaalchifnu” jedhu sababeeffachuun tumaan seera aadaa abbootii Gadaatiin darbeera.

Tumaan kun yeroosaa kan eeggateefi barsiifata kadhaa daa’immanii hinbarbaachifne hambisuun sammuusaanii gara barnootaatti akka jijjiirratan taasisu keessatti gahee olaanaa qaba. Maatiin dhaloota lafaa dhufu qorqalbiisaanii gabbisuun barnootaafi aadaa hojii gaariitti barsiisuu akka qaban kan hubachiisuudha tumichi. Kadhaa daa’immanii naannawa loojiiwwaaniifi iddoowwan hawwata turizimiitti darbee darbee muldhatu hambisuuf murtiin kun kan qophaa’e ta’uusaati abbootiin Gadaa kan ibsan.

Maatiin daa’immansaa gocha akkanaarraa ittisuufi murtii abbootiin Gadaa tibbana labsan hojiirra oolchuu akka qabanis hubannoon Hawaasa naannichaaf kennameera. Tumaan seeraa kun qindoomina waajjira aadaafi turizimii godinaa, aanichaafi Komishiinii Turizimii Oromiyaatiin qophaa’ee kan labsameedha.

Murtichis daa’imman kadhaarraa bilisa gochuun aadaa hojii gaarii gonfatanii akka guddatan gochuu keessatti shoora olaanaa qabaata. Bu’uura murtii darbeetiin maatiin daa’immansaa karaarratti bahuun kadhatan guyyaa tumaan kun labsamerraa eegalee (Caamsaa 19 bara 2015) akka aadaa ilmaan Sikkoo Mandootti mijuu qorii saddeetiifi loon shan kan adabaman ta’uu Ittigaafatamtuun Waajjira Aadaafi Turizimii Godina Arsii Lixaa Aadde Kadijjaa Haajii odeeffannoo Bariisaaf erganiin eeraniiru.

 BARIISAA SANBATAA Caamsaa 26 / 2015

Recommended For You

6 Comments to “Daa’imman kadhaa osoo hintaane aadaa hojii gaarii dhaalchisuu

  1. Pingback: Herbalife

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *