Finfinnee: Komishiniin Marii Biyyaalessaa kutaalee hawaasaa garagaraa maricharratti hirmaatan calalaa jiraachuu beeksise.
Komishinarri Komishinii Marii Biyyaalessaa Ambaasaaddar Mahaammud Diriir ibsa Kamisa darbe Dhaabbata Pireesii Itoophiyaaf kennaniin akka himanitti, komishinichi boqonnaa qophiifi ajandaa marii gurmeessuu turtii waggaa tokkoon booda yeroo ammaa kutaalee hawaasaa garagaraa maricharratti hirmaatan fo’aa jira.
Haaluma kanaan abbootiin Gadaa, haadholiin Siinqee, Hugaazotaafi Garaadota, Sulxaanota, dura buutota gosaafi amantii saboota garagaraa dabalatee kutaaleen hawaasaa hundi karaa guutuu ta’een akka hirmaataniif sochiin taasifamaa jira.
Maricharratti waldaaleen hawaasaa ogummaa garagaraan hundaa’an marti kan hirmaatan yommuu ta’u, calallii kana fiixaan baasuuf Manni Maree Waldaalee Siivilii Itoophiyaa, Manni Maree Waloo Paartilee Morkattootaa Itoophiyaa, Waldaan Barsiisota Itoophiyaa, Gumii Idiriiwwan biyyaalessaa Itoophiyaa, Gumiin Dhaabbilee Amantii Itoophiyaa, Abbootii Seeraa yookii Bakka Bu’oota Manneen Murtii Aanaalee yookiin Godinaalee Addaa Itoophiyaa komishinicha kan tumsan ta’u. Biyyootni tokko tokko qindoomina akkanaatiin marii milkaa’aa taasisuusaanii muuxannoo argachuus himaniiru.
Akka isaan jedhanitti, maricharratti ummata biyyattii miliyoona 120 ol hirmaachisuun waan hindanda’amneef hawaasni kutaalee garagaraa namoota amanamoo bakka isaan bu’an 50 filata. Filannoo hawaasaa kana keessatti komishinicha dabalatee qaamni kamuu harka hingalfatu.
Dhiibbaa rakkoon nageenyaa calallicharraan ga’uu malu keessattuu naannolee Oromiyaafi Amaaraa ilaalchisee Ambaasaaddarri Mahaammud wayita ibsan, boqonnaa qophii keessatti naannoo Tigraayirraa kan hafe naannolee hundatti sagantaan kutaalee hawaasaan walbaruu taasifamuu eeruun, yeroo sanis rakkoo naannoo Tigiraay ture ummata beeksisaa akka turaniif rakkooleen nageenya amma bakka tokko tokko jiranis bara baraan kan ittifufan waan hintaaneef gufannaa uumuu amantaa jedhu akka hinqabne dubbataniiru.
Kutannoo qooda fudhattootaa ilaalchisees akka isaan jedhanitti, waraanni rakkoo hamaa malee biyya kanaaf bu’aa akka hinqabne hunduu sirriitti hubateera. Mootummaanis kutannoo waan qabuuf komishinii kana hundeesse. Komishinichis mariin ala filannoon biroo akka hinjirre hubatee beekumsa qabu hunda daguugee ittifayyadamuun karaa loogummaa hinqabneen kutannoon kan hojjetu ta’a.
Hirmaachisummaa qaamolee qabsoo hidhannoo keessa jiranii ilaalchisee, akkuma Itoophiyaa biyya Kolombiyaa keessa qaamni qabsoo hidhannoo taasisaa ture jiraachuu yaadachiisanii; hidhannoon gara mariitti dhufuun rakkisaa ta’us garuu amma Kolombiyaa marii milkaa’aa hunda hirmaachise adeemsisuun akka danda’amu dubbataniiru.
Afrikaan kibbaa godaannisa sirna Appaartaayidii, Keeniyaan filannoon booda jeequmsa hamaa biyya raase, Ruwaandaan godaannisa duguuggaa sanyii mariin goolabuu eeranii; biyyoota rakkoonsaanii kan Itoophiyaatiin walfakkaatu Tuuniiziyaa, Maaliifi Senegaal mariidhaan rakkoosaanii furatanirraa muuxannoon waraabame jiraachuus ibsaniiru.
Waaqshuum Fiqaaduutiin
BARIISAA SANBATAA Caamsaa 26 Bara 2015
5 Comments to “ Komishinichi kutaalee hawaasaa marii biyyaalessaarratti hirmaatan calalaa jira”