Duudhaaleen hawaasaa bu’aa waloo cimsan finxaalessummaa maqsuuf dawaadha

 Finfennee: Duudhaaleen hawaasaa bu’aa waloo cimsan cimsuun finxaalessummaa maqsuuf dawaa ta’uu hayyootni beeksisan.

Hayyootni Roobii darbe yaadasaanii addatti Dhaabbata Pireesii Itoophiyaaf kennan kunneen akka jedhanitti, tokkummaa, obbolummaa, walqixummaa, nageenyi, waldanda’uun waliin jiraachuufi walkabajuun duudhaalee waloo sabootni  biyyattii ittiin beekamaniidha. Duudhaalee kanneen jabeessuun gochaafi ilaalcha finxaalessummaa hambisuu keessatti shoora olaanaa taphatu.

Yunivarsitii Siivil Sarvisii Itoophiyaatti hayyuun saayinsii siyaasaa Doktar Mulgeetaa Dabbabaa akka jedhanitti, duudhaalee hawaasaa bu’aa waloo cimsan cimsuun ilaalchaafi gocha fiinxaalessitootaa dadhabsiisuuf shoora olaanaa taphatu. Finxaalessummaan ilaalchaafi yaada “Koo qofatu caala” jedhuun giddugaleessummaa yaadaa garee biraa keessummeessuuf fedhii hinqabnedha. Finxaalessitoonni yeroo baay’ee fedhasaanii giddu galeeffachuun gaaffii amantiifi sabummaa da’oo godhachuudhaan kan socho’an yoo ta’u, ilaalchaafi gocha akkanaa dadhabsiisuuf duudhaalee hawaasaa bu’aa waloorratti fuulleffatan cimsuun barbaachisaadha.

Saboonniifi sablammootni hundi duudhaa gaarii obboloota waliin jiraatan akkuma qaban Oromoon Sirna Gadaa keessatti duudhaa saba biroo hammachuun akka beekamu himanii, duudhaan akkasii kun fakkeenya gaarii waan ta’eef sirna barnootaa keessatti hammatamee yoo dhiyaate yaadaafi gochaa Finxaalessummaa dadhabsiisuuf daawwaa filatamaa ta’uu dubbataniiru.

Miidiyaan biyyattiis bu’aa waloo ummattoota biyyattiirratti akka hojjetaniif dandeettii raawwachiisummaa cimsuuf leenjii kennuun alatti to’annoo barbaachisu taasisuun finxaalessummaan sadarkaa yaadarraa gochaatti akka hinceenetti olaantummaan seeraa kabajamuu akka qabus hubachiisaniiru.

Yunivarsitii Wallootti Pirofesara Gargaaraa Ayyalaa Yimar gamasaaniin, finxaalessummaan amantiifi siyaasa ka’umsa godhachuun “yaada koo qofatu sirriidha” jechuun garaagarummaa yaadaa mariin furuu kan hinbarbaadne ta’uu ibsanii, garaagarummaan guddachaa wayita deemu gara tarkaanfii fudhachuutti akka ce’u himu.

Jechoota maqaa balleessan fayyadamuu, garee biraan isin akkas jechuun namummaa ala (dehumanize) taasisuun, garee biraa gadqabanii ofiisaanii sadarkaa olaanaa ofiif laachuun tarkaanfii fiinxaalessitootti sadarkaa jalqabaa ta’uu eeranii, kanaan hinmilkaa’uuf yoo ta’e gara ajjeechaa, dhaabbilee tajaajila hawaasaa barbadeessuufi, saamichaatti akka ce’an himu.

Mootummaa ummataan filame mormuun mirga ta’us humnaan aangoo qabachuuf yaaluun mallattoo fiinxaalessummaa ta’uu himanii, gochichi farra olaantummaa seeraafi bilisummaa nama dhuunfaa ta’uufi kunis bakka kamittuu fudhatama akka hinqabne dubbatu. Finxaalessummaa dadhabsiisuuf qaamni hundumtuu ittihirmaachuu akka qabus hubachiisaniiru.

Akka ibsa isaaniitti, saboota, sablammootaafi ummaattonni Itoophiyaa meeshaaleen ilaalchaafi gochoota duudhaa hawaasaa balleessan itiin ittisan qabaachuu eeranii, mootummaanis isaan cimsuurratti xiyyeeffachuu qaba.

Keessumaa dhaabbileen amantii hundi waliin jiraachuu, obbolummaa, walkabajuu hawaasaa cimsuurratti waan hojjetaniif gochaafi yaada duudhaa hawaasaa diigan dura dhaabbachuuf murteessoo akka ta’an akka fakkeenyaatti kaasaniru. Mootummaanis caasaasaa hamma gadiitti jiru qulqulleessuun garafuulduraatti deemuu akka qabu hubachiisaniiru.

Gammachuu Kadiriin

BARIISAA SANBATAA Caamsaa 26 Bara 2015

Recommended For You

4 Comments to “Duudhaaleen hawaasaa bu’aa waloo cimsan finxaalessummaa maqsuuf dawaadha”

  1. Pingback: llucabet

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *