Saamraawiit Girmaatiin
Namni akka itti ba’u malee akka itti galu hinbeeku. Kanumaafi, Oromoon yommuu manaa ba’u “Inni nagaan na bulchite nagaan na oolchi, nagaan bobbaasii na galchi” jedhee kadhatee kan ba’uuf. Bakka deemullee milkii ilaallateeti kan deemu.
Garuu namni kadhateefi galateeffatee ba’e hundi bakka yaade ga’ee gala jechuu miti. Namni baay’een waa hedduu raawwachuuf karoorfatee, utuu bira hinga’iin karaatti hafa. Taateewwan addaddaa karaarratti isa mudatuun bakka yaaderraa hanqata.
Sababa uumamaafi namtolcheetiin qaamaafi lubbuusaas dhaba. Keessumaa yeroo ammaa addunyaa fiigichaan guutamte tanatti kan ba’ee karaatti hafu baay’eedha. Guyyaa guyyaadhaan bakkawwan garagaraatti namni sababa balaa tasaatiin lubbuusaa dhabu hedduudha.
Torban har’aas kan ta’e kanuma. Barsiisoonniifi hojjettoonni Yunivarsiitii Madda Walaabuu barsiisuuf gara Dodolaatti imalaa turan 20 sababa balaa konkolaataatiin bakkee Qilee Sabsibee jedhamutti lubbuusaanii dhabaniiru. Taateen kun gaddaafi naasuu olaanaa uume. Kan dhaga’e hundi imimmaan akka lolaasuuf dirqamsiise. Nama baay’ees qara ilaalchisaa hambise.
Taateen akkanaa ulfaataa ta’uurra darbee maatiisaaniif, yunivarsiitichaaf, Oromoo darbees biyyaaf kasaaraa guddaadha. Kanaan walqabatees tokko tokkoon maatii barsiisootaafi hojjettoota lubbuu dhabanii gaaga’ama guddaaf saaxilama.
Ilmaansaanii, haadha, abbaa, obbolaa, firootaafi barattoota baay’eetu dhufaatiisaanii eeggata ture. Yunivarsiitichis akkanuma beekumsasaaniin waa hedduu hojjetu jedhee abdii irra ka’aateera. Biyyi hiyyummaa keessaa ba’uuf tattaafattuufi hirmaannaa hayyootaa cimaa barbaaddus akkasuma waan baay’ee irraa eegdi.
Garuu kun ta’uu hindandeenye. Konkolaataan akka namoota 40 fe’attee imala eegalte hayyoota abdiifi iji irra jiru kanneen halayyaatti naquuf daqiiqaa itti hinfudhanne. Waan waggoota baay’ee itti dhama’ame hamma libsuu ijaatti akka hinjirre goote.
Barsiisonni waan guyyicha barsiisan karoorfatanii manaa ba’an barattootasaanii bira ga’uu hindandenye. Hojii manaa kennan sassaabuuf hincarroomne. Barattoonni beekumsa horachuuf dhufaatii barsiisootasaanii eeganis akka duraa daree seenanii hinbaranne. Hojii manaa torbaniif itti qophaa’anii galchuuf geessanis nama harkaa fuudhu hinarganne.
Daandii balaan qaqqabe kanatti yeroo baay’ee balaan tiraafikii akka ga’u jiraattonni naannawichaa ni dubbatu. Qileen Sabsibee daandii Roobeefi Shaashamannee gidduu jirus lubbuu namaa marartuu hedduu irra deddeebiin galaafateera. Kunis miidhaa caalu utuu hinfidiin akka furamu jiraattonni ni gaafatu.
Akka jiraattonni Godina Baalee jedhanitti, daandichi mimicciiramaa waan ta’eef yeroo yerootti balaan irratti uumamaa jiraachuusaatiin xiyyeeffannaafi furmaata waaraa argachuu qaba. Akkasumas mallattooleen tiraafikii ofeeggannoof gargaaran dhaabachuu qabu.
Kun gaaffiifi yaada sirriidha. Qaamni sadarkaa sadarkaan jiruufi dhimmichi kallattiin ilaallatus furmaata hatattamaa kennuu qaba. Mootummaan hawaasaafi dhaabbilee arjomtootaa hirmaachisuun murteessaadha.
Dabalataanis hanqinoonni naamusa konkolaachisummaarratti mul’atan waan jiraniif dhimmi balaa tiraafikii ajandaa yeroo maraa ta’uu qaba. Eeyyamni konkolaachisummaa ogummaarratti hundaa’ee akka kennamuuf to’annoofi hordoffiin taasifamu daran cimuu qaba.
Sakkatta’insi konkolaattotaas yeroosaa eeggatee taasifamuu qaba. Hawaasnis garmalee fe’amuurraa of qusachuu qaba; kanneen seeraan alaas saaxiluun dirqamasaa bahachuu qaba. Balaan tiraafikii akka hir’atuuf hunduu ga’ee waan qabuuf miira ittigaafatamummaa qabuun shoorasaa ba’achuu qaba.
BARIISAA SANBATAA Caamsaa 19/ 2015
4 Comments to “Hayyoota 20 guyyaa tokkotti dhabuun kasaaraa waggootaati”