Shaampiyoonaan Atileetiksii 52ffaa Finfinnetti adeemsifamaa jiru bor xumurama

Bayyanaa Ibraahimiin

Finfinnee: Caamsaa saddeet irraa eegalee Finfinnee Akaadaamii Ispoortii Itoophiyaatti gaggeeffamaa kan jiru Shaampiyoonaan Atileetiksii Itoophiyaa Dilbata boruu xumura kan argatu ta’uu ragaan Federeeshiinii Atileetiksii Itoophiyaa ni ibsa.

Shaampiyoonaan Atileetiksii Itoophiyaa 52ffaa adeemsifamaa jiru atileetota Itoophiyaa bakka bu’anii Shaampiyoonaa Addunyaa Mudde bara 2016 Hangaariitti gaggeeffamurratti hirmaatan filachuuf kan gargaaru ta’uunis himameera.

Kilabootniifi atileetootni dorgommii kanarratti qabxii gaarii galmeessisan carraa Shaampiyoonaa Atileetiksii Addunyaa bara dhufu adeemsifamurratti kan hirmaatan yoo ta’u, Atileetota guddattootaafi bakka bu’oota naannoleefi bulchiinsa magaalotaa keessa jiraniifis abdii gaarii kan kennu ta’uu ibsameera.

Dorgommiin Shaampiyoonaa Atileetiksii Itoophiyaa 52ffaan akaakuuwwan Ispoortii hundaan sadarkaa barbaachisu hunda bifa guuteen adeemsifamaa kan jiru ragaan Federeeshiinii Atileetiksii Itoophiyaa ni agarsiisa.

Shaampiyoonichi guddina ispoortii Atileetiksii biyyattii keessatti Atileetota dorgommiiwwan gurguddoo Addunyaa irratti biyya bakka bu’an horachuu keessatti naannolee,bulchiinsa magaalotaa, kilabootaafi dhaabbileen shoora olaanaa bahachaa turan hunda kan hirmaachise ta’uusaas ragaan Federeeshinichaa ni agarsiisa.

Waggoota lamaan darban sababa waraana kaaba biyyattiitti adeemsifamaa tureen dorgommicharratti hirmaachuu kan hindandeenye gareen Atileetiksii naannoo Tigraay, barana hamileefi qophii cimaa ta’e taasisuun dorgommicharratti hirmaachaa jiraachuu Federeeshiiniin Atileetiksii Naannoo Tigraay ibseera.

Shaampiyoonaan Atileetiksii Itoophiyaa kun kan eegale bara 1963tti yoo ta’u, ergasii kaasee waggaa waggaadhaan adeemsifamaa jira.

 BARIISAA SANBATAA Caamsaa 12 Bara 2015

Recommended For You

5 Comments to “Shaampiyoonaan Atileetiksii 52ffaa Finfinnetti adeemsifamaa jiru bor xumurama

  1. Pingback: Dan Helmer
  2. Pingback: fox888

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *