Seenaa Atileet Geexee Waamiirratti kan xiyyeeffate, Kitaabni ‘Faaya Itoophiyaa’ jedhu eebbifame

 Natsaannat Taaddasaatiin

Finfinnee: Seenaa Koomaandara Atileet Geexee Waamiirratti kan xiyyeeffate, kitaabni “Faaya Itoophiyaa” jedhu torban darbe Finfinnee, Hoteela Iskaaylaayitiitti, bakka qondaaltonniifi atileetonni bebbeekamoon, akkasumas maatiifi hiriyyoonni Atileet Geexee Waamii argamanitti eebbifamuunsaa ni yaadatama.

Pirezdaantiin Feedereeshinii Atileetiksii Itoophiyaa, Komiishinarri Gargaartuu Atileet Daraartuu Tulluu sirna eebbichaarratti kan argaman ta’uu, federeeshinichi kitaabicha qarshii kuma 200n kan bite ta’uufi atileetota hedduu Itoophiyaan qabdu keessaa hamma yoonaatti seenaan isaanii bifa kitaabaan kan barreeffame saddeet qofa ta’uu odeeffannoon federeeshinicharra argame ni ibsa.

Koomaandar Atileet Geexee Waamii A.L.A Amajjii 28 bara 1774 Naannoo Amaaraa, Godina Shawaa Bahaa Magaalaa Dabira Birihaanitti dhalatte. Atileet Geexeen dorgommii fageenya dheeraarratti hirmaachuudhaan yeroo gara garaa injifachuun maqaa Itoophiyaa sadarkaa addunyaatti waamsisteetti; alaabaan biyyattiis waltajjii dorgommii addunyaarratti akka fannifamu taasifteetti.

Atileet Geexeen dorgommii fiigicha qaxxaamura biyyaa, daandiirraafi tiraakiirratti hirmaachuun yeroo gara garaa injifannoo boonsaa kan galmeessifte ta’uu ragaan seenaa jireenyashee ni mul’isa.

Atileet Geexeen A.L.A bara 1999 Shaampiyoonaa Addunyaa ‘Seville’ fiigicha kiilo meetira 10 daqiiqaa 30:24.56n 1ffaa baatee xumuruun medaaliyaa warqii argamsiifteetti. Sa’aatii isheen ittiin dorgommicha xumurte Afrikaaf rikardii haaraa ture. Atileet Geexeen baruma irranatti eerame Taphoota Guutuu Afrikaarratti hirmaachuun fageenya kiilomeetira 10 tokkoffaa baatee injifachuun medaaliyaa warqii argatteetti.

Shaampiyoonaa Qaxxaamura Biyyaa Addunyaa yeroo lama (ALA bara 1996fi 2001) kan mo’atte Atileet Geexeen, Maaraatoonii Beerliin Fulbaana 24 bara 2006 adeemsifames tokkoffaa ba’uun xumurteetti. Dorgommii fiigicha daandiirraa kiilo meetira 15 Nezerlaandi Magaalaa ‘Nijmengen’tti adeemsifame lammaffaa ba’uun xumurteetti.

Atileet Geexeen Maaraatoonii Beerliin bara 2007 adeemsifamerrattis hirmaachuun yeroo lammaffaaf mo’atteetti. Atileet Geexeen guyyoota 35 booda ammooo Maaraatoonii Niiwu Yoork lammaffaa ba’uun xumurteetti.

Bara 2008 Maaraatoonii Oloompiikii Beejiingi irratti hirmaachuun dorgommicha addaan kuttee kan baate Atileet Geexeen, bara 2009 Maaraatoonii London sa’aatii 2:26.54n xumuruun saglaffaa baate.

 BARIISAA SANBATAA Caamsaa 12 Bara 2015

Recommended For You

6 Comments to “Seenaa Atileet Geexee Waamiirratti kan xiyyeeffate, Kitaabni ‘Faaya Itoophiyaa’ jedhu eebbifame

  1. Pingback: lsm99
  2. Pingback: ruay

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *