Saamraawiit Girmaatiin
Itoophiyaatti ga’adha jedhamuu baatuus sadarkaa federaalaafi naannootti giddugaloonni qorannoo qonnaa 20 ni argamu. Kunneenis sanyiiwwan filatamoo akaakuu hedduu kan qoratan ta’uus baay’eensaanii kaayyoo jedhameef oolanii qonnaan bultoota yommuu fayyadan hinmul’atu. Inumaayyuu “qorannoon Itoophiyaa keessatti adeemsifamu qoratame sheelfiirratti kan hafu malee rakkinaaf furmaata kan kennu miti” jedhamee qeeqama.
Kanarratti waggoota dheeraaf qorataafi gaggeessaa hojii giddugaloota qorannoo garagaraa kan turaniifi wayita ammaas Gaggeessaa Hojii Ejensii Tiraanisfoormeeshinii Qonnaa kan ta’an Doktar Maandafiroo Nigusee turtii tibbana Gaazexaa Bariisaa waliin taasisaniin akka jedhanitti, rakkoon ijoo bu’a qabeessummaa qorannoo biyya kanaa bajata, xiyyeeffannaa ga’aa kennuu dhabuufi qabatamaadhaan yaalamuu dhabuudha.
Isaan akka dhuunfaatti Giddugala Qorannoo Qonnaa Malkaasaa keessa waggoota 14f kan hojjetan yoo ta’u, yommuu achi turanis sanyii boqoolloo hanqina roobaa dandamachuu danda’u qorachuun qonnaan bulaa biraan ga’aniiru. Kun haala lamaan ta’uudha yaada nuuf kennaniin kan ibsan. Inni duraa roobni ji’a lama yookiin lamaaf walakkaa rooba yoo ta’e isa dandamatee ga’uu qaba. Inni lammataammoo kan hanqina roobaa dandamatudha. Sanyii isaan jalqaba qoratan ‘Melkasa 1’ kan jedhamu yoo ta’u, naannawaa riifti vaalii hunda, Affaariifi Somaleettillee hojiirra oolee turuu himu.
Qorannoo kanarratti hojjenneen gara lafa heektara 150 misoomsuun kan danda’ame ta’uufi isaa booda Malkaasaa 2,3 jechaa hanga torbaatti hojjetamuu eeranii, sanyiin Malkaasaa lammaffaan yommuu rooba argatu omisha baay’ee, yommuu roobni dhibummoo isaan kaanirraa omisha gaarii akka kennu ibsu. Boodarra biyyoota lixa Afrikaa jechuunis Keeniyaa, Taanzaaniyaa, Ugaandaafi Itoophiyaa ta’uun dhimma kanarratti hojjetaa turuufi sanyii boqqolloo filatamaa biyyasaaniitti hojjetame gara biyyaatti fidanii akka yaalaniif biyyoonni kunneenis kan Itoophiyaatti qorannoon argame akka biyyasaaniitti yaalan dubbatu.
Turtii inistitiyuutichatti qabaniin qamadii, zayita nyaataafi kanneen biroorratti namoota waliin hojjetan waliin ta’uun bu’aa gaarii galmeessisuu eeranii, hojii biraan achitti ittiin milkaa’an keessaas seera ittiin bulmaata qorannoo qopheessuun isa ijoo akka ture ibsu. Humna namaa ilaalchisuunis dubartoonni akka qorataatti lakkoofsisaanii dhibbantaa 10 kan hincaalle yoo ta’u, kanas jijjiiruufis al tokkoon yunivarsiitiiwwan ja’a keessa dubartoota 102 galchanii leenjisuun gara damichaatti fiduun hirmaannaasaanii dhibbantaa 20 akka ga’u taasifamuu ibsu.
Akka Doktar Maandafroon jedhanitti kana taasisuun hirmaannaansaanii dabaluurra darbee bakkeewwan tokko tokkotti hawaasa waliin haasa’uuf dubartoonni bakka itti barbaachisan waan jiruuf faayidaa olaanaa qaba. Fakkeenyaaf bakkeewwan hawaasni muslimaa itti baay’atutti dubartoonni dubartoota yoo mariisisan rakkooleesaanii sirnaan waan itti himataniif furmaata argatu. Gama kanaanis jijjiiramni dhufe olaanaa yoo ta’u, hirmaannaasaanis dhibbantaa 30n qaqqabsiisuuf karoorfatanii hojjetaa osoo jiranii dameen jallisii xiyyeeffannaadhaan irratti hojjetamuu waan qabuuf akkasumas, yeroo sanatti ilbisoonni garagaraa omisha miidhaa waan turaniif gara qonnaa dhufuun ministir deetaa ta’anii yeroo muraasa erga hojjetanii booda gara dhaabbata amma hogganaa jiranii Ejensii Tiraanisfoormeeshinii Qonnaa Itoophiyaa Gaggeessaa Hojii Olaanaa ta’uun dhufanii waggoottan lamaa oliif achumarratti hojjechaa jiru.
Rakkoon damee qorannoo inni biroon qonnaan bultoonni sanyiiwwan filatamoo ifaajjii olaanaadhaan qoratamanii ba’an dafanii ofitti fudhachuurrattu hanqinni akka jiru kaasanii, garuu inistitiyuutiin qorannoo qonnaa qaamolee dhimmichi ilaallatu waliin ta’uun waan qorannoodhaan argame qonnaan bulaa biraan ga’uuf dirqama akka qaban himu. Qonnaan bulaan biyyattii barnoota, fedhiifi humna ga’aa waan hinhoranneef deggaramuu akka qabaniifi utuu akka biyyoota guddatanii biroo ta’ee isaanumatu “barana maal qabdu” jedhanii gaafatanii sanyiiwwan qorannoon argaman kan fudhatan ta’uu dubbatu. Kana gidduuttimmoo Dhaabbanni Dhiheessa Sanyii Filatamaa, sanyiiwwan qorannoon argaman fuudhee qonnaan bulaa biraan ga’uuf ittigaafatamummaadhaan akka hojjetufi gama kanaanis jalqabbiin gaarii kan jiru ta’uus hanga hojjetamuu qabu akka hin hojjetamne ibsu.
Wayita ammaa qorannoowwan qonnaa qaama garagaraatiin yeroo garagaraa kan adeemsifaman ta’uus walfakkaataa ta’uun akka qisaasama yeroo, maallaqaafi humnaa hinfidneetti seerri ittiin hogganamu akkan hinjirre kan himan gaggeessaan hojii kun, akka siistamaatti garuu waltajjii ittiin walargan qabaatanis yoo sammuun nama dhorke malee waltajjichi akka nama hindhorkine himu.
“Silaa kanarratti ta’uu kan qabu waan qaamni tokko hojjete inni kaan irratti hojjetee yeroo, humnaafi maallaqaasaa utuu hinfixu ta’e gaariidha. Gama kanaan Oromiyaa keessatti gara kilaastaroota torbaa walitti fiduun kaawunsilii kan hundeessine yoo ta’u, kana jechuun dhaabbilee godina tokko keessa jiran hunda kilaastara kanatu gaggeessa. Dhaabbileen jiranis hawaasaaf tajaajila akka kennan irratti waliigalameera. Kunis seeraafi danbii ittiin bulmaataan dhaabate. Inni kun furmaata xiqqoo ni fida jedheen yaada” jedhu.
Gama biraatiin, akka waliigalaatti ramaddiin bajataa qonnaaf ramadamu ga’aa ta’uu dhabuun deemee deemee hamma qorataa tokko bira ga’utti kan bu’u ta’uu eeranii, qorattoonni baay’ee bajata ga’aa waan hinarganneef humna, yeroo, beekumsaafi muuxannoosaanii hunda baasanii ummataaf dabarsuuf harki akka isaan gabaabbatu kaasu.
“Akkasuma ta’ee inni ba’emmoo qonnaan bulaa ykn horsiisee bulaa biraan hinga’u. Kanaaf ammoo sistamni jiru rakkisaadha. Muuxannoo dhuunfaarraa ka’e yommuun ibsu, ani qorannoo nan gaggeessa, sanyii filatamaa nan baasa, qorannoon koos qorannoowwan biyyooleessaarratti ni maxxanu. Inni kun qorataa tokkoof akka dhuunfaatti carraa gaariidha. Inni kun ammoo waan qorannoodhaan argame kana qonnaan bulaa biraan ga’uuf osoo hintaane waraqaa ragaa, guddinaafi beekamtii ittiin argachuuf yaadamee kan hojjetamedha: jedhu.
Qorannoon garuu kanarra darbe qonnaan bulaa ykn horsiisee bulaa bira deemee rakkoo ummataa hiikuu kan danda’u ta’uu akka qabu kan himan Doktar Maandafroon qorannoon agames yoo xiqqaate lafa hektaara 10 irratti (large scale demonstration) qonnaan bulaa bira geessuun agarsiisuun barbaachisaadha. Yoo akkas ta’e qonnaan bulaanis ta’e ogeessi qonnaa jijjiirama jiru sirriitti ilaalee akka beekuufi heektaara meeqarratti xaa’oofi sanyii hammamii fayyadamuun omishni kuntaala meeqa argamuu akka danda’amus lakkaa’anii beekuun akka danda’amu ibsu.
Haaloota kanneeniin kanaan dura waraqaawwan qorannoo sheelfiirratti qofaa hafaa turuu kaasanii, amma garuu sun jijjiiramuu akka qabuufi qorattoonni waan qaban sana fudhatanii ba’uu qabu ejennoo jedhuun hojjetamaa jiraachuu eeru. Kanarratti wayita ammaa hojii yunivarsiitiiwwan hojjetan jajjabeessaa ta’uufi waan qoratamee argame sana fuudhanii hawaasa biraan ga’urratti xiyyeeffatanii hojjetaa jiraachuu himu.
Akka fakkeenyaattis hojii Yunivarsiitiin Jimmaa hojjetaa jiru kan eeramu ta’uu ibsanii, bu’aa qorannoodhaan argame qixa sirriin hawaasa biraan ga’aa jirachuufi hawaasnis itti fayyadamanii itti gammadaafi jiruufi jireenyisaanii ittiin jijjiiramaa jiraachuu kaasu.
Walumaagalatti, dameen qorannoo qonnaa biyyattii jijjiirama yaadame akka hinfidneef hudhaalee garagaraaf saaxilame kan ture yoo ta’u, wayita ammaa xiyyeeffannaa argachuun rakkoo qonnaan bulaafi horsiisee bulaa hiikuu eegaluunsaa jalqabbii gaariifi cimee itti fufuu kan qabudha.
BARIISAA SANBATAA Caamsaa 12 Bara 2015
5 Comments to “ Hudhaalee qorannoo qonnaa Itoophiyaa”