Waasihun Takileetiin
Dargaggoo Umarhajii Sheehuseen ilma warra Baalee Bahaa Aanaa Daawwee Qaachan Ganda Sofumaridha. Waggoota jaha dura kutaa kudhan xumuree daree itti aanuutti darbuu dhabuu yoo kaasu fala itti jireenyasaa jijjiiruu danda’u dhahuu eegala.
Maatiin Dargaggoo kanaas harka qalleeyyii waan ta’aniif haalli jireenyaa isatti ulfaannaan hojii makaanikii saaykilii, doqdoqqeefi konkolaataa shaakalliin argatetti of kennee hojjechuun waggoota shaniif ganduma Sofumar jedhamtu keessatti hojjechaa jireenya hadhooftuu rakkinaan guutamte kana mo’achuuf carraaqaa ture. Hojii makaanikii shaakalliin argate kana waggoota shaniif erga hojjeteen booda dandeettiisaa gabbifachuun ogeessa saayikilii, doqdoqqeefi konkolaataa hiikanii warshaaluu kan rakkoo godhates suphuu gonfateera.
Deemsa keessa akka naannawaasaniitti hongeen haalaan hammaachuun qotiyyoon, gaalli, harroonni qe’eerraa dhumuun walqabatee lafti qonnaa maseenee deegni dhaloota nyaachuuf hamummatee hawaasatti dhufuu argee “maal gochuun qaba”? isa jedhuuf fala barbaachuu eegaluu kaasa.
“Rakkinni furmaata dhala” akkuma jedhamu namni hunduu waan humnisaa danda’een hawaasa balaa hongeen miidhame gargaaruu qaba jedhamee yeroorraa yerootti miidiyaatti wayita lallabamu ani akka dargaggeessa tokkootti maaltu narraa eegama? Isa jedhu yaduu jalqabe jedha. Ogummaan ani qabu makaanikiidha kanaaf yeroo ammaatti hudhaan hawaasaa inni cimaan qotiyyoonsaa jalaa waan dhumeef maaliin qonna qotatu inni jedhu gaaffii nama maraa akka ture kaasa.
Kanarraa kan ka’e dandeettii qabu kanatti fayyadamee tiraaktara maaf hinkalaqu jedhee eegaluu kaasee, mul’ata kalaqa tiraaktara qonnaa isa keessa bule dhugoomsee lafatti qabatamaan agarsiisuuf humna guutuu hojjetaa turuu dubbata. Isa kanaafimmoo sababa kan ta’eefii kanaan dura midhaan dhahame ooyiruurraa guuruuf haadholiin dugdaa cabanii wayita humna guddaa baasan argee baajaajii midhaan dhahame ooyruurraa guurtu kalaqee hawaasa tajaajilaa turuu kaasa.
Isa kanarraas galii fooyya’aa argachaa akka ture kan hime dargaggoon kun hudhaa dabalataa lammiisaa balaaf saaxile dhumaatii qotiyyoon walqabatee lafti qonnaa agabuu buluu waan eegaleef gara tiraaktara qonnaa kalaquutti fuulasaa naannessuu kaasa. Yeroo, qabeenyaafi ogummaasaa aarsaa gochuun dhamaatee hedduun booda tiraaktara qotiyyoon bakka buusuu danda’uus hima.
Tiraaktara inni kalaqe kun ooyruu maatiisaa qotuurra darbee hawaasa naannawaaf kiraan tajaajila qotisaa kennuun lafti hagabuu bulaa ture omishaan akka uwwifamu taasisuu danda’eera. Rakkoon uumame quuqama addaa isa keessa bulchuun uumatasaaf deebiifi furmaata ajaa’ibaa akka argamsiisu isa gargaareera. Kanarraa kan ka’e sammuunsaa boqonnaa waaraa kan argate yoo ta’u, hojii kalaqa dandeettii addaa galmeessise kanaafis beekamtii olaanaa argateera.
Dargaggoo Umarhajii hojii inni hojjete kun makaanaayzeeshinii qonnaa ammayyaa mootummaan babal’isuuf kallattii kaa’ee irratti hojjetaa jiru utubuu keessatti bakka olaanaa qabaachuu yoo kaasu, miirri nidandeenyaafi kutannaan jiraannaan waan hundi salphaa ta’uu kaasee jira.
Tiraaktara kana kalaquuf bittaa dhiyeessilee qaama tiraaktarichaaf barbaachisan dabalatee baasii qarshii kuma saddeettama baasuu danda’eera. Tiraaktara kana osoo gurguree salphaatti hanga qarshii kuma dhibba shanii akka bitu yoo himu, namoota biratti baay’ee barbaadamaa jiraachuu dubbata.
Tiraaktarri inni yeroof amma kalaqe kun tokko qofa yoo ta’u, baay’isee gabaaf dhiyeessuuf bajanni deeggarsaafi bakki hojii akka isa barbaachisu kaasa. Meeshaaleen tiraaktarichi irraa hojjetame hamma tokko sibiilota biyya keessa jiranirraa ta’uullee yoo kaasu baasii olaanaa sharafa alaa illee kan salphisu ta’uu ibsa. Kuni ta’us meeshaaleen muraasa alaa kan galan yoo ta’u isaan kunimmoo baasii dabalataaf kan nama saaxilan waan ta’eef gama kanaan mootummaan deeggarsa barbaachisu yoo taasise dhamaateefi baasii hinmalle salphisa.
Dhiyeessiileen barbaachisoo meeshalee garagaraa biyya keessatti argamaniin yoo guutaman tiraaktara biyya keessatti kalaqamu kana baay’inaan biyya keessatti omishuun gabaaf dhiyeessuurra darbeen mootummaafillee sharafa alaa argamsiisuun dinagdee ofiifi kan biyyaa humneessuu keessatti qooda guddaa bahachuuf qophiitti jira.
Akka ibsa dargaggoo kanaatti, dhiheessileen barbaachisoo guutamnaaniifii tiraaktara kana baay’isuun ummataaf tajaajila kennuurra darbee sharafa alaa biyyasaaf argamsiisuu akka danda’u kanamalees, ga’umsasaas kan qabu ta’uu himee jira.
Tiraaktara kalaqame kana kan alaa galurraa kan adda taasisu gommaan kan doqdoqqee waan ta’eef salphaatti ooyruu keessa deemee qotuufis saffisaan socho’uufis kan mijateedha. Kanamalees boba’aa qusachuuttis tiraaktara filtamaa akka ta’eefi warraaqsa dinagdee gama mootummaan eegalame muuxannoo teknolojii qabu kanaan utubuun Oromiyaa dinagdeen humnooftee dachee hiyyummaan seenaa itti ta’u taasisuuf kutannaa guddaa qaba.
Mul’atnisaa kun akka milkaa’uuf tattaaffiin gamasaan taasifamu akkuma jirutti ta’ee mootummaanis deeggarsa bakka hojiifi faayinaansiin isa cinaa akka dhaabatu kaasa. Hojiin kalaqa teknikaa dhiyeessii meeshaalee gara garaaf bajata guddaa kan gaafatu yoo ta’u, kun mijate jennaan yeroo dhiyootti abbaa warshaa tiraaktara qonnaa ta’uu akka danda’u ibsa. Mootummaanis sochii kalaqa sadarkaa biyyaatti taasifamaa jiru utubuuf deeggarsa garagaraa taasisaa kan jiru yoo ta’u, sadarkaa Oromiyatti namoota bu’aalee kalaqaa qabatanii dhiyaatan dorgomsiisuun beekamtii kenneefii jira.
Isaan keessaa Dargaggoo Umarhajii isa tokko yoo ta’u, fuulduratti bay’inaan omishuun ofis ta’e lammiileesaa akkasumas biyyasaa fayyaduuf of qopheessuu dubbata. Dargaggoo Umarhajii qonnaan bultoota balaa hongeen qotiyyoonsaanii jalaa dhumeefi hanqina faayinaansii godhataniifis tajaajila duubeen ooyiruusaanii qotuu kennuun aantummaafi kabaja lammiisaaf qabu agarsiisaa tureera.
Yeroo ammaattis tiraaktara qonnaa kalaqe kanaan lafa hagabuu bule baadiyyaa keessa deemee qotaa dinagdee dhuunfaasaas cimsaa kan jiru dargaggoon kun, bajaajii kanaan dura kalaqeen immoo tajaajila geejjiba midhaan ooyruurraa gara manaatti guuruu kennaa jira.
Harki kaleessa baajaajii deddeebisa fe’iisa midhaanii kalaqe yeroo ammaattimmoo tiraaktara qonnaa adda ta’e kalaquun beekamtii guddaa argateera. Beekamtiin kennameef kun badhaasa daran isa onnachiisu dabalataanis fuulduratti caalee argamuuf kan isa kakaasu ta’ee tajaajila.
Dhaloota teknoloojiin deeggaramee dandeettii kalaqaa gabbifachaa deemu horachuun miira nidandeenyaa Itoophiyaan qabattee kaate kan milkeessu waan ta’eef yoomuu nijajjabeeffama. Dandeettiin akkasii eeggattummaa kan dhabamsiisu ofitti amanamummaa kan dabalu dhaloota biyyasaaf jiraatu kan boriif abdii sabaa ta’uu danda’u akka horataniifis nigargaara.
Hojii boonsaa dargaggoo Umarhajii kalaqe kun dargaggoota biroof fakkeenya gaarii yoo ta’u, ofirra darbee namoota shan ta’aniifillee carraa hojii uumuu danda’eera. Hojii kalaqaa namni tokko hojjetu nama sana qofa miti ollaaf, naannoof, biyyaaf akkasumas mootummaaf bu’aa guddaa buusa kan jedhe dargaggoon kun, ilaalcha gadiqabaa biyyoonni lixaa Itoophiyaaf qabanillee kan cabsudha.
Walumaa galatti, kalaqni tiraaktara qonnaa Dargaggoo Umarhajii bu’aa rakkinni dhale yoo ta’u, ilalcha nidandeenyaa kan dhugoomse eeggattummaa carraa hojii kan hambisu ofirra darbanii nama biraaf balbala biddeena galgalaa ta’uun akka danda’amu kan agarsiise waan ta’eef dargaggoonni cimanii hojjechuun egeree biyyasaaniif sodaa osoo hintaane wabii ta’uun irra jiraata.
BARIISAA SANBATAA Caamsaa 12 Bara 2015
3 Comments to “ Qotiyyoo hongeen fixnaan, dargaggoon tiraaktara lafa qotu kalaqe “rakkinni furmaata dhala” jedha”