Fiigichi Guddaan Itoophiyaa bor Boqojjiitti adeemsifama

Bayyanaa Ibraahim

Finfinnee: Bara darbe kan eegale Fiigichi Guddaan Itoophiyaa bor magaalaa burqaa Atileetotaa taate Boqojjiitti yeroo 2ffaaf kan adeemsifamu yoo ta’u, kunis turiizimii ispoortii guddisuuf kan gargaaru ta’uu Ministeerri Turiizimii Itoophiyaa beeksise.

Fiigicha mata duree “Sihaa barru, Itoophiyaa” jedhuun dachee burqaa Atileetotaa Boqojjiitti gaggeeffamu kanarratti atileetootni kuma tokkoofi 200 kan hirmaatan ta’uunis himameera.

Ministir De’etaan Turiizimii Aaddee Salaamaawit Daawit akka jedhanitti, fiigichichi magaalaa atileetota Itoophiyaa sadarkaa addunyaatti beeksisan biyyaaf gumaachite (Boqojjii) beeksisuufi turiizimii ispoortii guddisuu keessatti qooda olaanaa qaba.

Dorgommiin naannawa ispoortii atileetiksiitiif mijataa ta’etti adeemsifamu kun, dargaggoota gara fuula duraatti biyya bakka bu’anii dorgommiiwwan garaa garaarratti hirmaatan baay’inaan argachuuf kan gargaaru ta’uu kan himu ammoo Pirezidaantii Ittaanaa Federeeshiinii Atileetiksii Itoophiyaa Atileet Gazzaany Abarraa, dorgommichi atileetotota qabxii gaarii argataniif carraa dorgommiiwwan biroo kan banu ta’uu dubbata.

Atileetota biyyattiin horatteefi maqaa biyyattii dorgommiiwwan garaa garaarratti waamsisan keessaa dhibbantaan 80 ol naannawa Boqojjiitti kan dhalatan ta’uu kan himu Atileet Gazzaany, naannawaan sun atileetota gootota biyyaaf gumaachus bu’uraalee misoomaa gahaa kan hinnqabne ta’uu dubbata.

Bara darberraa eegalee naannawaa sanatti dorgommiin akkanaa eegaluunsaa ammoo xiyyeeffannoo qaamota hedduu waan argatuuf rakkoowwan bu’uraalee misoomaa, iddoowwan leenjii, ispoortii, hoteelotaafi kanneen biraa furuudhaaf carraa gaarii kan uumu ta’uu dubbatu.

Dorgomichi Atileetootni duubaan dhufan muuxannoosaanii akka gabbifataniif carraa kan uumu ta’uu kan himan ammoo Geggeessituu Hojii Fiigicha Guddaa Itoophiyaa, Aadde Dagmaawit Amaareeti.

 BARIISAA SANBATAA Caamsaa 5 Bara 2015

Recommended For You

4 Comments to “  Fiigichi Guddaan Itoophiyaa bor Boqojjiitti adeemsifama”

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *