Kaffaltii bittaa boba’aa dijitaalessuun guddina dinagdee biyyaa utubuu keessatti gahee akkamii qaba?

Natsaannat Taaddasaatiin

Baankiin Daldala Itoophiyaa kaffaltiin bittaa boba’aa mobaayilii fayyadamuun karaa ‘CBE Birr’ ykn ‘Nedaj App’ buufachuun sadarkaa biyyaatti raawwatamuu akka qabu Kibxata darbe Magaalaa Adaamaatti beeksiseera. Kaffaltii bittaa boba’aa dijitaalessuun guddina dinagdee biyyattii utubuu keessatti gahee olaanaa kan qabu ta’uus ibseera.

Fayyadamtoonni tajaajila kaffaltii bittaa boba’aa dijitaalawaa kana argachuuf jalqaba damee Baankii Daldalaa Itoophiyaa dhaqanii odeeffannoo barbaachisu guutuudhaan maamila ‘CBE Birr’ ta’uu qabu. Yookaan ammoo ‘Nedaj App’ buufachuun karaa salphaafi dijitaalawaa ta’een kaffaltii bittaa boba’aa raawwachuu danda’u. Baankichi tajaajila kana torban lama dura Finfinneetti kan jalqabsiise yoo ta’u, Kibxata darberraa eegalee tajaajilichi sadarkaa biyyattiitti hojiirra kan oolu ta’uu ibseera.

Pirezdaantii Ittaanaa Baankii Daldala Itoophiyaa Obbo Darajjee Fufaa akka jedhanitti, baankichi sirna baankii qaroome babal’isuun dinagdee biyyattii utubuufi rakkoo dinagdeefi hawaasummaa furuu keessatti shoora olaanaa qaba. Baankichi magaalaadha hanga baadiyyaatti dameeleesaa babal’isuun tajaajila baankii babal’isuufi qaqqabamaa taasisuun hawaasni aadaa qusannoo akka gabbifatu taasisuu keessattis baankii fakkeenyummaa gaariin eeramuudha. Baankichi yeroo ammaa maamiltoota miliyoona 35 ol horachuun guutummaa biyyattiitti dameelee kuma tokkoofi 900 ol banatee tajaajila bal’aafi qaqqabamaa kennaa jiraachuu dubbatu.

Baankichi maallaqa bifa qusannaatiin ummatarraa walittiqabame tiriiliyoona tokkoo ol kan qabu yoo ta’u, hojjettoota kuma 80 ta’aniif carraa hojii uumee hojjechaa jiraachuu himanii, waggoota kudhan darbaniif sirna kaffaltii biyyattii ammayyeessuufi qaroomsuufis shoora olaanaa taphataa turuu kaasu. Tajaajila ‘ATM, Mobaayil Baankiingii, Intarneet Baankiingii, CBE Birr fi Nedaj App’ hojiirra oolchuun kaffaltiin karaa dijitaalawaa ykn elektirooniksii akka raawwatamu taasisuusaa ibsu.

Maamiltoota baankichaa keessaa miliyoonni 10 ol ‘ATM’ kan fayyadaman yoo ta’u, mobaayilii fayyadamuun kaffaltii kan raawwatan miliyoona sagal ta’uu himanii, utuu herrega baankii banuun isaan hinbarbaachisin ‘CBE Birr’ fayyadamuun kaffaltii kan raawwatan ammoo miliyoona sagal akka ta’an eeraniiru.

Akkasaan jedhanitti, gabaasni raawwii karoora hojii baankichaa ji’oota saglan darbanii akka mul’isutti, ittifayyadamni sirna kaffaltii dijitaalaa sonaan guddachaa jira. Ji’oota saglan darban qarshiin tiriiliyoona tokkoofi biliyoona 700 mobaay’iliidhaan socho’eera. Kun faayidaan mobaayil baankiingiin ummataaf kennu daran guddachaa jiraachuu agarsiisa. Qarshii karaa dijitaalawaan sochoosuun yeroo, baasiifi humna namaa qusachuun tajaajila saffisaa bakkaafi yeroon hindaangofne kennuuf mi gargaara.

Bittaafi gurgurtaa karaa dijitaalawaa ykn elektirooniksii raawwachuun qarshii harkatti baatanii deemuufi qisaasama maallaqaarraa bilisa kan nama taasisu ta’uu himanii, qarshii qabaas hanqina maallaqaarraa ni baraara, baasii qarshii moofa’e ykn tajaajilaa ala ta’e maxxansiisuuf ba’us akka hambisus ni dubbatu. Baankichi yeroo ammaa immoo bittaan boba’aa karaa dijitaalawaa ta’een akka raawwatu taasisuufi boba’aan wantoota Itoophiyaan biyya alaatii doolaaraan bittee galchitu keessaa qaalii ta’uusaatiin galii sharafa alaa biyyattiin argattu keessaa harki caalu boba’aa biyya alaatii galchuuf akka oolu ibsu.

Akka ibsa Obbo Darajjeetti, boba’aan qarshii qaaliidhaan bitamee galu sirnaan qabamuu baannaan guddina dinagdee biyyattii duubatti harkisa. Kanaafuu bittaan boba’aa karaa diijitaalawaa ta’een akka raawwatamu ta’eera. Kaffaltiin bittaa boba’aa karaa dijitaalawaa akka raawwatamu gochuun qisasama qarshii hambisuun rakkoolee walxaxoo hedduu kan hiiku yoo ta’u, abbaan qabeenyaas qarshii harkatti qabachuu, baankiitti geessuu, saamamuufi hir’achuurra bilisa ta’ee hojiisaarratti xiyyeeffatee akka hojjetu kan taasisuudha. Kaffaltii bittaa boba’aa dijitaalessuun abbootiin qabeenyaa dhaabbata boba’aa qabanis daran fayyadamoo ni taasisa; maallaqa foorjidii gabaarraa ni balleessa; konkolaachiftoonnis qarshii boba’aa ittiin bitan baatanii deemuurraa isaan baraara.

Akka biyyaattis qabeenya qaalii kana seeraan akka ittifayyadamnu kan taasisuu ta’u kan himan Pirezdaantiin Ittaanaan baankichaa, Baankiin Daldala Itoophiyaa sirna kaffaltii bittaa boba’aa dijitaalawaa kana lafa qabsiisuuf hojjetootasaa raabsawwan boba’aa hundarratti ramaduudhaan ittigaafatamummaa guddaa itti kenname gahumsaan bahachuuf hojjechaa jiraachuu himu. Humdumtuu rakkoolee yeroof mudachuu danda’an obsuun qabeenya qaalii kana waliin akka eeguuf gaafataniiru.

Daariktarri Korporeetii Kominikeeshinii Baankii Daldala Itoophiyaa Obbo Alsan Asaffaa akka jedhanitti, baankichi erga hundeeffamee waggaa 80 ol yoo ta’u, ergasii hojiilee gurguddoo dinagdee biyyattii utuban hedduu raawwateera. Baankichi ijaarsa hidha Laga Abbayyaaf deggarsa qarshii biiliyoona 150 taasiseera, omishaafi omishtummaa qonna biyyattii guddisuuf bara darbe qarshii biiliyoona 45 ol baasuudhaan sanyii filatamaa, xaa’oofi maashinariin qonnaa alaa bitamee akka galu taasiseera. Manneen waliin jireenyaa Finfinneefi magaalota gurguddoo biyyattii gara garaa keessatti kan ijaarsises ta’uus himaniiru.

Boba’aa Itoophiyaaf bitee galchaa kan jiru Baankii Daldala Itoophiyaa ta’uu himanii, biyyattii keessatti guyyaa guyyaan boba’aan qarshii biiliyoona tokkotti tilmaamamu gurguramaa jiraachuufi kaffaltiin bittaa boba’aa karaa ‘CBE Birr’ fi ‘Nedaj App’ akka raawwatu taasisuun sirna kaffaltii ammayyeessuun guddina dinagdee biyyaa utubuu keessatti gahee olaanaa akka qabu ibsu. Torban darbe Finfinnee qofatti guyyaa 10 keessatti kaffaltiin bittaa boba’aa qarshii miiliyoona 750 ol karaa dijitaalawaa raawwatamuufi kaffaltiin bittaa boba’aa karaa ‘CBE Birr’fi ‘Nedaj App’ raawwatamu bilisaan ta’uus eeraniiru.

Baankii Daldala Itoophiyaatti, Daarkterri Distiriiktii Adaamaa Obbo Habtaamuu Asaffaa gamasaaniin akka jedhanitti, baankichi waggoota 10 oliif ‘Mobaayil baankiingiifi dijitaal baankiingii’ babal’isuurratti xiyyeeffatee hojjechaa tureera. Yeroo ammaa immoo bittaan boba’aa karaa dijitaalawaa ykn elektirooniksiidhaan akka raawwatamu taasiseera. Tajaajilli kaffaltii bittaa boba’aa ‘CBE Birr’ akaakuu mobaayilii kamiiniyyuu raawwatamuu ni danda’a.

Baankiin Daldala Itoophiyaa sirna kaffaltii bittaa boba’aa dijitaalawaa kana lafa qabsiisuudhaaf hojjettootasaa rabsawwan boba’aa kuma tokkoofi 73 ol biyyattii keessa jiran hundatti ramaduudhaan halkaniifi guyyaa utuu hinjedhin hojjechaa jiraachuu himanii, konkolaachiftoonni gara raabsa boba’aa yeroo deeman lakkoofsa icciitii ‘Pin Code’ ittiin kaffaltii raawwatan dagachuu akka hinqabne yaadachiisaniiru.

Hogganaa Ittaanaan Biiroo Daldala Oromiyaa Obbo Tasfaayee Gooshuu akka jedhanitti, Baankiin Daldala Itoophiyaa baankii buleeyyii garuu ammoo akka dargaggeessaatti hojjechaa jiruudha. Baankichi lafee dugdaa guddina dinagdee

 biyyattii ta’ee misooma kamiyyuu keessatti adda dureedhaan hirmaachaas jira. Boba’aan qarshii qaaliidhaan biyya alaatii bitamee waan galuuf Jibuutiidhaa ka’ee hanga bakka raabsa boba’aa ga’utti teknolojiidhaan hordofuudhaan qisaasamaafi rakkoo tokko malee fayyadamtoota bira akka ga’u taasisuuf Baankiin Daldala Itoophiyaafi Itiyoo Teelekoom qindoominaan waliin hojjechaa jiru.

Boba’aan Jibuutiidhaa ka’ee erga raabsa boba’aa ga’ee ammoo guyyaafi ji’aan eenyu hangam akka waraabbate akka hordofamu kaasanii, kaffaltii bittaa boba’aa dijitaalessuun tuttuqqaa qarshii hambisuuf, kontirobaandii ittisuufi moofa’uu maallaqaa hambisuuf akka gargaaru kaasu. Sirni kaffaltii bittaa boba’aa kun dijitaala ta’uun qarshii miliyoona 800 hanga biiliyoona tokkoo sababa bittaa boba’aatiin qofa harka namaa galu hambisuun lakkoofsi qarshii qofti bakkaa bakkatti akka socho’u kan taasisu ta’uu dubbataniiru.

Baankonni, Itiyoo Teelekoomifi Ejensiin Geejjibaa sadarkaa sadarkaan jiran sirna bittaa boba’aa dijitaalawaa kana milkeessuuf qindoominaan waliin hojjechuu akka qaban yaadachiisaniiru.

Magaalaa Adaamaatti, Abbaan Qabeenyaa Raabsa Boba’aa Afrikaan Obbo Daawit Nagaash gamasaaniin, sirni kaffaltii bittaa boba’aa dijitaalawaan kun hojiirra ooluusaatti baay’ee gammaduu himanii, qaamolee tajaajilli kun akka hojiirra ooluuf gumaachan hunda galateeffataniiru. Konkolaachiftonni sirna kaffaltii dijitaalawaa sirnaan akka itti fayyadamaniif hojiin hubannoo gabbisuu kennamaa jirus gaarii ta’uufi tajaajilli dijitaalawaan kun qarshii harkatti baachuurraa bilisa kan isaan taasise ta’uus eeraniiru.

Konkolaachisaa Tsaggaayee Solomoon akka jedhanitti, kanaan dura supparmaarketiifi bakkoota adda addaatti ‘CBE Birr’ fayyadamuun kaffaltii raawwachaa turuufi amma ammoo kaffaltiin bittaa boba’aa karaa ‘CBE Birr’ ykn ‘Nedaj App’ akka raawwatamu ta’uun qarshii harkatti baatanii deemuurraa isaan baraaru dubbatu. Tajaajila kaffaltii dijitaalawaa kana si’eessuuf rakkoo ‘Neetwoorkii’ furuurratti xiyyeeffatamee hojjetamuu akka qabu gaafataniiru.

BARIISAA SANBATAA Caamsaa 5 Bara 2015

Recommended For You

2 Comments to “ Kaffaltii bittaa boba’aa dijitaalessuun guddina dinagdee biyyaa utubuu keessatti gahee akkamii qaba?”

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *