“Qonni beekumsaan hin hoogganamne gabaa addunyaa mitii biyya keessattuu dorgomuu hindanda’u”– Doktar Maandafroo Nigusee

Saamraawiit Girmaatiin

Harki caalaa ummata Itoophiyaa jiruufi jireenyasaa kan gaggeeffatu qonnaadhaan ta’uun beekamaadha. Qonni biyyattii bu’uurarraa jijjiiramuun indastiritti akka ce’uuf waggoota 10n darban hojii bal’aan hojjetameera. Ejensiin Tiraansformeeshinii Qonnaa Itoophiyaas waggoota 12 dura hundaa’uun dhimmicharratti xiyyeeffatee hojjeteera. Nutis hojiilee hojjetamaniifi hojjetamaa jiranirratti Daariktera ejensichaa Doktar Maandafroo Nigusee keessmmaa keenya torban kanaa taasifanneerra; dubbisa gaarii.

 Bariisaa: Yeroo keessaniif galatoomaa jechaa, mee dubbistoota keenyaan wal baraa?

Doktar Maandafroo: Tole, maqaankoo Maandafroo Niguseen jedhama. Kanin dhaladhee guddadhe Godina Shawaa Lixaa, aanaa Cobiitti. Mana barumsaa sadarkaa tokkoffaas achuma bakka dhalootakoottin baradhe. Barnoota sadarkaa lammaffaa ammoo Finfinneefi Gincittiin baradhee fixe.

Qorumsa kutaa 12ffaas qabxii olaanaa fideen gara Yunivarsiitii Haramaayaa seenee digiriikoo jalqabaa Saayinsii Biqiltuutiin fudhadhe. Achiis ba’ee jalqabarratti Hawaasaatti ramadameen hojii eegale. Waggaa tokkoofi walakkaa ergan hojjedhee boodas gara Adaamaatti deebi’een Giddugala Qorannoo Qonnaa Malkaasaatti keessa yeroo dheeraa (gara waggoota 14) hojjedheera.

Giddugalicha keessattis boqqolloorratti hojii baay’een hojjedhe. Sanyiiwwan filatamoo baay’ees qonnaan bultoota biraan ga’eera. Qorannoo boqqolloo gammoojjiis hogganeera. Malkaasaa waggaa afur akkuman hojjedheen gidduutti ammoo barnootatti deebi’ee digiriikoo lammaffaa Yunivarsiitiidhuma Haramaayaatti Agiroonoomiin fudhadhe. Deebi’ees waggaa lama boqqolloodhumarrattin hojjedhe.

Digiriikoo sadaffaa Jeenetiksiidhaan ispeeshaalaayiz godheen Maalezyiyaatti baradhe. Biyyattis deebi’ee Malkaasaadhumatti hojii itti fufe. Yeroo sana Giddugalli Qorannoo Qonnaa Asoosaa diigamee waan tureef achuma taa’een giddugala qorannoo sadarkaa giddugaleessaa akka ta’uuf namoota mindeessuun, qorannoowwaniifi deggarsawwan garagaraa taasisuun waggoota lamaaf qindeessaan ture.

Ergasii booda pirojektii qonnaa Baankii Addunyaa doolaara Ameerikaa miliyoona 70 oliin socho’u akkan qindeessu hogganummaadhaan ramadameen A.L.A bara 2007 gara Finfinneetti dhufe. Pirojektiichas waggoota sadii olin hojjedhe. Pirojektiichi giddugalawwan qorannoo qonnaa naannoolee hunda keessa jiran waliin akkasumas, kolleejjiiwwan BLTO waliin hojjeta.

Akkan isa xumureenis gara ‘OXFAM America’ seeneen waggoota torbaaf hojjedhe. Achittis waggaa tokko gaggeessaa sagantaa, yeroo isa hafemmoo akka Gaanfa Afrikaatti hogganaa ta’een hojjedhe. Isa boodas Dhaabbata Tiraansiformeeshinii Qonnaa Afrikaa keessattin qacaramee bakka bu’aa biyyaa ta’een hojjedhe. Utuun achi hojjetaa jiruu jijjiiramni ammaa kun dhufnaan Giddugala Qorannoo Qonnaa Itoophiyaan akkan hogganuu gara sana dhufe. Jalqabarra qorataa ta’een hojjedheen hariiroo gaarii waanin qabuufi qorannoo haaraas waanin dhiheesseef hogganaan ta’e.

Turtiikootiinis qamadii, zayita nyaataafi kanneen biroorratti namoota waliin hojjennu waliin ta’uun bu’aa gaarii galmeessisneerra. Hojii biraan achitti ittiin milkaa’es seera ittiin bulmaata qorannoo qopheessuuni. Humna namaa ilaalchisuunis dubartoonni akka qorataatti lakkoofsisaanii xiqqaa ture; % 10 hincaalan ture. Kanas jijjiiruuf al tokkoon yunivarsiitiiwwan ja’a keessa dubartoota 102 galchinee leenjisuun garee damichaatti fiduun hirmaannaasaanii % 20n geenye.

Kun hirmaannaansaanii dabaluurra darbee bakkeewwan tokko tokkotti hawaasa waliin haasa’uuf dubartoonni bakka itti barbaachisan ni jira. Fakkeenyaaf bakkee hawaasni muslimaa itti baay’atutti dubartoonni dubartoota yoo mariisisan rakkooleen furmaata argatu. Gama kanaanis jijjiiramni dhufe olaanaadha. Hirmaannaa dubartootaa kanas % 30n qaqqabsiisuuf karoorfadhee utuun jiruu dameen jallisii xiyyeeffannaadhaan irratti hojjetamuu waan qabuuf akkasumas, yeroo sanatti ilbisoonni garagaraa omisha miidhaa waan turaniif gara qonnaa dhufuun ministir deetaa ta’ee yeroo muraasa akkan hojjedheen gara Ejensii Tiraanisfoormeeshinii Qonnaa Itoophiyaa Gaggeessaa Hojii Olaanaa ta’een dhufee; waggoottan lamaa oliif asumarrattin hojjechaa jira.

Bariisaa: Barnoonni keessanis, hojiin keessaniis guutuutti qonnarratti kan xiyyeeffatedha. Kun maalirraa madde? Hawwiin keessan ijoollummaawoo maal ture?

Doktar Maandafroo: Bakkiin itti dhaladhee guddadhe magaalaa guddaa kan jedhamu hinturre. Maatiinkoo qonnaan bultoota yoo ta’an anis akkuma namoota hedduu qonna qotaafi horii tiksaan guddadhe. Yunivarsiitii seeneellee ganna gaafan biyyatti deebi’ee galu nan qota. Inni kun qonnarratti akkan hojjedhe na gargaareera.

Bariisaa: Barataa akkamii turtan, maatii keessaniifoo ilma meeqaffaadha?

Doktar Maandafroo: Barnootakootinis barataa qaxalee kanin ture yoo ta’u, kutaa tokkooffaafi lammaffaa waggaa tokkotti akkasumas, sadaffaafi arfaffaallee waggaa tokko gidduuttin baradhe. Ani maatiikoof hangafa yoon ta’u, obbolaa ja’an qaba. Kanneen keessaa tokkorraa kan hafe hundi baratanii ba’anii hojii addaddaarra jiru.

Bariisaa: Barnoota keessaniin akka milkooftan namni fakkeenya isiniif ta’e jiraa?

Doktar Maandafroo: Cimina kan fidu jabaatanii hojjechuudha. Yommuu sadarkaa godaa baradhu horiidhuma tiksaan baradhe. Namni fakkeenya taasifadhuufi fuuldurakoo jiru hinturre; sammuudhuma Rabbi nuu kenneen guddanne. Yommuu yunivarsiitii galamu garuu haaloonni ni jijjiiramu. Sababnisaa ijoollee ciccimootu biyya garagaraarraa dhufa.

Haalli kun jalqabarratti xiqqoo kan nama sodaachisu ta’ullee qayyabachuu akka qabdu sitti agarsiisa. Haala kanaan waggaa jalqabaa qabxii 3.2 yommuun fidu ofitti amanamummaa natti uume. Yommuu sana ijoollee gara 480 taanee gallee 87 kanneen ta’an seemistaraa duraatti ari’amanii galan. Waggaa dhumaattis kan eebbifamne barattoota 200 qofa.

Haala kanaan barataa milka’aa tokko ta’anii ba’uun nama gammachiisa. Qabxii olaanaan galmeesiseen carraa yunivarsiitiitti hafuu qabaadhuus haala nageenyaa yeroo sana tureen waan natti hintolleef dhiisee dhufeen gidduugala qonnaa dhufe jechuudha.

Bariisaa: Akka muuxannoo jireenya keessanirraa hubachuun danda’amuttu harka caalaa jireenya keessanii qonnaan dabarsiitan. Mee qonni isiniif maalidha?

Doktar Maandafroo: Qonni anaaf waa hunda. Namoonni qonna keessaa ba’anii qonna hinjaallanne ni jiru. Yookiin ilmaan qonnaan bulaa ta’anii deebi’anii baadiyaatti galuu kan hinbarbaanne ni jiru. Ani garuu yommuun baradhuus ta’e hojii barbaaddadhu qonna keessattin hojjedha jedheen darbe. Sababnisaa dadhabbii qonni qabu nan beeka. Kanaaf jijjiirama jireenya qonnaan bulaarratti hojjechuun anaaf waan guddaadha. Qonnaan bulaa jijjiiruun waanin ofii of jijjire natti fakkaata.

Ani utuu qonna dhiisee hojii biraa hojjedhe nan danda’an ture garuu bakka qonni hinjirreetti qonna galchaan ture. Fakkeenyaaf ‘OXFAM’tti yommuun qacarame qonna hinbeekan; anatu sagantaa qonnaa akka bananiifi qonnaan bulaan fayyadamu taasise. Fuuldurattis jiruufi jireenya qonnaanis ta’e horsiisee bulaa jijjiiruun gammachuu kan naa kennu waan ta’eef gammachuudhaanin tajaajila kenna.

Bariisaa: Dinagdeen Itoophiyaa waggoota dheeraaf qonnaan durfama. Harki caalaan ummata biyyattiis qonnaan bulaadha. Garuu dameen kun akkaataa barbaadameen jijjiirama fidaa hinjiru. Akka qorataafi nama qonna keessa ture tokkotti kanaaf maaltu danqaa ta’e jettu?

Doktar Maandafroo: Jijjiirama fiduuf wanti guddaa si barbaachisu, barumsa; beekumsa. Lammaffaan faayinaansiidha. Kana yoo qabaatte beekumsallee teknolojiillee fiddee itti fayyadamuu dandeessa. Bajatni qonnaaf ramadamu baay’ee xiqqaadha. Kana jechuun mootummaan xiyyeffannaa hinkennineef jechuu osoo hintaane baay’inni qonnaan bulaa olaanaa waan ta’eefi. Ummata biyyattii keessaa % 80 qonnaan bulaadha. Kana jechuun silaa bajata qabnu keessaa % 80n achi dhaquu qaba. Amma garuu kan qonnaaf ramadamu % 20 hincaalu.

Mootummaan hamma danda’e inuma yaala; garuu fedhiin jiru olaanaadha. Tajaajilli teknolojii akka biyyaatti jirus xiqqaadha. Gidduugaloonni qorannoo qonnaa akka biyyaatti jiranis 20 hincaalan. Kunis giddugalli tokko qonnaan bulaa miliyoona 16fi horsiisee bulaa miliyoona sadii tajaajila jechuudha. Kanarraa ka’uun qorataan tokko qonnaan bulaafi horsiisee bulaa hammamii tajaajila yoo jenne baay’ee xiqqaadha.

Kanneen malees beekumsa yookiin barumsa qonnaan bulaan keenya qabus gadaanaa ta’uun qonna keenya miidheera. Dur qonnaan waanuma maatii ga’uuf omishta; amma garuu qonni beekumsaan hinhoggantu taanaan gabaa addunyaa keessatti mitii biyya keessattuu dorgomuu hindandeessu. Hojjetaan misoomaa lakkofsaan baay’ee nuti qabnu kanafaa hojjechuu qabu turan. Garuu, kunis hintaane.

Inni biraan bishaaniifi lafa qabna. Kanarratti akka mootummaatti qindoofnee qonnaan bulaaf deggarsa hingoone. Xiyyeeffannaa qonnaaf kenname sadarkaa naannooleetti yoo ilaalte Oromiyaa keessatti qonni baay’ee jijjiiramaa jira. Kana kan fide hoggansa; Pirezdaantiin naannichaa guyyaa torba keessaa yoo xiqqaate al tokko maasii qonnaan bulaafi horsiisee bulaa jira. Rakkoo argullee achumatti hiikamaa deema. Xiyyeeffannaan qonnaaf haala kanaan bifa walfakkaatuun deemuu qaba.

Dhimmi biraan miidhaa olaanaa jijjiiramni qilleensaa nurraan ga’udha. Sababnisaa qonni keenya roobarratti malee jallisiirratti kan hundaa’e miti. Kana jechuun yommuu roobu omishni ni argama; yoo hinroobnemmoo hinjiru. Qonnaan bulaan barana qotee bara dhufu argachuu yoo baate isheedhuma bardheengaddaa qote baranas nyaata. Qonnaan bulaan keenya waggaa tokko keessatti ji’a sadii afur qoteetu isa hafe akkanumaan taa’a. Haala amma jiruun qonnaan bulaan ji’a 12nu guyyaa guutuu hojjete malee jijjiiramni dhufuu hindanda’u.

Bariisaa: Kanneeniif maaltu furmaata jetturee?

Doktar Maandafroo: Inni jalqabaa jallisiidhaaf xiyyeeffannaa olaanaan kennamuu qaba. Jijjiramni amma jallisii qamadiirratti mula’ate kun hojiidhuma xixiqqaa jallisiirratti hojjetamedha. Utuu jallisiidhaan waa hunda misoomsuun danda’ame isa rooba eeguun waggaatti al tokko omishamu dachaa lamaa sadiin omishuun ni danda’ama ture. Kunis wabii midhaan nyaataa mirkaneessuurra darbee dinagdee biyyaarratti jijjiirama olaanaa fida ture. Gabaa addunyaa keessattis dorgomaa cimaa nu taasisa ture.

Kanneentu nu qabe malee ammallee lafti qootamuu qabu hundi qootamee hinjiru. Bishaan qabnu yaa’ee nu bira darbee biyya biraa dhaqa malee nuti faayidaarra hinoolchine. Kanneen malee humna namaa qabna. Kanneen walitti fidnee osoo hojjennee jijjiirama olaanaa fiduu dandeenyuus xiyyeeffannaa ga’an itti hinkennamne. Sababnisaa namni baay’een magaalaa keessatti walcinqu isa qonna baqatee magaalaa keessa taa’u malee beekee deebi’ee baadiyyaatti jijjiirama hinfidne.

Inni biraan qonnarratti namoonni baay’een digirii tokkoffaa yookiin lammaffaa yookiin sadaffaatiin ni baratu. Garuu, hammuma barataa deemen baadiyyaarraas fagaataa deemu. Kaan biyyaa baqatee deema. Silaa ta’uu kan qabu inni barate bakka baratee ba’e tajaajiluu qaba. Naannawaadhuma keessaa baane maatiifi namoota dhihoo keenya jijjiiruu osoo dandeenyee warri kaan ammoo isuma ilaalanii jijjiiramaa deemu. Kunneen qonna keenya boodatti harkisanis amma garuu jijjiiramni jiru jajjabeessaadha.

Bariisaa: Mee isin akka dhuunfaatti boqqolloorratti qorannoo taasistaniittutii, sanyii filatamaa isin qorattan kan akkamiiti, bu’aa akkamiiwoo fide?

Doktar Maandafroo: Yommuun Malkaasaa ture sanyii ani qoradhe boqoolloo hanqina roobaa dandamachuu danda’udha. Inni kun haala lamaani; fakkeenyaaf roobni ji’a lama yookiin lamaaf walakkaa rooba yoo ta’e isa dandamatee ga’uu qaba. Inni lammataammoo kan hanqina roobaa dandamatudha. Sanyii ani jalqaba qoradhe ‘Melkasa 1’ jedhama. Inni kun naannawaan riifti vaalii hunda, Affaariifi Somaleettillee hojiirra oolee ture.

Qorannoo kanarratti hojjenneen gara lafa heektara 150 misoomsuun danda’ameera. Isaa booda Malkaasaa 2,3 jechaa hanga torbaatti dhaqeera. Sanyiin Malkaasaa lammaffaan yommuu rooba argatu omisha baay’ee kenna; yommuu roobni dhibummoo isaan kaanirraa omisha gaarii kenna. Boodarra biyyoota lixa Afrikaa jechuunis Keeniyaa, Taanzaaniyaa, Ugaandaafi Itoophiyaa ta’uun dhimma kanarratti hojjetaa turre. Sanyii boqqolloo filatamaa biyyasaaniitti hojjetame fuunee yaalla, isaanillee keenya ni yaalu jechuudha.

Bariisaa: Qonnaan bulaan keenya qorannoowwan ba’an fudhachuurratti maal fakkaata? Kunihoo hojii qonnaarratti danqaa hinta’uu?

Doktar Maandafroo: Rakkoo ni ta’a; garuu nutis akka dhaabbataatti waan qorannoodhaan argame qonnaan bulaa biraan ga’uuf dirqama ni qabna. Qonnaan bulaan keenya barnoota, fedhiifi humna ga’aa waan hinhoranneef nuti isaan deggaruu qabna. Utuu akka biyyoota guddatanii biroo ta’ee isaanumatu “barana maal qabdu” jedhanii gaafatanii sanyiiwwan qorannoon argaman fudhatu. Kana gidduuttimmoo Dhaabbanni Dhiheessaa Sanyii Filatamaa, sanyiiwwan qorannoon argaman fuudhanii qonnaan bulaa biraan ga’uuf ittigaafatamummaadhaan hojjetu. Gama kanaanis jalqabbiin gaarii kan jiru ta’uus hanga hojjetamuu qabu ittiin hojjetameera jechuun rakkisaadha.

Bariisaa: Mee qabatamaadhaan hojii ejensiin keessan hojjetutti haa dhufnuuti, kallattiidhaan hojiin hojjetamu maalii? Qonnaan bulaadhaafoo faayidaa akkamii qaba?

Doktar Maandafroo: Dhaabbanni kun akka ejensiitti erga dhaabatee waggoota 12 ni ta’a. kaayyoon isaa gurguddoon afuri. Inni jalqabaa “qonni keenya akka hinceene yookiin akka hinguddanne maaltu qabe?” kan jedhurratti qorannoo adeemsisa. Kanaafis ogeessoota hojii xiinxalaa hojjetan of jalaa qabna. Hanga yoonaa waraqaa qorannoo gara 300 maxxansiisaniiru. Kanneen keessaa inni ijoon tokko, akka biyyaatti maal qabna? biyyeen keenya kan akkamiti? Kanneen jedhan irratti qorannoon akka biyyaatti hojjetameera.

 Inni kun kan fayyadu qonnaan bulaan keenya xaa’oo yommuu fayyadamu hammam akka isa barbaachisu utuu hinbeekiin calliseedhuma fudhatee deema. Kana jechuun iddoon kuntaala tokko barbaadu jira, kan kuntaala sadii barbaaduus ni jira. Kana utuu adda hinbaasiin fudhata jechuudha.

Gama bishaaninis qabeenyi bishaanii keenya baay’inaan eessa jira? utuu boolla dheeraa hinqotiin dafee eessaa ba’uu danda’a? kanneen jedhanillee qoratamaniiru. Kanaan humna biyya keenyaa beeknee gara omishaatti jijjiiruuf akka dandeenyuuf ejensiin keenya hojjetaa jira.

Kana malees namoonni biyya alaadhaa dhufanii invasti gochuu yoo barbaadan maalirratti yoo bobba’an bu’aqabeessa ta’uu danda’u isa jedhurratti qorannoo ni hojjetu. Gaafa invastarri dhufu rakkoo tokko malee, bakka akkasitti omisha akkasii omishuu dandeessu jennee agarsiisuu dandeenya. Akkasumas bakka jedhametti waan jedhame yoo omishan waggaa meeqa keessatti isa baasan deebisuu akka danda’an isaan beeksifna.

Akkasumas invastarootaafi bakkeewwan hojiin jiru gidduutti hariiroon akka uumamu ni hojjenna. Fakkeenyaaf omisha garbuu biiraarratti kaampaaniiwwan gurguddoon lama Suufleetiifi Moorti Borti kan dhufan hariiroo nuti uumneeni. Hojii kanaaf akka tolutti qonnaan bulaa gurmeessinee kilaastaraan garbuu biiraa omishuun kaampaaniiwwan kanneeniif dhiheessa.

Inni biraan, qonni kilaastaraan akka hojjetamu kan beeksise ejensii keenya. Kun kan fayyadu qonni qotamu hundi dirqama sanyii filatamaafi galteewwan qonnaa walfakkaataa akka fayyadamamuufi. Kunimmoo omishni olaanaa akka argamu taasiseera. Omishni dur maatiif omishamu gabaaf akka omishamu gochuun galii qonnaan bulaa guddataa jira. Dabaluun omishaammoo gara indastiriitti seenuuf akkasumas gabaa aleergii keessa seenuuf fayyada. Suuta dinagdeen biyyattii qonnarraa gara indastiriitti ce’uu danda’a jechuudha.

Kanarraa ka’uun agiroo indastirii afur akka biyyaatti; Oromiyaatti Bulbulaa, Amaaratti Buree, Sidaamaatti Yirgaalamiifi Tigaraayitti Humaraa hundeeffamaniiru. Hojiin keenya qonnaan bulaa kilaastiraan gurmeessinee gara agiroo indastiriitti galchuudha. Fakkeenyaaf Yirgaalamitti qonnaan bulaa gurmeessinee avookaadoo dhiheessinaaf. Avookaadoon sun gara zayitaatti jijjiirame dibataalee garagaraaf oola. Juusiin Joojoo jedhamullee achitti omishama. Haala kanaan qonnaan bulaa gurmeessinee indastirii waliin walitti hiina jechuudha. Kun qabatamaadhaan jireenya qonnaan bulaa keenyaa ni jijjiira; warri qonnarra jirullee gara indastiriitti akka deemaniif karaa banaaf. Guddinni dinagdee biyyattii qonna qofarratti hundaa’es qabatamadhaan ni ce’a.

Bariisaa: Isin erga gara kana dhuftanii maal hojjettan?

Doktar Maandafroo: Asitti karoorawwan gurguddoo jedhaman qabachuun hojiitti kan seenne yoo ta’u hariiroo dhaabbilee gidduu cimsuu, tajaajila qonnaan bulaadhaan gitu kennuufi qorannoowwan garagaraa gaggeessuurratti hojii bal’aa hojjenneerra. Amma hariiroon dhaabbata keenyaaf naannoolee gidduu akkasumas dhaabbilee mootummaafi miti mootummaa gidduutti hariiroo cimaan uumameera.

Inni biraan dhaabbanni kun bajata mootummaan ramaduun kan bulu miti. Kan inni ittiin bulu pirooppoozaala barreessuun dhaabbilee nu gargaaran barbaaduun galii argamsiisuuni. Haala kanaan ergan dhufee gara doolaara miliyoona 200 argamsiisuun sagantaan keenya akka babal’atu taasifneerra.

Bajata argameenis bakkeewwan waajjira hinqabnetti kanneen akka naannawaa horsiisee bulaatti waajjira bananneerra. Kana malees humnaafi dandeettii qonnaan bulaa cimsuurratti, humna namaa guutuurratti hojii bal’aa hojjenneerra. Kana malees “Qonnaafi daldala biyya kanaa maaltu hudhee qabe?” isa jedhurratti qorattoota gara namoota 48 qabnuun qorachiisuun pirooppoozaala qopheessuun furmaatni akka itti kennamu taasisaa jirra. Haala kanaan wantoonni nuti hojjenne kallattiin isaa sirrii ta’us, bakki geenye walakkaarra. Lafa jenne ga’uuf waggoota dabalataa nutti fudhachuu danda’a.

Bariisaa: Ejensiin keessan Ministeera Qonnaa waliin qindoominaan akka hojjetu ni beekama. Gama kanaan sanyii filatamaafi xaa’oo dhiheessuurratti hojiin hojjettan maal fakkaata?

Doktar Maandafroo: Sanyii filatamaa, xaa’oo, keemikaalaafi galteewwan qonnaa hunda dhiheessuurratti ni hojjenna. Sababnisaa ce’umsi qonnarraa gara indastiriitti taasifamu yoo qaama hundaan hojjetame malee qaama tokko qofaan hinmilkaa’u. hariiroo Ministeera Qonnaa wajjiin qabnu ilaalchisee yommuu duraa ejensiin kun ittiwaamamnisaa Waajjira Ministira Muummeef ture. Erga Doktar Abiyyi dhufanii garuu Ministeera Qonnaatti deebi’e. Naannoolee wajjiinis haala gaariin hojjetaa jirra; naannoolee hunda keessaa waajjiroota banannee qabna.

Dhiheessi galteewwan qonnaa waliin walqabatee haala lamaan qindeessinee hojjenna. Inni jalqabaa nuti % 70 gargaarra, % 30 ammoo abbaatu qopheeffata. Kunis dorgommiidhaan taasifama. Kanaan inni mo’ate suuqii guddaa banata. Isaa booda nama barate qacarraaf. Haala kanaa sanyii filatamaa, xaa’oo, keemikaalaafi galteewwan barbaachisan raabsa. Leenjii seektarri qonnaa kennuufis fudhachuun qoricha beeladaalee ni dhiheessa. Kan akkanaa 300 dhaabne. Yoo akkas ta’e lafa mootummaan qaqqabuu hindandeenye qaqqabuuf gargaara. Yoo bara kana sanyii dhiheessinee bara ittaanu dhiheessuu dadhabne, hojichi akka hindhaabanneefis sistama diriirsina.

Inni lammaffaa qonnaan bulaa kilaastaraan ijaarre kaan sanyii filatamaa akka omishan kaan ammoo xaa’oo akka dhiheessan goona. Kanaaf ammoo mankuusaa hanga kuntaala kuma 10 baatu dhaabnaaf. Maashinii barbaachisuufi humna namaallee ni guunnaaf. Abbummaasaa yuniyeeniitti kennina. Yoo buufatanii gatii guddaadhaan gurguran abbootii sheerii waan ta’anif bu’aasaa ni argatu.

Haala kanaan hojjechaa sirna kan hogganuu danda’ummoo qopheessaa deemna. Wiirtuulee qorannoo naannawaa sana jiranis qonnaan bultoota wajjiin walitti fiduun sanyii filatamaa achii fudhatanii akka baay’isaniif haala mijeessineerra. Makaanaayizeeshinii wajjiin walqabatees wiirtuulee 10 dhaabneerra. kunis qonnaan bulaan akka dhuunfaattis ta’e gareedhaan yookiin waldaadhaan tiraaktaraafi kombaayinara qabate haala fayyadamasaa hinbeeku taanaan rakkachuu danda’a. Kanaaf wiirtuu kana keessatti leenjiin ni kennama, suphi meeshaalee ni taasifama, meeshaalee qonnaafi jijjiirraaf fayyadan fidanii gurguruun galii ni argatu.

Bariisaa: Qorannoo taasifamu waliin walqabatee giddugaloonni qorannoo qonnaa, ejensiin keessan, dhaabbileen barnoota olaanoofi dhaabbileen garagaraa qorannoo ni taasisu. Kun akka walirra bu’ee qisaasama hinfidneef akkamiin hojjettu?

Doktar Maandafroo: Dhugaa dubbachuuf rakkoon akkanaa kun guutuutti hiikameera jechuun hindanda’amu. Qorannooleen sadarkaa addaddaa qaama garagaraatiin ni taasifamu. Kanarratti waliigalteedhaan hojjechuu malee akka seeraatti wanti taa’e hinjiru. akka siistamaatti waltajjii itti walagarru tokko qabna. Sun garuu yoo sammuun nama dhorke malee nama hindhorku; sababnisaa seera hinqabu.

Kanarratti waan ta’uu qabu waan qaamni tokko hojjete inni kaana irratti hojjetee yeroo, humnaafi maallaqaasaa utuu hinfixu ta’e gaariidha. Gama kanaan Oromiyaa keessatti gara kilaastaroota torbaa walitti fiduun kaawunsilii hundeessine. Kana jechuun dhaabbilee godina tokko keessa jiran hunda kilaastara kanatu gaggeessa. Dhaabbileen jiranis hawaasaaf tajaajila akka kennan irratti waliigalameera. Kunis seeraafi danbii ittiin bulmaataan dhaabate. Inni kun furmaata xiqqoo ni fida jedheen yaada.

Bariisaa: Akka kaastan ejensiin keessan hojii bal’aa hojjetaa jira; kan is hafus baay’eedha. Bakka yaadame akka ga’amuuf eenyuurraa maaltu eegama?

Doktar Maandafroo: Inni guddaan hojiin hojjetamu hundi akka jennetti ummata akka fayyaduuf hoggansi ogeessa waliin walsimee hojjechuu qaba. Yoo ta’uu baate murtee hogganaa biratti murtaa’e ogeessa bira yoo ga’u ni diigama; yaadni ogeessa biraa dhufus hogganaa bira yoo ga’u ni diigama.

Inni biraan tiraansiformeeshiniin kan nama tokkoo qofa miti. Tiraanisformeeshinii yommuu jennu, daldalli, qonni, bishaaniifi jallisiin, qorannoofi seektaronni jireenya qonnaafi horsiisee bulaa waliin walqabatu hundu qindaa’anii hojjechuu qabu. Fakkeenyaaf nuti qonnaan bulaan haala gaariin omishee bu’aa gaarii akka argatu taasisnee omishi sun haala sirriin deemee bakka yaadame hinga’u taanaan hojiin hojjetame akkanumaan hafa. Kanaafuu seektarri daldalaa gabaa waliin walagarsiisuu qaba. Kun hanga sadarkaa naannoottillee deemuu qaba.

Bariisaa: Dhumarratti akka ergaatti waan dabarsuu barbaaddan yoo qabaattan carraasaa isini kenna.

Doktar Maandafroo: Egaa tiraanisfoormeeshinii biyyoota addaddaa yommuu ilaallu xiyyeeffannaa hoggansaa barbaada. Haala biyya keenyaatti tarsiimoo, imaammanniifi dambiin kana dura qabnu jijjiiramuu qaba. Isa kana hoggansi ariitiidhaan xumuruun jijjiirama guddaa waan fiduuf lafarra utuu harkisuu baatanii dansa.

Qonnaan bulaanis aadaa qonna roobatti hirkachuurraa ba’uun waggaatti ji’a lama sadii qofa hojjetanii isa hafe taa’uu keessaa ba’uu qabu. Galii qonnarraa argatuu ammoo tiraakatara, kombaayinaraafi galteewwan qonnaa omishtummaa dabalan ittiin bite qonnasaa cimsachuun irra jira. Yommuu akkas ta’u ijoolleensaas barachaa deemuun qonni keenya beekumsaan hogganamuufi dorgomaa ta’uu danda’a.

BARIISAA SANBATAA Caamsaa 5 Bara 2015

Recommended For You

778 Comments to “ “Qonni beekumsaan hin hoogganamne gabaa addunyaa mitii biyya keessattuu dorgomuu hindanda’u”– Doktar Maandafroo Nigusee

  1. Pingback: Oren Alexander
  2. buy semaglutide online [url=https://rybelsus.shop/#]semaglutide cost[/url] rybelsus cost

  3. Ozempic without insurance [url=http://ozempic.art/#]ozempic online[/url] buy ozempic pills online

  4. buy semaglutide online [url=http://rybelsus.shop/#]rybelsus coupon[/url] rybelsus pill

  5. ozempic coupon [url=http://ozempic.art/#]ozempic online[/url] buy ozempic pills online

  6. buy rybelsus online [url=https://rybelsus.shop/#]rybelsus price[/url] buy semaglutide pills

  7. rybelsus price [url=https://rybelsus.shop/#]buy rybelsus online[/url] buy rybelsus online

  8. pin-up casino giris [url=http://pinupturkey.pro/#]pin up casino giris[/url] pin up aviator

  9. пин ап вход [url=https://pinupru.site/#]пин ап вход[/url] пин ап казино вход

  10. пин ап вход [url=http://pinupru.site/#]пин ап вход[/url] пин ап казино

  11. пин ап [url=http://pinupru.site/#]пинап казино[/url] пин ап зеркало

  12. semaglutide [url=http://semaglutide.win/#]Buy semaglutide pills[/url] buy semaglutide online

  13. buy stromectol uk [url=http://stromectol.agency/#]stromectol price[/url] Buy Online Ivermectin/Stromectol Now

  14. buy zithromax 500mg online [url=https://zithromax.company/#]generic zithromax[/url] zithromax 500 mg lowest price drugstore online

  15. neurontin tablets 300mg [url=https://gabapentin.auction/#]gabapentin price[/url] neurontin cap

  16. order zithromax without prescription [url=https://zithromax.company/#]generic zithromax[/url] buy generic zithromax online

  17. neurontin brand name [url=https://gabapentin.auction/#]buy gabapentin[/url] neurontin without prescription

  18. zithromax online pharmacy canada [url=http://zithromax.company/#]generic zithromax[/url] zithromax for sale online

  19. stromectol in canada [url=https://stromectol.agency/#]stromectol price[/url] ivermectin

  20. amoxicillin pills 500 mg [url=https://amoxil.llc/#]Amoxicillin For sale[/url] buy amoxil

  21. india online pharmacy [url=https://indianpharmdelivery.com/#]indianpharmacy com[/url] indian pharmacy

  22. mexico drug stores pharmacies [url=http://mexicanpharm24.pro/#]mexican online pharmacies prescription drugs[/url] purple pharmacy mexico price list

  23. india pharmacy mail order [url=http://indianpharmdelivery.com/#]Online medicine home delivery[/url] indian pharmacy online

  24. india online pharmacy [url=https://indianpharmdelivery.com/#]indian pharmacy[/url] india pharmacy

  25. mexican border pharmacies shipping to usa [url=https://mexicanpharm24.pro/#]medication from mexico pharmacy[/url] purple pharmacy mexico price list

  26. online shopping pharmacy india [url=http://indianpharmdelivery.com/#]indian pharmacy online[/url] cheapest online pharmacy india

  27. medicine in mexico pharmacies [url=http://mexicanpharm24.pro/#]mexican border pharmacies shipping to usa[/url] mexican mail order pharmacies

  28. buy Clopidogrel over the counter [url=http://clopidogrel.pro/#]buy Clopidogrel over the counter[/url] buy clopidogrel online

  29. buy plavix [url=https://clopidogrel.pro/#]check clopidogrel pro[/url] buy clopidogrel bisulfate

  30. ivermectin pills canada [url=https://stromectol1st.shop/#]minocycline 100 mg without a doctor[/url] ivermectin eye drops

  31. buy plavix [url=https://clopidogrel.pro/#]clopidogrel pills[/url] buy Clopidogrel over the counter

  32. 1xbet официальный сайт [url=https://1winrussia.online/#]1хставка[/url] 1хбет

  33. mexico pharmacies prescription drugs [url=http://mexicanpharm1st.com/#]mexican pharmaceuticals online[/url] pharmacies in mexico that ship to usa

  34. pharmacy website india [url=https://indianpharm1st.com/#]top 10 online pharmacy in india[/url] best online pharmacy india

  35. pin up zerkalo [url=https://pinupzerkalo.fun/#]pin up zerkalo[/url] пинап казино

  36. пин ап казино [url=https://biznes-fabrika.kz/#]пин ап казино онлайн[/url] пины

  37. sweet bonanza nas?l oynan?r [url=https://sweetbonanzatr.pro/#]sweetbonanzatr.pro[/url] sweet bonanza

  38. indian pharmacy [url=https://indianpharm24.pro/#]India pharmacy delivery[/url] mail order pharmacy india

  39. п»їlegitimate online pharmacies india [url=http://indianpharm24.pro/#]Pharmacies in India that ship to USA[/url] indian pharmacy

  40. indian pharmacies safe [url=https://indianpharm24.pro/#]Order medicine from India to USA[/url] top 10 online pharmacy in india

  41. india pharmacy mail order [url=http://indianpharm24.pro/#]Indian pharmacy worldwide delivery[/url] pharmacy website india

  42. mexico drug stores pharmacies [url=http://mexicanpharm24.cheap/#]Legit online Mexican pharmacy[/url] mexican mail order pharmacies

  43. mexico pharmacies prescription drugs [url=https://mexicanpharm24.cheap/#]mexico pharmacy[/url] medication from mexico pharmacy

  44. buying prescription drugs in mexico [url=https://mexicanpharm24.cheap/#]mexican pharm 24[/url] reputable mexican pharmacies online

  45. top 10 online pharmacy in india [url=http://indianpharm24.pro/#]medicines from India[/url] reputable indian pharmacies

  46. Casino Siteleri [url=https://casinositeleri.win/#]Canl? Casino Siteleri[/url] Deneme Bonusu Veren Siteler

  47. ultrabet yeni giris 1125 [url=https://ultrabet-tr.online/#]ultrabet bonus[/url] ultrabet guncel

  48. ultrabet [url=https://ultrabet-tr.online/#]ultrabet bonus[/url] ultrabet yeni giris 1125

  49. en cok kazand?ran slot oyunlar? [url=https://slot-tr.online/#]en cok kazand?ran slot oyunlar?[/url] slot oyunlar?

  50. deneme bonusu veren siteler mycbet.com [url=http://denemebonusuverensiteler.top/#]deneme bonusu veren siteler betturkey betturkey.com[/url] deneme bonusu veren siteler yerliarama.org

  51. buy kamagra oral jelly Kam Pharm [url=https://kampharm.shop/#]Kamagra Kam Pharm[/url] buy kamagra oral jelly Kam Pharm

  52. furosemide furpharm.com [url=http://furpharm.com/#]cheapest lasix[/url] buy lasix fur pharm

  53. Buy gabapentin for humans [url=http://gabapharm.com/#]GabaPharm Gabapentin[/url] buy gabapentin online

  54. best ed pill ere pharm [url=https://erepharm.com/#]best ed pills online[/url] ED meds online

  55. Buy gabapentin for humans [url=https://gabapharm.com/#]buy Gabapentin GabaPharm[/url] buy gabapentin

  56. india pharmacy [url=https://indianpharmacyeasy.com/#]Best online Indian pharmacy[/url] india pharmacy

  57. medication from mexico pharmacy [url=http://mexicanpharmgate.com/#]mexico pharmacy[/url] buying prescription drugs in mexico

  58. where can i get amoxicillin [url=https://amoxilcompharm.com/#]cheap amoxil[/url] amoxil generic

  59. where to get amoxicillin over the counter [url=https://amoxilcompharm.com/#]cheap amoxil[/url] where can you buy amoxicillin over the counter

  60. can i get generic clomid no prescription [url=http://clomidrexpharm.com/#]clomid[/url] how can i get clomid without insurance

  61. amoxicillin order online no prescription [url=http://amoxilcompharm.com/#]Com Pharm[/url] amoxicillin 750 mg price

  62. Pingback: cam girls
  63. buy cytotec pills [url=https://cytpremium.com/#]buy cytotec cytpremium[/url] buy cytotec over the counter

  64. пинап казино [url=http://pinup-kazi.ru/#]пин ап казино[/url] пинап казино

  65. pin up казино [url=http://pinup-kazi.kz/#]пин ап казино онлайн[/url] пин ап казино

  66. online pharmacy india [url=http://indianpharmstar.com/#]IndianPharmStar[/url] world pharmacy india

  67. buying prescription drugs in mexico online [url=http://mexicanpharmeasy.com/#]Pharm Easy[/url] mexican rx online

  68. best india pharmacy [url=https://indianpharmstar.com/#]indian pharm star[/url] indian pharmacy online

  69. best online pharmacies in mexico [url=https://mexicanpharmeasy.com/#]mexican pharmacy[/url] mexican online pharmacies prescription drugs

  70. Ivermectin Pharm Store [url=https://ivermectinpharm.store/#]Ivermectin Pharm Store[/url] Ivermectin Pharm

  71. how can i get generic clomid price [url=https://clomid.store/#]can i buy clomid prices[/url] buy generic clomid

  72. http://cytotec.top/# buy cytotec over the counter
    buying cheap clomid no prescription [url=http://clomid.store/#]generic clomid pill[/url] where to get cheap clomid without dr prescription

  73. cipro ciprofloxacin [url=https://ciprofloxacin.cheap/#]cipro online no prescription in the usa[/url] buy cipro online

  74. buy cytotec pills online cheap [url=https://cytotec.top/#]buy cytotec in usa[/url] cytotec abortion pill

  75. buy ciprofloxacin over the counter [url=http://ciprofloxacin.cheap/#]where can i buy cipro online[/url] buy ciprofloxacin

  76. https://cytotec.top/# п»їcytotec pills online
    can i get generic clomid without a prescription [url=https://clomid.store/#]where to get clomid without dr prescription[/url] how to buy clomid without a prescription

  77. semaglutide tablets store [url=https://semaglutidetablets.store/#]rybelsus semaglutide tablets[/url] buy semaglutide

  78. slot oyunlar? [url=https://slottr.top/#]en cok kazand?ran slot oyunlar?[/url] slot oyunlar? puf noktalar?

  79. bonus veren site [url=https://casinositeleri2025.pro/#]en Г§ok kazandД±ran casino sitesi[/url] betganyon

  80. 2025 bahis siteleri deneme bonusu [url=https://casinositeleri2025.pro/#]slot oyunlarД±[/url] lisanslД± bahis sitesi

  81. pinup2025.com [url=https://pinup2025.com/#]пин ап казино[/url] пин ап казино зеркало

  82. slot oyunlar? puf noktalar? [url=http://slottr.top/#]en kazancl? slot oyunlar?[/url] en kazancl? slot oyunlar?

  83. slot tr online [url=https://slottr.top/#]az parayla cok kazandiran slot oyunlar?[/url] az parayla cok kazandiran slot oyunlar?

  84. en cok kazand?ran slot oyunlar? [url=https://slottr.top/#]az parayla cok kazandiran slot oyunlar?[/url] en cok kazand?ran slot oyunlar?

  85. cheapest online pharmacy india [url=http://indiapharmi.com/#]Online medicine home delivery[/url] indian pharmacy paypal

  86. mexican rx online [url=https://mexicanpharmi.com/#]Mexican pharmacy ship to usa[/url] mexico drug stores pharmacies

  87. mens erection pills [url=https://canadianpharmi.com/#]canadian pharmacy[/url] best price for generic viagra on the internet

  88. cheapest online pharmacy india [url=https://indiapharmi.com/#]Indian online pharmacy ship to USA[/url] india online pharmacy

  89. best online pharmacies in mexico [url=https://mexicanpharmi.com/#]Best online Mexican pharmacy[/url] pharmacies in mexico that ship to usa

  90. medication from mexico pharmacy [url=http://mexicanpharmi.com/#]mexicanpharmi[/url] mexican rx online

  91. prednisone without prescription medication [url=https://prednibest.com/#]Predni Best[/url] order prednisone online no prescription

  92. where to buy amoxicillin 500mg without prescription [url=http://amoxstar.com/#]amoxicillin medicine over the counter[/url] amoxicillin 250 mg

  93. where to buy prednisone in canada [url=https://prednibest.com/#]PredniBest[/url] buying prednisone mexico

  94. can i order generic clomid without insurance [url=http://clomidonpharm.com/#]clomid on pharm[/url] where can i buy cheap clomid without rx

  95. ciprofloxacin generic price [url=http://cipharmdelivery.com/#]CiPharmDelivery[/url] cipro pharmacy

  96. can i order prednisone [url=http://prednibest.com/#]50 mg prednisone from canada[/url] prednisone 30 mg daily

  97. cipro online no prescription in the usa [url=https://cipharmdelivery.com/#]purchase cipro[/url] buy cipro without rx

  98. can you buy amoxicillin uk [url=https://amoxstar.com/#]AmoxStar[/url] amoxicillin 500 mg tablet price

  99. prednisone 80 mg daily [url=https://prednibest.com/#]online prednisone 5mg[/url] prednisone pills 10 mg

  100. prednisone 5 tablets [url=http://prednibest.com/#]PredniBest[/url] prednisone 30 mg coupon

  101. cheap clomid now [url=https://clomidonpharm.com/#]clomidonpharm[/url] buy cheap clomid prices

  102. пин ап казино [url=https://gramster.ru/#]gramster[/url] пин ап зеркало

  103. пин ап казино зеркало [url=http://gramster.ru/#]gramster.ru[/url] pinup 2025

  104. пин ап казино зеркало [url=https://gramster.ru/#]gramster[/url] пин ап зеркало

  105. mail order pharmacy india [url=http://indianpharmacy.win/#]buy prescription drugs from india[/url] indian pharmacy

  106. indian pharmacy paypal [url=https://indianpharmacy.win/#]cheapest online pharmacy india[/url] mail order pharmacy india

  107. canada drugs online review [url=http://canadianpharmacy.win/#]canadian pharmacy drugs online[/url] canada pharmacy

  108. mexican mail order pharmacies [url=https://mexicanpharmacy.store/#]mexico drug stores pharmacies[/url] purple pharmacy mexico price list

  109. best canadian online pharmacy [url=http://canadianpharmacy.win/#]best canadian online pharmacy[/url] precription drugs from canada

  110. mail order pharmacy india [url=http://indianpharmacy.win/#]reputable indian pharmacies[/url] online shopping pharmacy india

  111. top online pharmacy india [url=https://indianpharmacy.win/#]best online pharmacy india[/url] Online medicine order

  112. Buy Cialis online [url=https://maxpillsformen.com/#]buy cialis online[/url] Buy Tadalafil 10mg

  113. buy erectile dysfunction treatment [url=https://fastpillseasy.com/#]erectile dysfunction pills for sale[/url] pills for erectile dysfunction online

  114. how to get ed meds online [url=https://fastpillseasy.com/#]fast pills easy[/url] best ed meds online

  115. ed meds cheap [url=http://fastpillseasy.com/#]fast pills easy[/url] online erectile dysfunction

  116. Tadalafil price [url=http://maxpillsformen.com/#]Generic Cialis without a doctor prescription[/url] Cialis without a doctor prescription

  117. Cheap Cialis [url=https://maxpillsformen.com/#]Max Pills For Men[/url] Cialis 20mg price in USA

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *