Madaala uumamaa eeguu: Dinagdee cimaa ijaaruuf

Saamraawiit Girmaatiin

Oromoon biqiltootaaf iddoo guddaa qaba. Sirna Gadaa keessattillee mukni sababa malee hinmuramu, yoo muramees bakka buufamee dhaabama. Kabaja Oromoon biqiltootaaf qaburraa kan ka’e yommuu eebbisu, dhibaafatu, mari’atu, araarfatu, ergaa dabarsuufi taateewwan garagaraa gaggeeffatu biqiltootaa akaakuu garagaraan waa’eelchameetu.

Eebbaaf marga jiidhaa qabatee, araaraafi gumiif Odaa jala taa’ee, margarra lafa taa’ee dhimmasaa raawwatata. Mukkeen kabajamoo kanneen akka laaftoo, ejersa, waleensuufi kanneen biroorraa ammoo Kallachi, Bokkuufi Siinqeen kan qophaa’uufis kanumaafi.

Ta’us adeemsa keessaa aadaa sirna gadaa dagatamaafi sababa gargaraatiin baay’inni namaa dabalaa deemuusaatiin mukeen ciruun hojii guyyuu namootaa ta’e. mukeen ciruun jiruu guyyaaf yoo oolchatu garuu kan biraa bakka buusuun miti. Akkanumaan maal na dhibdeedhaan ciree biraa deema. Kunimmoo roobni akka baduuf sababa duraa ta’uusaatiin biyyii gogiinsa hamaaf saaxilamuuf dirqamteetti.

Rakkoon naannoorra darbee biyyaaf darbees addunyaaf yaaddoo ta’e kun akka jijjiiramuufis biyyoonni karooraafi sagantaa garagaraa qopheeffatanii hojjechuu eegalaniiru. Itoophiyaanis keessumaa waggoottan arfan darban sagantaa Ashaaraa Magariisaa Ministirri Muummee Itoophiyaa Abiyyi Ahimad (PhD) jalqabsiisaniin biqiltuuwwan biliyoona 4.5 ol dhaabdeetti. Bara kanas biqiltuu biliyoona ja’aa ol dhaabuuf karoorri qabameera. Kanaafis sadarkaa gandaarraa kaasee hanga fedheraalaatti qophiin barbaachisu taasifamaa jira.

Dhimma kana ilaalchisuun Pirezdaantiin Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaa yaada fuula feesbuukiisaaniratti barreessaniin akka jedhanitti, madaala uumamaa eeguun hojmanee dhalootni tokko qofti raawwatu qofa osoo hintaane, irbuu barootaaf dhaloonni walharkaa fuudhaa itti fufsiisuudha. Uumamni mata isheetiin madaala bu’uraa eegdee kan tolfamte yoo taatees, ilmi namaa abbummaafi olaantummaa uumama biroorratti qabu shaakaluuf, sirreessuuf ykn akka isaaf taatuutti mijeessuuf tarkaanfiin garagaraa inni taasisu madaala uumamaa irratti dhiibbaa geessisuun waan hafu miti.

“Qabeenyi Uumamaa har’a nuti itti fayyadamnu kan dhalootni dheengaddaafi kaleessaa sirnaan itti fayyadamanii nuuf dabarsan, nutis sirnaan itti fayyadamnee dhaloota itti aanuuf dabarsuu qabnu malee, qabeenya dhaloota tokkoo qofa miti. addatti dhaloonni qabeenya uumamaa mataa isaa qabatee gara addunyaa kanaa dhufe hinjiru, gara fuulduraas hinjiraatu. Kanaaf akkuma dhaloonni kaleessa sirnaan dhimma itti bahanii nutti laatan, nutis kunuunsineefi eegnee, hanga dandeenye misoomsinee dhaloota itti aanuuf dabarsuuf dirqama qabna. madaalli uumamaas yoo kuni ta’e qofa eegama” jedhu.

Qabeenyi Uumamaa dhalootaa dhaloota gidduutti gita sirriin eegamee yoo daddarbe qofa madaalli uumamaa akka eegamu himanii, galma dinagdee cimaa ijaaruun hiyyummaa seenaa goona jedhamu qabatamaan seenaa gochuu qofa osoo hintaane, wal harkaa fuudhiinsa dhalootaatiin gadii fageessinii awwaaluun kan danda’amu kanumaani jedhu.

Biyyoonni dinagdee gurguddaa ijaaran hedduun faalama qilleensaa diinagdeen isaanii uume too’achuu dadhabanii yaaddoo keessa jiraachuu kaasanii, biyyattiinis wayita dinagdee guddisuuf karoorfattu karoora tarsiimoofi sagantaa dinagdee magariisaa kan deeggaruufi kan wal simatu ta’ee hojjetamaa jiraachuu himu. Gama kanaan qabeenya uumamaa dhaloonni kaleessaa eeganii dabarsan dhaloonni ammaa caalaatti kunuunsuufi misoomsuun dhaloota ittaanuuf dabarsuuf dirqama dachaa akka qabu hubachuun Sagantaan Ashaaraa Magariisaatiin kaayyoo qabame milkeessuuf hojjetamaa jiraachuu himu.

Akka Obbo Shimallis jedhanitti, biqiloonni Sagantaa Ashaaraa Magariisaan waggoottan darbaniif akka naannoo Oromiyaatti dhaabaman faayidaa jijjiirama qilleensaa qofaaf yaadamani kan dhaabaman hinturre. Kuduraafi Muduraa nyaataaf oolanifi gabaaf yoo dhihaatan madda galii hawaasa ta’an hedduunis dhaabamaniiru. Biqiloonni kunneen ammatti dinagdee biyyaa jajjabeessaa kan jiran yoo ta’u, itti fufiinsaan immoo kaayyoo guddaa jalqabaa; madaala uumamaa eeguuf gargaaru. Biqiltuuwwan Sagantaa Ashaaraa Magariisaan dhaabaman jijjirama qilleensaa qolachuun madaalli Uumamaa naannoo Oromiyaafi biyya keenyaa akka eegamu taasisu.

 BARIISAA SANBATAA Caamsaa 5 Bara 2015

Recommended For You

3 Comments to “Madaala uumamaa eeguu: Dinagdee cimaa ijaaruuf”

  1. Pingback: remisolleke

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *