Itoophiyaan nageenyas haa omishtu

 Itoophiyaan biyya qabeenya uumamaafi humna namaan badhaate taatus sababoota garagaraan qabeenyashee kanatti fayyadamuu hindandeenye. Fayyadamuu dhiisuu qofa osoo hintaane ilmaanshee sooruu dadhabdee sharafa alaa olaanaatiin omishaalee galchuuf dirqamteetti.

Rakkoon waan hiikamu hinfakkaanne kun garuu bara aangoo Ministira Muummee Itoophiyaa Abiyyi Ahimad (PhD) furmaata argachuu jalqabe. Doktar Abiyyi dhimmi kun isaaniif liqimfamuu waan hindandeenyeef karooraafi tarsiimoo qopheessuun waggaa lama dura sosochii “Itoophiyaan haa omishtu” jedhu akka jalqabamu taasisan.

Sosochii kanaan bu’aaleen jajjabeessoon kan galmaa’an yoo ta’u, biyyattiin omisha qamadii alaa galchuu dhaabuun fedhii gabaa biyya keessaa guutaa, biyya alaattis erguu eegalteetti. Jalqabbii kanas omishaalee kaanitti babal’isuuf hojii bal’aan raawwatamaa jira.

Kana malees damee maanufaakchariingiitiin bu’aan argamaa jiru hamilee kan namatti horudha. Indastiriiwwan humna qabaniin omishawwan garagaraa omishuun gabaa biyya keessaafi alaaf dhiheessuurratti argamu. Kanas hojii beeksisuu yeroo addaddaa hojjatameen lammiileen biyyattiillee omisha biyyasaaniitti boonuun filatanii bitachuu eegalaniiru.

Sosochiin eegalame kun waggaa lama kan lakkoofsise yoo ta’u, kana ilaalchisuunis ‘Ekispoon Itoophiyaan Haa Omishtu’ jedhu galma Barkumeetti adeemsifamaa jira. ‘Ekispoon’ kun ji’a tokkoof kan turu yoo ta’u, Doktar Abiyyi baniinsasaarratti argamaniiru.

Isaanis “Itoophiyaan omishuu ni dandeessi, tokkummaafi misooma maallaqa yoo godhanne. Lafa, bishaan, humna namaa ga’aa, inarjii omisha deggaruu danda’u, dhiheessii faayinaansii fooyya’aafi haala mijataa omishuuf dandeesisu qabna. Kanaaf damee hundaan omishnee misoomaafi guddina mirkaneessuu dandeenya” jedhu.

Hunda caalaammoo nageenya omishuun yoo danda’ame malee, Itoophiyaa badhaate uumuun akka hindanda’amne eeranii, kanaaf namni hundi bakka jiruutti nageenya omishuun fuulduree biyyattii akka mirkaneessu gaafatu.

Kanaaf hunduu bakka jiruutti nageenyi omishuufi akka omishamu gargaaruun ittigaafatamummaasaa ba’achuun Itoophiyaa waa hundaan badhaate, lammileesheef mijatte uumuuf tattaafachuun dirqama.

Osoo nageenya hin omishin hojiin hojjetamu kamuu bu’a qabeessa ta’uu waan hindandeenyeef nageenyaaf xiyyeeffannaan kennamuu qaba. Mootummaanis nageenyi akka omishamuufi inni omishames kunuunfamee akka turuuf hojjechuu qaba.

 BARIISAA SANBATAA Caamsaa 5 Bara 2015

Recommended For You

30 Comments to “Itoophiyaan nageenyas haa omishtu”

  1. Pingback: Betnew Casino
  2. Pingback: free tokens
  3. ) Znovu ho navštívím, protože jsem si ho poznamenal. Peníze a svoboda je nejlepší způsob, jak se změnit, ať jste bohatí a

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *