Gareen Kubbaa Miilaa Magaalaa Shaashamannee taphootni afur osoo isa hafuu Piriimerliigii Betkiingii Itoophiyaatti guddachuusaa mirkaneeffate

Finfinnee: Dorgommiiwwan bara kana liigii olaanaa Itoophiyaa keessatti taasifamaa turaniin injifannoo walitti aanuufi ga’uumsa cimaa agarsiisaa kan ture gareen kubbaa miilaa Bulchiinsa Magaalaa Shaashamannee, hanga torbee darbeetti osoo liigicha dursaa jiruu injifatamuu garee isa hordofaa ture garee kubbaa miilaa Bulchiinsa Magaalaa Finfinnee hordofuudhaan seenaa haaraa dalage.

Dorgommii liigii olaanaa Itoophiyaa xumuramuuf taphootni afur kan hafan ta’us, injifatamuu garee kubbaa miilaa Bulchiinsa Magaalaa Finfinneetiin gareen kubbaa miilaa Bulchiinsa Magaalaa Shaashamannee gamanumaan gara Pirimerliigii Betkiingii Itoophiyaatti guddachuusaa mirkaneeffateera.

Garee kubbaa miilaa Bulchiinsa Magaalaa Shaashamanneetiif Pirimerliigii Itoophiyaa keessatti hirmaachuun isa jalqabaa ta’uu baatus, Piriimerligii keessaa erga gadi bu’ee waggoota 16 lakkofsiiseera.

Hojii cimaafi qindoomina qabuun yerorraa yerootti hojjachaafi of fooyyeessaa kan ture kilabichi, qabxii tibbana galmeesseen turtii waggoota 16 booda gara Pirimeerligii Beetkiingii Itoophiyaatti deebi’uudhaan dorgommii bara 2016 irratti kan hirmaatu ta’uu mirkaneeffateera.

Gara pirimerligiitti guddachuun garee kubbaa miilaa Bulchiinsa Magaalaa Shaashamannee hirmaannaa gareewwan Oromiyaa liigicha keessatti qaban akka dabalu taasisuu keessattis shoora olaanaa kan qabuudha.

Taphattoonni, leenjistootni, hoggantootni damichaafi deggartootni kilabichaa immoo gara Pirimerligiitti guddachuu kilabichaa keessatti warreen qooda olaanoo bahatan ta’uusaaniitiin qaamota garaa garaatiin galateeffamaa jiru.

Bayyanaa Ibraahimiin

BARIISAA SANBATAA Ebla 28 Bara 2015

Recommended For You

4 Comments to “ Gareen Kubbaa Miilaa Magaalaa Shaashamannee taphootni afur osoo isa hafuu Piriimerliigii Betkiingii Itoophiyaatti guddachuusaa mirkaneeffate”

  1. Pingback: bangkok tattoo

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *