Itoophiyaan Shaampiyoonaa Atileetiksii Afrikaa umurii 18fi 20 gadii Zaambiyaatti medaaliyaawwan 23 argatte

Itoophiyaan Shaampiyoonaa Atileetiksii Afrikaa umurii 18fi 20 gadii Ebla 21-25 bara 2015tti Zaambiyaa, Magaalaa Nidoolaatti adeemsifamaa turetti medaaliyaa warqii ja’a, meetii 11fi nahaasa ja’a waliigalatti medaaliyaawwan 23fi dippiloomaa 13 argachuun xumurteetti.

Dorgommii meetira kuma shanii shamarran umurii 20 gadii gidduutti adeemsifameen Atileet Wubristi Aschaalaa, Ayinaddis Mabiraateefi Asmaarech Annillay walduraa duubaan sadarkaa tokkoffaa hanga sadaffaatti ba’aniiru.

Dorgommii fiigicha meetira kuma sadii shamarran umurii 20 gadiitiin Atileet Asmaarech Annillay, Yaneewaa Nibiratiifi Ayinaaddis Mabiraatuu walduraa duubaan sadarkaa tokkoffaa hanga sadaffaatti ba’aniiru.

Dorgommii tarkaanfii meetira kuma 10 dhiirota umrii 20 gadii gidduutti adeemsifameen Atileet Misgaanaa Waaqumaa tokkoffaa yoo ba’u, dorgommii tarkaanfii meetira kuma shanii shamarran umurii 18 gadi gidduutti adeemsifameen ammoo Atileet Abbabuu Ayyaalaw lammaffaa baateetti.

Fiigicha meetira kuma tokkoofi 500 shamarran umurii 20 gadii gidduutti adeemsifameen Atileet Wubristi Aschaalaa, Saamiraawit Mulugeetaafi Mixxin Iwunatee walduraa duubaan sadarkaa tokkoffaa hanga sadaffaatti bahaniiru. Fiigicha walfakkaatu shamarran umurii 18 gad gidduutti adeemsifameen ammoo Atileet Asallaf Amaaree sadaffaa baateetti.

Fiigicha gufachiisaa meetira kuma lamaa shamarran umurii 18 gadii gidduutti adeemsifameen Alamnaat Waaleefi Ferehiwat Laggasaa tokkoffaafi lammaffaa ba’aniiru. Fiigicha gufachiisaa meetira kuma sadii shamarran umurii 20 gad gidduutti adeemsifameen Atileet Alamnaat Waaleefi Firahiwat Gassasaa walduraa duubaan tokkoffaafi lammaffaa yoo bahan, dorgommii fageenya walfakkaataa shamarran umurii 18 gadii gidduutti adeemsifameen ammoo Atileet Maartaa Alamaayyoo lammaffaa baateetti.

Fiigicha gufachiisaa meetira kuma sadii dhiirora umurii 18 gad gidduutti adeemsifameen Atileet Sawumahon Antanah tokkoffaa yoo bahu, fiigicha fageenya walfakkaataa dhiirota umurii 18 gad gidduutti adeemsifameen ammoo Atileet Yaayyee Amsaaluu lammaffaa ba’eera. Fiigicha gufachiisaa meetira kuma lamaa dhiirota umurii 18 gad gidduutti adeemsifameen ammoo Atileet Obsaa Fayyisaa sadaffaa ba’eera.

Dorgommii fiigicha meetira kuma shanii dhiirota umurii 20 gadii gidduutti adeemsifameen Atileet Zannabaa Ayyalaa lammaffaa, dorgommii fiigicha meetira kuma tokkoofi 500 dhiirota umurii 20 gadii gidduutti adeemsifameen Atileet Ashannaafii Imaanaa lammaffaa ba’eera.

Dorgommii meetira 800 dhiirota umurii 18 gadii gidduutti adeemsifameen Atileet Saamu’eel Buchee lammaffaa yoo ba’u, dorgommii fiigicha walfakkaataa shamarran umurii 20 gidduutti adeemsifameen ammoo Atileet Mixxin Iwunatee lammaffaa baateetti.

Jilli Atileetiksii Itoophiyaa shaampiyoonicharratti hirmaachaa ture kaleessa gara biyyaatti kan deebi’e yoo ta’u, guyyaa har’aa ammoo garechaaf beekmatiin kan kennamu ta’uu Federeeshiniin Atileetiksii Itoophiyaa beeksiseera.

Natsaannat Taaddasaatiin

BARIISAA SANBATAA Ebla 28 Bara 2015

Recommended For You

4 Comments to “ Itoophiyaan Shaampiyoonaa Atileetiksii Afrikaa umurii 18fi 20 gadii Zaambiyaatti medaaliyaawwan 23 argatte”

  1. Pingback: dultogel promo

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *