“Omishni muuzii daandii ittiin gara invastimantiitti ce’aniidha” -Dargaggoo Miftaa Abbaa Moggaa

Dargaggoo Miftaa Abbaa Moggaa magaalaa Jimmaa kan jiraatu yoo ta’u, bara 2012 waldaadhaan gurmaa’ee omisha muuzii filatamaa Ejensiin Tiraanisfoormeeshinii Qonnaa Itoophiyaa dhiyeesseef irratti hirmaachaa jira. Omishni muuzii kun Godina Jimmaa, Aanaa Qarsaa, Ganda Bursaa Bachaaneetti kan argamu ta’uu dubbata.

Waldaa Miftaafi Firdoosee jedhamuun gurmaa’ee hojii omishaafi daldala muuziirratti hirmaachaa kan jiru Miftaan, Waldichi miseensota dhiiraa lamaafi durbaa lamaan waliigalatti miseensota afuriin kan hundaa’e ta’uu dubbata gaafdeebii dheengadda Gaazexaa Bariisaa waliin taasiseen.

Waldichi waldaalee torba Ejensiin Tiraanisfoormeeshinii Qonnaa Itoophiyaatiin hundaa’e keessaa isa tokko ta’uu eeree, ejensichi waldaaleen lafa heektaara 56 irratti muuzii filatamaa kilaastaraan akka omishan taasiseera.

Dura Taa’aa Waldaa Miftaafi Fidoosee kan ta’e Dargaggoo Miftaan akka jedhutti, Namni tokko du’aadha, namni lama jiraadha, namni sadii fayyaadha” jedha Oromoon. Yoo waltaanee malee milkaa’uu hindandeenyu. Hojii qonnaa waltaanee kilaastaraan omishuun faayidaa guddaa qaba. Waliin hojjechuun milkaa’ina waloo fida.

Muuzii filatamaa Ejensiin Tiraanisfoormeeshinii Qonnaa Itoophiyaan dhiyaateef lafa heektaara tokkorratti omishee kunuunsaafi gurguree irraa fayyadamaa jiraachuu eeree, omisha muuzii kana xaa’oofi koompoostii ejensichi dhiyeesseefi kan uumamaa fayyadamuun kunuunsaa jira. Omisha muuzii kanatti akka milkaa’uuf deggarsi ogeessonni qonnaafi Ejensiin Tiraanisfoormeeshinii Qonna Itoophiyaa isaaf taasisan olaanaa ta’uu dubbata.

Omisha muuzii waldichaa kan daawwatan Ittigaafatamaan Waajjira Carraa Hojii Uumuufi Ogummaa Godina Jimmaa duraanii Obbo Habtaamuu Kaasaa Giddugaleessa Gabaa Magaalaa Jimmaatti akkan argadhuuf haala isaaf mijeessuu kaasee yeroo ammaa Magaalaa Jimmaatti mankuuusaafi iddoo gurgurtaa muuzii argatee omishaafi daldala muuziirratti bobba’een hojjechaa jiraachuu dubbata.

Lafa bal’aa omisha muuzii filatamaa kana irratti babal’isu waan hinqabneef biqilaa muuzii jalaa ba’u lafatti ciree balleessaa jiraachuu kan himu Miftaan, utuu lafa bal’aa qabaatee biqilaa muuzii lafatti ciraa buqqisee dhaabuun omishaafi omishtummaa muuzii guddisuufi gatii gabaa muuzii tasgabbeessuuf kan hojjetu ta’uu hima.

Biqilaan muuzii filatamaan kun omisha guddaa kan kennuufi yeroo gabaabaa keessatti kan ga’u ta’uu himee, biqilaan muuzii inni waggaa har’aa dhaabe yeroo ammaa daraaree firii kennuu jalqabeera. Garaagarummaan omisha sanyii muuzii filatamaafi kan duraan naannawichatti omishamu gidduu jiru guddaa ta’uu kaasee, duraan qonnarratti hubannoo gahaa waan hinqabneef muuzii dallaa jala dhaabuun utuu hinkunuunsin omishuma muuziin sun kennu qofa argachaa turuu hima. Biqilaa muuziis jalaa waan hincirreef walitti gobbatee waan guddatuuf omisha gadaanaa irraa argachaa turuu yaadata.

“Muuzii sanyii filatamaa akka ogeessonni qonnaa nu gorsanitti walirraa fageessinee dhaabuun kunuunsuu erga jalqabnee garuu omisha guddaa argachaa jirra. Xaa’oo biqilaa muuzii kanaaf barbaachisus yeroo yeroon itti dabalaa, kunuunsaafi ilmaansaa jalaa ciraa jirra. Ilmaan muuzii jalaa ciruu baannaan walitti gobbatee waan guddatuuf omisha gahaa hinkennu. Biqilaan muuzii jala jalaa gahaa waan deemuuf waggaa guutuu utuu walirraa hinkutin omisha kenna. Biqilaa muuzii jalaan ka’u hunda jalatti hambisuun garuu omisha muuziirra argamu ni guddisa.

Omisha muuzii sanyii filatamaa mataa tokkorraa muuzii kiilo giraamii 40 hanga 50tti argachaa jiraachuu kan himu Miftaan, jiimlaadhaan muuzii kiiloo tokko ammoo qarshii 22 hanga 25tti gurguraa jiraachuu hima. Giddugaleessaan muuzii mataa tokko qarshii 700 olitti gurgurachaa jiraachuu dubbata.

“Ani yeroo ammaa omisha muuzii caalaa daldala muuziirratti hirmaadheen hojjechaa jira. Omisha muuzii kanas gara naannoo Sabootaafi Sablammoota Kibbaa deemee geejjibaaf hanga qarshii kuma 23 baaseen fidaa jira. Utuu omishni muuzii Godina Jimmmaatti babal’atee garuu baasii ani geejjibaaf baasus ni xiqqaata” jedha.

Hojii kanatti akka milkaa’uuf deggarsi ogeessonni qonnaa isaaf taasisan olaanaa ta’uu himee, duraan avokaadoo, bunaafi muuzii walkeessa waan dhaabaa tureef omisha xiqqaa argachaa turuu dubbata. Ogeessonni qonnaa lafuman omishawwan adda baasee kilaastaraan akka dhaabuufi kunuunsinu erga isa taasisanii booda garuu omisha gaariin argachaa jiraachuu hima. Yeroo ammaa hojii qonnaa kana karooraan hojjechaa jiraachuufi qarshii xiqqaa baasee galii guddaa argachaa jiraachuu ibsa.

Akka Dargaggoo Miftaan jedhutti, omisha muuziisaa guyyaa guyyaadhaan to’achaafi hordofaa jira. Muuziin kallattii aduun batuufi lixxuun mataa waan hinbuufanneef ‘firii hingodhanneef’ biqilaa jalaan ba’u kallattii aduun baatuufi lixxuun qofa hambisuu akka barbaachisu ogeessonni qonnaa itti himaniiru; Kanas omisha muuziisaarratti mirkaneeffatee hojjechaa jira. Muuzii tooraan dhaabuunis bishaan haala salphaan akka obaasuufi dhukkubni muuzii tokkorraa gara biraatti akka hinbabal’anneef isa gargaareera. Akkaataa gorsa ogeessota qonnaatti hojjechuunsaa qabatamaan fayyadamaa isa taasiseera. Omisha qonnaa kilaastaraan hojjechuun faayidaa akka qabu kaasee, qonnaan bulaan yeroo jalqaba mootummaan biqilaa muuzii omisha gaarii kennu isaaniif dhiheessu qonnaan bulaan itti gammadaa akka hinturreefi amma erga bu’aasaa argee garuu fedhiifi kaka’umsa guddaadhaan hojjechaa jiraachuu hima.

Yeroo ammaa omishaafi daldala muuziin dargaggoota 15f carraa hojii dhaabbii kan uume dargaggoon kun, daldala muuziitiinis konkolaataan muuzii fe’ee fidu, dargaggoonnii muuzii sana fe’aniifi buusan carraa hojii argachuu kaasa. Omishni muuzii faayidaa guddaa waan qabuuf Godina Jimmaatti babal’isuun ammayyuu hojii xiyyeeffannaa cimaa barbaaduudha jedha.

Biqilaan muuzii jalaan ilmaan baasaa waan deemuuf waggaa guutuu omisha kenna. Biqilaan muuzii tokko waggaafi ji’a shanitti mataan ykn firiinsaa irraa murama. Godinni Jimmaa lafa omisha muuziif oolu bal’aa waan qabuuf qonnaan bultoonnis hojiicharratti bal’inaan akka hirmaatan gaafateera.

Muuzii ergan omishuu jalqabee jireenyi koo baay’ee jijjiirameera kan jedhu Miftaan, yeroo biqilaa muuzii 600 fudhee hojii omisha hojicha jalqabu dabtara herrega baankii tokkoyyuu kan hinqabne turuu yaadata. Amma garuu herrega qusannaa banatee qarshii argadhu irratti qusachaafi sirnaan sochoosaa jiraachuu hima. Hojiin omishaafi daldala muuzii kun jiruufi jireenyasaafi kan maatiisaarratti jijiirama guddaa fiduufi gara fuulduraatti ammoo qarshii qusateen kaartaa lafa qonnaasaa qabsiisee konkolaataa bituuf karoora qabaachuu dubbata.

“Dur hojiin qonnaas ta’e qonnaan bulaan baay’ee tuffatamaadha. Yeroo ammaa garuu hojiin qonnaas ta’e qonnaan bulaan kabajamaa jira. Dameen hojii kun hojii carraa hojii bal’aa uumu, bu’aa guddaa argamsiisuufi hojii nama kabachiisu ta’eera. Qonni hojii damma omishuu, lukkuu omishuu, horii horsiisuufi furdisuu, aannan omishuu, qurxummii horsiisuu, fuduraafi kuduraa omishuu of keessatti qabata. Dur garuu hojiin qonnaa boqqolloofi bisingaa omishuu qofaan kan beekamu ture” jedha. Yeroo ammaa hojiin qonnaa harki caalu bifa ammayyaa’aan adeemsifamaa waan jiruuf omishaafi omishtummaa qonnaarraa bu’aa gaariin argamaa jiraachuu kan himu dargaggoo Miftaan, omishawwan qonnaa keenyas baay’inaan gara biyya alaatti ergamuun doolaara argamsiisaa jiraachuu hima.

Natsaannat Taaddasaatiin

BARIISAA SANBATAA Ebla 28 Bara 2015

Recommended For You

9 Comments to “ “Omishni muuzii daandii ittiin gara invastimantiitti ce’aniidha” -Dargaggoo Miftaa Abbaa Moggaa

  1. Pingback: Undress AI
  2. Pingback: cams
  3. Pingback: pgslot

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *