Namootni magaalota gurguddoo Finfinneefi kanneen biroo keessa jiraatan gaafa haalli magaalota sanaa isaan nuffisiiseefi qilleensa qulqulluu barbaadan gara Dawuroo iddoo fakkeenya nageenyaa taate deemanii yeroosaanii akka dabarsaniif Ministirri Muummee Doktar Abiyyi Ahmad gaafatan.
“Riizoortii uumaan midhaagsee uumeefi deggarsa ‘Gabataan biyyaaf’ jedhamuun midhaagfame Riizortii Halaalaa Keellattis bashannanaa! Koottaa asitti yaadaa, barreessaa, hojii hunda hojjechuuf kan nama gargaaru, naannawa nagaafi ummata nagaa kanatti yaadota haaraa maddisiisuuf haala mijataa waan qabuuf, beellama osoo hinqabanne koottaa asitti yeroo keessan dabarsaa jechuun isin afeerruun barbaada” jechuun Wiixata darbe eebba pirojektichaarratti dubbataniiru.
Doktar Abiyyi akka jedhanitti, iddoon Halaalaa Keellaa jedhamu kan kan uumame har’a osoo hintaane, baroota hedduuf kan jiraateedha. Nuti iddoo kana ni hojjanne ykn ni uumne osoo hintaane, ni agarre. Yeroo hedduu nuti Itoophiyaanootni kan nurraa fudhate deebisuu yoo barbaanne ija keenya. Ija nurraa fudhatame osoo deebifannee marmaartoo waltuffachuu, waljibbaafi waldhagahuu dhabuu kana jalaa guututti bahuu dandeenya. Kana gaafa goonu immoo dachee keenya isa Waaqayyo uumamaan miidhagsee nuuf uume hedduu arguu dandeenya.
Iddoon kun harka keenya waan ta’eef akkana jira malee osoo biyyoota biraa ta’ee maal fakkaachuu akka danda’u yaaduun salphaadha. Iddoon Halaalaa Keellaa kun ijaarsa abboonni keenya waggoota dhibba tokkoon dura ijaaran kan qabu, bishaan qulqulluufi tajaajiloota hedduuf ooluu danda’u kan qabu, gaarreen qalbii namaa hawwataniifi ilaalamanii hinquufamneen kan marfameedha.
Haalli qilleensaa waqtiilee hunda keessatti naannawa kanatti garaa garummaa hangas mara kan fidu miti. Aduun ganama yemmuu baatuufi galgala yemmuu lixxus naannawa kanatti bifa addaatiin kan adeemtu fakkeessee uumaan bareedina addaa gonfachiise.
Haalli jiruufi jireenya ummata Daawuroo naannawa kana jiraatus yemmuu ilaallamu iddoowwan namni tokko umurii dheeraa itti jiraatu keessaa iddoo tokko akka taate ni beekkama. Kun immoo hospitaala addaa yeroo hunda waan fedhan hunda itti yaalaman waan qabduuf osoo hintaane, qilleensa mijataa jiruu namaa dheeressu waan qabduuf qofaadha jedhu.
Uumanni naannawaa kanaa mataasaatiin dhibeewwan akka dhiphachuufi dhukkuboota garaa garaarraa nama fayyisuuf kennaa addaa kan qabuudha. Ummanni naannawa magaalota gurguddootti argamuufi achi jiraatu immoo yoo xiqqaate ji’a tokkoo lamatti iddoowwan akkanaa osoo daawwatee rakkoowwan keessoosaarraa bayyanachuudhaaf carraa ni argata.
Mana ijaaran tokko akkuma irra deebi’anii maaraganii halluu dibanii midhagsanitti, ilmi namaas iddoowwan uumaan miidhagse akkanaatti imaluudhaan seelota keessoosaatti dullooman ofirraa harcaasee isaan haaraan bakka buufachuudhaaf iddoo akanaa yeroo yeroon daawwachuun isarraa eeggama. Iddoowwan akkanaa kunniin fayyaa dhala namaatiifis iddoo barbaachisaa waan ta’aniif misoomni iddoowwan akkanaarratti hojjatamu cimee kan itti fufu ta’a.
Naannawaa kanatti haala teessuma lafaafi umama bareedaa qofa osoo hintaane, ummata nagaafi jaalalli mallattoosaa ta’e, kan nama nyaachisee waan quufan itti hinfakkaanne, nama reebbachuufi nagaa nama gaafachuudhaaf fageenyi isa hindaangeessine, aadaafi duudhaa bareedaa qabu as jiraachuunsaa uumama naannichaatiif midhaagina dabalee jira.
Itoophiyaan biyya sabootni, sablammoonniifi ummattootni aadaa, amantiifi safuu garaa garaa qaban keessa jiraataniidha. Kanaaf Itoophiyummaa dhugaa yoo qabaatte aadaa sirbaafi afaan Daawuroos afaan kooti, aadaa kooti jennee kabajuu qabna. Kanas gochuu yoo dadhabne immoo aadaafi afaan kun kan Daawuroo akka ta’e beekkamtii kennuufii qabna.
Kana waan ta’eefis Itoophiyaa keessatti garaagarummaan aadaafi amantii, akkasumas afaanii jiru waliif kabajuun murteessaa ta’a. Itoophiyaa keessatti immoo sabdaneessummaan jiru sabaafi amantii qofaadhaan kan ibsamu miti. Uumamaanis garaagarummaa haala teessuma lafaafi jijjiirama qilleensaa kan qabduudha.
Nurraa kan eeggamu immoo garaagarummaa sabaafi afaanii jiru qofaa baruu osoo hintaane, garaagarummaa teessuma lafaa qabnu hunda barree eessatti maal yoo hojjanne biyyattii ariitiidhaan guddisuu akka dandeenyu qorannoodhaan adda baasuudha jedhu.
Dhiheenya kana ajjeechaan sukaneessaa ta’e naannoo Amaaraatti hogansarratti raawwatame yaada yaadaan mo’achuuf yaaluu dhaburraa kan madde ta’uu kan yaadachiisan Doktar Abiyyi, qaamni aangoo mootummaa qabachuu barbaadu kamiyyuu karaa humnaatiin osoo hintaane, yaada haaraa maddisiisee ummata amansiisuudhaan ta’uu akka qabu kaasu.
Akka Doktar Abiyyi jedhanitti, yaada haaraa maddisiisuuf immoo iddoowwan uumamaan midhaagan kanneen akka Riizortii Halaalaa Keellaa kunniin iddoo filatamoodha. Wal ajjeesuun, wal arrabsuuniifi maqaa wal balleessuun aangoon argamu kana booda hinjiraatu. Yoo jiraates ammoo kan biyya fayyaduufi biyya ijaaru akkasumas kan nageenya waaraa biyyaaf buusu ta’uu hindanda’u.
Kana waan ta’eef, abbootiin qabeenyaa gochoota akkanaa duubatti hiriirtan, dargaggootni gocha akkanaatiin raafamaniifi qaamootni aangoo karaa wal-balleessuutiin dhufurraa fayyadamuudhaaf yaalan irradeddeebi’anii akka itti yaadan dhaamsa dabarsuun barbaada. Mootummaan gamasaatiin garuu aangoofi ittigaafatamummaa olaantummaa seeraa kabachisiisuufi qaamota gocha shororkeessummaa akkanaarratti hirmaatan seera jala oolchuuf ni hojjata jedhu.
Adeemsa mootummaan olaantummaa seeraa kabachisiisuufi qaamota gocha seeraan alaarratti hirmaataa jiran seeratti dhiheessuuf taasisu kana immoo ummatni Itoophiyaa hundi tumsuu akka qabus dhaamsa dabarsuun barbaada. Ajjeechaan Obbo Girmaa Yeshxilaarratti raawwatame Badhaadhina Itoophiyaa kan dhaabsisu osoo hintaane, kutannoofi hamilee cimaa ta’een ce’umsa gara badhaadhinaatti taasifamu akka si’eessinuuf kan nu gargaaruudha. Nuti kan har’a geenye hoggantoota hedduu aarsaa taasisuun akka ta’e hubatamuu qaba. Qabsaa’ota kufan immoo kan itti yaadannu kaayyoo isaan irratti kufan galmaan ga’uudhaani jedhu.
Itoophiyaan biyya sabaafi sablammoota akkasumas ummattoota hedduu aadaa, afaaniifi duudhaalee garaa garaa qabaniin kan ijaaramteedha. Kana waan ta’eefis “Ana qofaatu Itoophiyaadhaaf yaada bakka bu’ummaa hinqabne qaba” ilaalchi jedhu kana booda biyya kana keessatti fudhatama hinqabaatu. Itoophiyaan hirmaannaa ummattootashee hundaan, ummattootashee hundaaf kan tajaajiltu akka taatuuf hojjachaa jirra.
Kanaafis sabaafi sablammootni aadaafi duudhaa garaa garaa qaban kunniin walitti ida’amuudhaan Itoophiyaa badhaate uumuun akka danda’amuuf riizoortiiwwan akka Halaalaa Keellaa kana hedduminaan kutaalee biyyattii garaa garaa keessatti ijaaruun barbaachisaa ta’a.
Carraa kanaan fayyadamee Itoophiyaa keessatti akkuma taateen xiqqoon takka uumamteen dhimma keessoo biyyattii keessa qaamota galuu barbaadaniif ergaan ani qabu, dhimma keenya nuuf dhiisaatii isinuu waan hojjachuu qabdan heddu qabduu deemaa kan keessan raawwadhaa jechuunii barbaada. Qaamootni Itoophiyaanota walitti buusuudhaan bu’aa siyaasaa argachuuf socho’an gochasaanii kanarraa harkasaanii sassaabbatanii akka taa’an dhaamsa isaaniif dabarsuu barbaada jedhu.
Ummanni Daawuroo akkuma ijaarsa waggoota dhibba tokkoof qarqara Halaalaa Keellaatti ijaarame eegaafi kunuunsaa asiin gahetti Riizortii kanas eeguufi kunuunsuudhaan akkasumas hawaasa daawwannaadhaaf garanatti dhufu immoo aadaa midhaagaa baratame sanaan simachuu akka qabu dhaamaniiru.
Walumaa galatti, Paarkii Michummaa Finfinnetti argamu yeroodhaan ijaaree xumuruun tokko jedhee kan eegale pirojektiin ‘Gabataan Biyyaaf’ ijaarsa iddoowwan biraa heddu eegalchiisuudhaan tibbana immoo Riizoortii Halaalaa Keellaa yeroo gabaabaa keessatti xumuruun tajaajilaaf ifa taasisuunsaa pirojeektota hafaniif hamilee kenneera jedhaniiru.
Bayyanaa Ibraahimiin
BARIISAA SANBATAA Ebla 28 Bara 2015
6 Comments to “ ‘Gabataan Biyyaaf’ Paarkii michummaa Finfinnetti eegale, Halaalaa Keellaa, Dawuroo gale”