Bu’aan marii araaraa kaaba biyyaattiitti argamaa jiru cimee ittifufuu qaba jedhame

Finfinnee: Bu’aan marii araaraa Mootummaa Federaalaafi ABUT gidduutti taasifamerraa argamaa jiru cimee ittifufuu akka qabu Yunivarsiitii Finfinneetti Hayyuun Federaalizimiifi Saayinsii Siyaasaa beeksisan. Bu’aan argamaa jiru waliin jireenya ummattoota biyyaattii gara fuulduraa cimsee kan ittifufsiisu ta’uu akka qabus hubachiisaniiru.

Hayyuun Federaalizimiifi Saayinsii Siyaasaa Doktar Hayilayasus Taayyee ibsa dheengadda Dhaabbata Pireesii Itoophiyaaf kennaniin akka jedhanitti, bu’aan marii araaraa kaaba biyyaatti mul’achaa jiru cimee ittifufuun nagaafi waliin jireenya ummattoota cimsuu qaba. Qaamoleen haala walfakkaatuun mootummaa waliin waldhabdee keessa jiran bu’aa marii kanarraa barachuun gara mariitti dhufuu qabu.

Akka sabaatti ta’e akka gareetti gaaffiilee ka’an furuuf mariin furmaata akka ta’e taatee kaaba biyyaattiitti ta’erraa wanti baay’een baratamuu akka qabu eeranii, kunis waraanaan furmaata fiduuu akka hindanda’amne ifatti kan mul’isee ta’uu himu. saba, sablammootaafi ummattoonni biyyattii mirga walqixxummaa qabaachuu akka barbaadaniifi kana dhugoomsuufis humnoonni sabaaf qabsoofna jedhan mootummaa waliin marii geggeessuun qabeenyaafi lubbuu namaa oolchuun nagaa mirkaneesuun akka irraa eegamu hubachiisu.

Marii mootummaan humna hidhatee bosonaa jiru waliin eegales haaluma walfakkaatuun ittifufeefi bu’aadhaan dabaalamee gara biyya tokko waliin ijaaruutti dhufuu akka qabu kan himan Doktar Hayilayasus, mariin kun yoo milkaa’e ummata Oromoofi biyyaaf nagaafi tasgabbii uumuun sirna dimookiraasii ijaaruuf shoora olaanaa akka qabu eeru.

“Guddina biyyaaf nagaafi tasagabbiin murteessaa ta’us akka biyyaatti aadaan siyaasaa saba, sablammootaafi ummattoota Itoophiyaa jijjiiramuu qaba. Seenaan walharkaa fuudhiinsa aangoo biyya kanaa humnaan kan ture yoo ta’u, amma garuu aadaan akka kanaa hafee mariin furamuu akka qabu bu’aan marii araaraa agarsiisaa jira. Kanaaf, aadaan mariin rakkoo furuu guddatee biyyoota ollaa Itoophiyaa akkasumas Afrikaanotaaf muuxannoo ta’uu qaba” jedhu.

Fiinxaalessummaan adeemsa mariin gufachiisa kan jedhan hayyuun kun, mootummaan biyya bulchuufi ummanni harki caalu gochaa kana akka hinhordofne taasifamuu akka hubachiisu. Waldhabdee mariin furuu keessatti ummattoonni biyyattii nageenya jajjabeessuu, waldhabdee balaaleeffachuun bu’aa marii araaraa argame cimee akka ittifufu taasisuu akka qabanis ni kaasu. Miidiyaan biyyattii miidiyaa nagaa ta’uun nagaa labsuu akka qaban himanii hayyoonnis gara fedhasaaniitti yaada harkisuu dhiisanii yaadota biyya waloo ijaaruu dandeesisan dhiyeessuu akka qaban gaafatu.

Gammachuu Kadiriin

BARIISAA SANBATAA Ebla 28 Bara 2015

Recommended For You

5 Comments to “ Bu’aan marii araaraa kaaba biyyaattiitti argamaa jiru cimee ittifufuu qaba jedhame”

  1. Pingback: iTunes gift card
  2. Pingback: scuba in phuket

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *